Monday, December 19, 2022

Salahaddin Al Ayyuubii

Salahaddin Al Ayyuubii Gabaabinnaan gara Afaan Oromootti By Jireenya Badhaatu (J.A) https://sammubani.wordpress.com/ http://www.facebook.com/jireenyabadhaatu Salah Ad-Din saba Kurdii irraa kan dhalateedha. Maatiin isaa gosa Kurdii beekamtu Ar-Rawadiya jedhamturraayi. Gosti tuni ganda Dewin jedhamtu biyya Azerbejan keessa jiraata turteedha. Ab- baan Salah Ad-Din, Ayyub ibn Shazi ganda tanatti dhalate. Salah Ad-Din bara 532A.H.(1137C.E) mooraa(dallaa) ganda durii Bagdaaditti dhihaattu kan Tikrit jedhamtuti dhalateedha. Guyyaa Tikriti irraa gara Mosul baqachuu hedan kana, mucaan haaroftii Ayyubiif gara addunyaa dhufe. Ayyuubi cinqamee mucaa haarawa dhalate kana akkamitti fuudhe gara Mosul deeman, sab- aba booyicha isaattin rakkoon nu tuquu dandeessi jedhe garmalee yaaddawe. Ajjeesufis yaade. Namtichi tokko akkana jedhe akkeekachiise” Abbo Mucaa haarawa dhalateef hin yaaddawin, inni homaa kan hin beeknedha. Kuni Murtii Rabbiiti. Mee akkamitti beekta yookaa fuunduratti mootii fi nama amala gaarii qabu ta’uu danda’a? Ka- naafu sirritti kunuunsi, yaaddo kee hoomaa kan hin beekne waan ta’eef.” jechoonni kunniin Ayubiin irratti dhiibaa guddaa uuman. Achiin booda tasgabba’e. GUDDINA Ayyubi fi Shirkuun erga Bagdaadin gadii furanii gara Mosul baqatan. Bulchaan Mosul Imad Ad-Din Zanki 1 magaalaa kaaba Iraaqiiti argamtu, 400km Bagdaadirra fagaatti jedhamu haala gaariin isaan qeebale(simate). Lafa kennefi hoogganaa loltootas isaan godhe. Sab- abni arjumaa kanaa yeroo Ayyubi fi Shirkun komaandarii Tikrit turan, İmad Ad-Din Zanki Seljuk waliin wal lole. Dirree waraanatti erga injifatameen booda Ayyubi2 fi Shirkuun qabame. Filannoon jiruu yookaa ajjeesu yookin hidhuu ture. Ayyub garaa laafefi Imad Ad-Din Zanki kana gadi fure. Sababa kanaan bulchaan kunis isaanif arjoome. Yeroo Imad Ad-Din Zanki bakka Ba’albak jedhamtu bara 534 A.H qabatu, Ayyubiin bulchaa godhe muude. Mucaan Ayyub, Salah Ad-Din kutaa ijoollummaa isaa Ba’albak itti dabarsee. Farda gulufsiisu, wa- raanaf leenji’uu, siyaasa fi bulchiinsa shaakalu asitti barate. Yeroo ilmi Imad Ad-Din Zanki, Nur Damaasqo qabatu bara 1154C.E. Salah Ad-Din yeroo isaa mu- raasa asitti dabarsee. Magaala tanatti gootumma fi irreen isaa guutamte. Nama amala gaarii qabuu, tasgaba’aa fi gara laafa ta’uun beekamu jalqabe. Yeroo Nur Ad-Din (ilmi Imad Ad-Din Zanki) Damasqoo bulchuu Salah Ad-Din itti gaafatamaa polisi Damaasqo ta’uun muudame(shuumame). Yeroo kanatti Salâh Ad-Din yakkoota, malaamal- tummaa, hannaa fi kkf qulqullessu jalqabe. Hawaasni bulchiinsa isaa jalatti tasgabbii fi nageenyan buluu eegale. Yeroon inni İjibtitti(Misiri) dabarsee yeroo barbaachisa gootummaa fi muxanno loltummaa itti uummatedha. Gabaabsuuf, Salah Ad-Din umrii isaa ganamaa, waggaa kurnan(decade) 2ffaa fi 3ffaa dargagum- maa keessatti amala baay’ee gaarii fi qulqillina ol’aanaan kan guddifame ture. Dandeetti lol- tummaa, aadaa, fedhii gadi fagoo Islaamummaa, barnoota fi dinagdee horachuu saahibummaa inni moototaa fi bulchiitoota waliin uumen argate. Kuni amala addaa, baay’ee gaarii yaa’insa seenaa jij- jire uumef. BARNOOTA Akkuma irranatti jenne Salah Ad-Din umrii duraa isaa Ba’albak itti dabarse. Iddoon barnoota isaa magaalaa tokkorra gara magaalaa biraatti jijjiramaa ture. Akkamitti akka dubbisanii fi barreessan, Qur’aan haffazu fi ser-lugaa Afaan Arabaa baratee jira. Salah Ad-Din Hadiisas beektota garagaa irraa baratee jira. Salah Ad-Din dandeetti farda gulufsiisu, dhandhollo darbuu, adamsuu fi aartii loltuu garmalee qabaa ture. Sababni isaas naannoo inni itti guddate kuni dandeettiwwan kanaan kan badhaadhedha. Akka guddunfaatti, Salah Ad-Din muxannoo siyaasaa fi hogganummaa kan qabu, loltu leenji’e fi aalima(beekaa) guddaa ture. Shaampiyona(champion) dirree lolaa Hattin ta’uu, sodaa onnee Qaxxaamurtoota(Crusaders) keessatti darbuu, Baha Dhihaa beekamaa ta’uu, fakkeenya gaarii dha- loota funduraaf kaa’u, fi seenaa keessatti akka galmaa’uf akka waan qadaan(destiny) isa bar- baaddetti. 2 Maqaan guutu abbaa Salâh Ad-Din, Najm Ad-Din Ayyubi ibn Shazi jedhamaa ture. Akka sirritti hubatamuuf Ayyubi qofa asitti fayyadame. A.H. -After Hijra How impossible for mothers to give birth to another like Salah Ad-Din with his zeal and bravery, the defence of stronghold of Islam and the land of prophets (Jerusalem). Salah Ad-Din odoo Ijibtiin hin seenin duratti sirna Faatimid jedhamuun bulaa turte. Yeroo sirna mootummaa kana keessatti finciltoonni garagaraa finciluu jalqaban. Gara alaatillee Qaxxaamur- toonni (Crusaders) Jerusaalami fi naannawa ishii jiran dhiibbaa guddaa Ijibtiin irratti uumaa tu- ran. Mootumaa Faatimid kana hundaa too’achuu dadhabe. Mootin Damaasqoo jiru Nur Ad-Din fi mootiin Jerusalem Frankish Crusader Almarik(Arabiffaan Al-Amuri) xiyyeeffannoo guddaa İjibtitti kennan. Lachuu angoo ofii jabessuuf karaa Ijibtiin itti qabatan barbaadu. Mootiin Nur Ad-Din fi Almarik jidduu Ijibtiin qabachuuf qabsoon sadarkaa lama erga adeemsifameen booda, dhumarraatti Nur Ad-Din Ijibtiin too’ate. Qabsoo kanniin kana keessatti Salâh Ad-Din fi abbeeran isaa Shirkuh hirmaatanii turan. Kaliifa mootummaa Faatimid, Al-Adid kan jedhamuun Ijibtiin keessatti qondaala mootummaa(vi- zier) godhun Salah Ad-Dinin muude. Umriin salah Ad-Din yeroo vizier ta’uu waggaa 32 turee.Sala- haddin, Nur Ad-Din fi abbeeran isaa Shirkuu waliin muxannoo waraana baay’ee gabbiifamate. Salah Ad-Din hawaasa ijibtii karaa adda addaattin isaan quubsu yaale. Akka bulchiitoota naannoo garagaraa waliin ta’anii isatti hin fincille, haawasa ijibtiitti qarshii itti roobsu fi gara laafummaan isaan kunuunse. Kanarraa kan ka’ee hawaasni isatti dhihaatu fi garmalee jaalachu eegale. Dabalataanis, injifannoon Firaankota irratti, bilisummaa Damiyet, Gaza fi Aqabah maqaa fi sa- darka isaatif gumaacha guddaa godhan. Salah Ad-Din magaalota kanninii fi qubannaa dooni Aqa- bah bilisoomse. Karaa Aqabaa kanaan ummanni İjibtii hajjiif gara Makkaa deemaa turan. Injifan- noon guddaan kunii fi eegumsi karaa hajjaajota ,jaalalaf ofitti amanamummaa isaa fi ummata ijibtii jidduutti akka uumamuuf sababa guddaa ta’eera. Kana irraa kan ka’ee ummanni Ijibti garee Shi’aa lakkiisuun gara Sunniitti deebi’aniru. Salah Ad-Din waliin ta’uun diina(aduwwii) Rabbiiti fi isaani loluuf qophaa’an. Bulchiitonni isaa gadii wanta inni hojjatu kana kan hin jaalanne achii isa buqqisuuf shira adda ad- daa dhahuu jalqaban. Shiroota gurgudda keessaa mee kanniin haa ilaallu. SHIRA NAJAH BARA 564 A.H Kormii Najah jedhamuu masara mootii Al-Adid3 keessatti garee Ijibtoota garii(muraasa) waliin gurmaa’unii fi Firank waliin saahiba ta’uun Salah Ad-Din itti finciluu barbaade. Kormii kunii Qaxxaamurtootaf gara ijibtii dhufanii Salâh Ad-Din achii akka buqqisaniif ergaa erge. Ergaa erga barreessen booda kophee haarawa keessa kaa’un akka Firaankitti geessuf namticha tokkotti kenne. Haa ta’uu malee kopheen namoota Salâh Ad-Din waliin gurmaa’an keessaa nama harka tokko keessa gale. Namtichi kophee fi ergaa kormichi firaanki barreesse Salah Ad-Din itti fide. Salah Ad- din akka hordoftoonni fi deeggartoonni Najah issatti hin fincilleef, adabbii Najah tursiise. Yeroo fi bakka murteessef. Gaafa Najahan gara masara mootumma isaa Kaayiron alatti argamutti adeemu, Salah Ad-Din garee loltootaa erge akka ajjeessan ajaje. Kana irraa kan ka’ee loltoonni Suudaan 450,000 ta’an gadoo baafachuuf Salah Ad-Din itti olka’an. Lolli loltoota Sudaani fi Salah Ad-Din jiddutti adeemsiifame guyyaa lamaaf ture. Dhumarratti Salâh Ad-Din moo’ate isaani fi Najah irraa bilisa ta’e. Haa ta’uu malee jarreen qofa osoo hin ta’iin bulchitoonni Faatimid bakka adda addaa jiran shira ibiddaa itti qabsiisa 3 Kalifa Sirna Faatimid isa dhumaa SHIRA IMARAH AL- YAMANII Kunis akkuma duraa deegartoota Kaayiroo keessatti walii qabee, Salâh Ad-Din buqqiise sirna Faatimid deebisuu barbaade. Ergaa Frankif erge. Haa ta’uu malee Salah Ad-Din shira isaanii mootumma haala gaariin ijjaarrama jiruu kana diiguf shiran kana yerooma san baree isaan hundumaa walitti qabee ajjeesse, fakkeenya namoota birootif akka ta’aniif. Shirri kuni bara 569 A. H adeemsiifame Faatimid deebisuu barbaade. Ergaa Frankif erge. Haa ta’uu malee Salah Ad-Din shira isaanii moo- tumma haala gaariin ijjaarrama jiruu kana diiguf shiran kana yerooma san baree isaan hundumaa walitti qabee ajjeesse, fakkeenya namoota birootif akka ta’aniif. Shirri kuni bara 569 A. H adeemsiifame. SHIRA KANZ AD-DAWLAH Shirri kuni bara 570A.H. Aswan fi Qus itti adeemsiifame. Bara 570A.H. bulchaan Aswan, Kanz Ad- Dawlah sirna Faatimid deebisuuf Araboota fi Sudaanota walitti guure gara Kaayiroo qajeele. Kaayyoo kana galmaan gahuf horii baay’ee gadi naqee. Gareen biraa isa waliin gurmaa’ee Prin- soota(bulchoota) Salah Ad-Din jala jiranii kudhan ajjeessan. Namtichi Qiyas İbni shaadi jedhamu ganda Tud irraa Qus weraree qabeenya magaalatti saame. Sa- lah Ad-Din loltuu guddaa obboleessa isaatin(Al-Malik Al-Adil) hogganamuu qophesse; Qiyas ibni Shadi ajjeessun loltoota isaa bittineesse. Achiin booda Al Malik Al Adil gara Tud deemun Kanza Ad Dawlah waliin wal waraane. Achiin booda Kanzaan dirree waraana dheesse Safar 7 ffaa irratti ajjee- fame. Kanaafu Salâh Ad-Din shira fi cunqursoota ijibtii irraa qulqullaa’e. Warra badii malee gaarii um- mataaf hin yaadne kan akka Sisii ammaa kana fa’a hundee ishii balleesse. Haati kana akka isaa lamuu deessu eessaa haa argamturee? Qormaanni biraa isa eeggatu maal ta’inna laata? Qormaanni inni itti aanu warra alaa ija itti boobasu, ija isaani jaamsudha, kan akka Qaxxaamurtoota (Crusad- ers). Yeroo inni kana hunda hojjatu Firaankonni Jerusalem garmalee hordofuu fi eegu turan. Akka um- manni isa waliin gurmaa’ee Lafa Nabiyyoota (Jerusalem)hin bilisoomsineef, garmalee sodaatu. Isa buqqisuuf qophii guddaa godhan. Yaaliin jalqabaa dhawiinsa(attack) Dami’etta5ti ture. Yeroo bulchiinsi Salâh Ad-Din sirritti gadi ijaarrame, sodaan Qaxxaamurtoota hagugde. Akka Jeru- salemiin eeganii fi humna dabalaniif ergaa Spenii fi Sisili itti ergan. Dabalatanis, akka ummata fin- cilaaf kakaasanii fi qarshii meeshaa waraanatiif gargaaraniif,garee monkoota fi qeeysota ergan . Loltoonni Qaxxaamurtoota, Dami’eta bara 564A.H.itti marsan. Salah Ad-Din loltoota meeshaa waraanaa hidhatan karaa laga Naayilitiin Dami’eti itti erge. Firankoota akka achii baasu gargaarsa Nur Ad-Din Damasqo jiru gaafate. Nur Ad-Dinis gargaarsa gaafatame duula waraanaa gara ijibtii erge. Ofii isaati fi loltoota biraa waliin gara bulchiinsa Qaxxaamurtoota Shaami fi Filisxeemin kees- satti argaminitti seene. Firaankonni kana yoo dhagahan bultii shantama Dami’eta keessa erga tu- ranii booda mufatanii achii taran. Waggaa shaniin booda bara 569A.H, Firaankonni 6 Sisily irraa dhufan Aleksandariya weeraran. Du- ulli isaani farda dhibba shani fi loltoota kuma soddoma fi meeshaalee waraana garagaraatin daan- gaa galanaa irra qubate. Yeroo achi gahan Musliimota torba ajjeessanii, doonii musliimota garii ga- laanatti dabarsan. Dukkaanas jalaa tarsaasan. Yeroo Aleksandariyan marfaamtu Salâh Ad-Din magaalaa Fuqas jedhamtu keessa ture. Guyyaa sa- diihin booda erga dhagahee, loltoota meeshaa waraanatin qopheesse itti duule. Guyyaa afraffaa ir- ratti Salâh Ad-Din isaan injifachuun doonii isaani galaanatti dabarsee, baay’ee isaani ajjeesse, korojoo fi meeshaa waraana isaani akka boojitti fudhate. Loltoonni hafan mufiin gara biyya ofiitti dacha’an. 4. Yeroo sanitti suudanonni Ijibtiin kan bulchan keessaa tokko turan. 5. magaala qarqara Nayil irratti argamuttu,200 km kaayiroo irraa fagaatti Guduunfuf, Salah Ad-Din yeroo lama Firaankotarraa Ijibtiin baraare. Kuni kan agarsiisu Salâh Ad- Din akka seyfitii morma Qaxxaamurtoota irratti ta’ee, Islaama fi Muslimoota eegu irratti akka leen- caa ta’e. (Dhugaaman Salah Ad-Din leenca seenati. Nama gadhe yoom seenan qalama gurraachan barressite dhaloota barsiiste beekti? Goota akkana kan seenan fuula adii ofii irratti galmeessite dhalootaf dabarsiite. SALAHADDIIN DAMAASQO KEESSATTI Erga Mootiin Damaasqo Nur Ad-Din du’een booda mucaan isaa Al-Malik As Salih jedhamu angoo dhaale. Umrii isaa reefu waggaa 11. Bulchiitionni naannoo sooriyaa garagaara mucaa xiqqaa waa hin beekne kanarraa karaa adda addaatiin qabeenyaa fi dinagdee irraa hodhu. Biyyaattin fincilaa fi jeequmsa bulchiitota naannoo garagaraa jiddutti uumamu irraa kan ka’ee na- geenya fi tasgabbii dhabde. Haqummaan dhabamuu fi cunqursaan biyyaatti keessatti babal’ate, ak- kuma yeroo amma ijaan agarru kanatti. Tokko kan biraa injifatee angoo qabachuuf Firaankota Je- rusalem irraa gargaarsa barbaada. Salah Ad-Din wanta kana yoo arguu jidduu seenu barbaade. Haa ta’uu malee yeroo sirrii jidduu seenu sirritti eegaa ture. Maarre guyyaa tokko hawaasni Damasqo biyyaatti Prinsotaan jeeqamte akka tasgabbeessu, Salah Ad-Din’i xalayaa ergan. Salah Ad-Din’is baay’ee gammade fuula isaa gara Bursaatti qajeelche. Achiin booda gara Damasqo deeme. Saniin booda dinagdee fi qabeenya baay’ee walitti qabee. Salah Ad-Din qarshii fi horii walitti qabuu, dinagdee fi qabeenya walitti tuulu, biliclicii addunyaa tana keessa gangalachuufi angoo hin saamne, akka wallaaltoota mootota ammaa. Fuggisoo kana inni jiruu of gahaa(life of suffiency) jiraate. Hiyyuumman irraatti akka du’ee gara funduraatti ni ilaalla. Mee isin gaafadhaa qabeenya mootii kanaa hagam turee tilmaamu dandeessanii? Qabeenya kanniin qajeelfama Islaamummaa irratti hundaa’ee haqummaa haawasaa galmaan ga- huu fi wallaalummaa, hiyyummaa fi dhibee balleessuf, hiyyeessafii kadhataa jiddutti raabse. Salah Ad-Din cunqursaa ummatarraa kaasuf, mirga isaani laatuf, gibira haqa hin taane ummatarratti bulchitootan fe’amee irraa buusuf, Mana Murtii Haqaa Damasqo keessa ta’ee. 6 Frankoota jechuun jaleen isaani gosa Jarman irraa kan ka’anii fi amantii kiristaanumma kan hor- dofaniidha. Qaxxaamurtoota waliin kan gurmaa’aniidha. Qaxxaamurtoonni(Crusaders) Musliimo- ota Jerusalem keessaa baasuf Awrooppa irraa kan ka’aniidha. Cunqursaan isaan hojjatan gara boo- datti kan ilaallu ta’a Angoon Salâh Ad-Din Damasqo keessatti erga sirritti gadi dhaabbate booda, Damasqo kan dhufeef Mucaa xiqqaa Al-Malik As-Salih barsiisuf, jecha Islaama tokko gochuuf, dhimmoota karaa sirriiti dheebisuuf, diina(Aduwwii) karaa itti cufuu fi cunqursitoota buqqisuuf akka ta’ee ergaa fi marii isaa keessatti xiyyeefannoo itti kenne. Damasqo keessa yeroo gabaabatti dhimma walitti qabee, ba- dii erga sirreessen booda, obboleessa isaa Sayif Ad-Din Taghtakin bulchaa Damasqo godhe muude. Achiin booda ofii isaati gara Homs’itti fuula qajeelche. Dallaa irraa kan hafe Homs guutuu too’ate. Dallaan komaandarootan akka marfamuu dhiisefii gara Hamah adeeme. Yeroo achi gahu bulchaan Hamah, Izz Ad-Din Jurdik,kan jedhamu harka kennu dide. Achii Salâh Ad-Din magaalatti Firaankotarraa eegu fi magaloota Al-Jazirah bulchaa Mosul kan ta’e Sayif Ad-Din’in kan too’ata- man deebisuuf akka dhufee Izz Ad-Din Jurdik itti hime. Asiin booda bulchaan Hamah kuni amane Salahaddini harka kenne. Gabaabsuuf, Salahaddin magaalota sooriya kan akka Aleppoo,Hamah, Homs fi kkf karaa walii galteenifii waraanatin too’ateera. Yeroo kanatti shirri fi yaalin ajjeecha garee Ismaa’iloota, Firaankota fi pirinsoota Nur Ad-Din irraa irratti raawwatamee ture. Humnoonni sadan kunniin tokkuummaa Islaamummaa Soriyaa, Iraaqi fi Ijibtii dubatti harkisuuf walitti saa-hibooman (hiriyyooman). Haa ta’uu malee Salahaddin ogummaa, angoo, ijjannoo fi qarummaa Rabbiin isaa kennetiin isaan injifate. BIYYOOTA BULCHIINSA SALAHADDIN JALATTI GURMAA’AN. Erga Sulxaanni Damasqo Nur Ad-Din du’een booda,goonni Salahaddin Musliimota Addunyaa alaabaa isaa jalatti tokkoomsuuf(gurmeessuf) carraa hundatti fayyadame. Dandeetti loltummaa, muxannoo siyaasaa fi waraanaa waan qabuuf tokko tokkoon booda tokkoomsu danda’era. Yaman keessatti paartileen garagaraa wal dhabbii fi wal lola addaan hin cinne keessa turan. Mus- limoonni akkanatti yoo wal ajjeessanii fi wal cunqursan Salahaddin garmalee quuqame. Kanaafu obboleessa isa Turan Shah akka jeequmsa kana dhumaan gahu Yamanitti erge. Yaman’in bulchi- insa isaa kan Sooriyaa fi Ijibtii waliin gurmeessun milkaa’e. Baruma Yaman qabamte kana, Salahaddin Barqah, Tripoli fi Baha Tuniziyaa irraa hanga Qabis ga- hutti bara 569A.H. too’achuu danda’eera. Bara 579 A.H Salahaddin obboleessa isaa al-Malik Al-adil akka konfaransii Islaamummaa ambaasaddaroota Musliimota addunyaatiif Damasqo keessatti qopheefame irratti akka hirmaatu affeere. Aalimonni fi Ambaasaddoronni garagaraa konfaransii kanarratti hirmaataniiru. Xaarin Salahaddin dhabamiinsa walii galtee fi wal lola bulchitoota Mus- limootaa jidduu jiru haaqu fi obbolummaaf araara isaan jiddutti ijaarudha. Ambaasadar Mosul ir- raa dhufeen ala hunduu kanarritti walii galan. Inni, tokkicha Salahaddin mormee fi walii galuu dideedha. Bulchaan Mosul addunyaa Musliimaa waliin yeroo tokkomuu didu, Salahaddin karaa sirriitti deebisuuf isa waraanuf dirqamee. Yeroo Salahaddin magaalaatti marsu, bulchaan ishii Izz Ad-Din Waligaltee Harran’itti(Harran Treaty) araaramee harka kenne. Akka waliigalteetitti Izz Ad-Din magaalota Shahar Zur, Al-Qarabili, Tafjak fi naannnawa isaanititti argaman Salahaddini dabarsee kenne. Karaa biraatin immoo, Salahaddin magaala Mosula Izz Ad-Dini kenne. Dabalataan, Izz Ad- Din imaammata Salahaddin hordofuu qaba. Akkuma irranatti ibsametti, Salahaddin naannolee fi magaalota baay’ee alaabaa tokko jalatti gur- meesse. Magaalota fi diira(town) baay’ee bulchee, Ramlah irraa qabee hanga Nayilitti, Kaaba Afri- kaa irraa hanga Tiripooliti. Yaman, Aden, Qarqara Tiripoli fi kutaa Tuniziyaa irraa hanga Qabis ga- hutti, dabalataanis Ijibt, Soriyaa fi Kaaba Iraaq too’ateera. Biyyoonni bulchiinsa isaa jala turan kanniin armaan gadiiti: Kaaba Iraaq(Kurdistaan),Sooriyaa Gudditti(Sham) ,Yaman, Ijibt(Misir),Moroko fi qarqara Kaaba Afrikaati. Shakkii tokko malee Hawaasni Musliimaa abdii guddaa Salahaddin irra kaa’atan. Tokkumma Mus- lima galmaan akka gahu wanta gaarii isarratti argan. Tokkummaa cimaa kana booda, yeroon wa- raana murteessa irratti Qaxxaamurtoota (Crusaders) rukutanii fi Jerusalemi keessaa ari’an dhu- fuufi. Kan seenan galmeessu fi dhaloonni itti boonu. Walaleessitonni garagaraa tokkumma bulchi- insa Salahaddin jalatti, gaarummaa(goodness) ummaaf(nation) fi Injifannoo Islaam akka ta’etti ilaalu. Sababni isaas, Ummaan qondaaltota dandeetti bulchiinsa hin qabneen baay’ee dararamaa ture. Ibn Sanan walaloon akkana jechuun ibse: Too’anna kee xumurii Jerusalem qabunii Itti fufii too’achuu Sirnis itti haa fufuu QAXXAAMURRI (CRUSADE) MAAL TURE? Qaxxaamurri duula loltummaa jaarraa lamaaf Jerusalemin harka Musliimota irraa bilisomsuu fi Muslimoonni addunyaa hafan akka hin weerarre daangeessuf ,Awroppaanotaan kan adeemsiifam- edha. Sababoota Duula Qaxxaamuraa 1. Qaxxaamurtoonni (Crusaders) Islaama fi Musliimota garmalee jibbu. Sababni isaas, Jerusalemi fi naannoleen biraa kan akka kutaale Eshiyaa, Afrikaa fi Awroppa harka Kiristaanota keessa turan Musliimotaan waan too’atamaniif. 2. Konstantinopoli(İstanbuli ammaa) Musliimota Seljukin akka hin too’atamne sodaa jala jirti.Akka Musliimoonni magaala tana hin too’anneef mootin Bezantaayin Alexius Comnenus biyyoota Kiristaanaa irraa gargaarsa gaafate. 3. Kiristaanonni Jerusalemin dhufanii yeroo gara Awroppa deebi’an himannaa kununsa badaa dhi- heessan. Monkiin Faransayi Peter the Hermit jedhamu Kiristaanotaa fi Musliimota jiddutti jibba hamaa uume 4. Wantoonni akka fedhii gadi fagoo Amantii(Religious Zeal), fedhii Jerusalemin bilisoomsu fi araarama cubbuu warra waraanatti hirmaatef kakaasa guddaa turan. Fedhiiwan kunniin bish- opotaani fi qeeysotaan betakiristaana keessatti akka gorsaatti ummataa kennamaa ture. 5. Faatimid’oonni Ijibt keessatti argaman Bezantaayinoota waliin saahibomanii lafoota isaani(kan Bezantaayin) Musliimota Seljukiin qabaman bilisoomsu barbaadan. Pope Urban II dubbii baay’ee barbaachisaa ta’ee Faransaayi keessatti Mana Marii Clermont jedhamutti kenne. Waraana Qaxxaamura 1ffaa bara 488A.H(1095C.E) akka duulan walii galan. Dub- biin isaa, jibba Islaama fi Musliimota kan agarsiisu ture. Akkana jedhe labse, “Waraanni kuni magaalaa takka qofa too’achuu osoo hin ta’iin, Eshiyaa guutu too’achuu fi qabeenyaf dinagdee lakkobsa hin qabne qabachuudha. Hajji(Pilgrimage) Jerusalemitti gootanii Lafa Qulqullu tana malaamaltootarra bilisoomsu qabdu. Sababni isaas, Akka Towraat labseetti lafa aannani fidammi keessa yaa’udha.” QAXXAAMURRA 1 FFAA (FIRST CRUSADE) FI TOO’ANNAA JERUSALEM Bara 486 A.H.(After Hijri)Monkiin Faransaayi Peter the Hermit jedhamu Jerusalemin daaw’ate. Yeroo achii deebi’uu Qeeysiin walqunnamee lola Qaxxaamuraaf namoota akka waamu gaafate. Qeeysiin marii Kaaba Xaaliyaani Piacenza keessatti adeemsise. Achiin booda Mana Maree Clermont (Faransaayi) keessatti akka waraana labsan walii galan. Loltoonni Qaxxaamurtoota Konstantinopolitti wal gahuuf walii galan. Yeroo Kootan tokkofaan Eshiyaa Xiqqiti(Asia Minor) keessa darban Seljukni Qalij Arsalan dirree waraanaa guddatti isaan injifate Kootan biraa immoo Pirinsoota fi fiwudaltootan kan gurmeeffame Kaabaa fi Kibba Fa- ransaayi(warri kuni Firaankota jedhamu) fi Kibba Xaaliyaniti kan dhufaniidha. Konstantinopolitti walitti qabaman. Yeroo Eshiyaa xiqqiti darban Seljukni Qalij Arsalan jidduu isaani seene. Wa- raanni isaan lamaan jiddutti dhoohe. Qaxxaamurtoonni isa injifatanii ji’a saddeeta erga marsaniin booda Antioch’in7 too’atan. Achiin ji’a tokkoof Jerusalemin erga marsaniin booda bara 492A.H(1099 C.E) itti too’atan. Hojii Amantiini fi rahmataan wal faalleesu ilma nama irratti hojjachuu jalqaban. Wanta sukanessaa fi baay’ee jibbisisaa Musliimota irratti dalagan (hojjatan). Hanga dhigni Masgiida Al Aqsa keessatti garmalee dhangala’utti lubbu Musliimota 70,000(kuma torbaatamaa) gahu ga- laafatan,xiqqaa guddaa osoo hin jedhin. Ibni Al-Asir jibbama haawasa Muslamaa yeroo sanii yoo ibsu akkana jedha: Ji’a Ramadanaa keessa namoonni Al-Qadi Abu Sa’id Al-Harwi waliin Sooriyaa irraa gara Bagdaad dheesu turan. Gocha sukaneessa fi yakka hamaa ija imimaanin guute fi onnee dhukkubse ergaa isaa keessatti galmeesse. Salaata Jum’a salaatanii Musliimota ajjeefamaniif, dubartoota fi ijjoolle qabamaniif fi dinagdee saamameef yaadachaa, booyaa gargaarsa gaafatu. Kanaafu guyyaa kana sooma isaani hiikan. Yeroo rakkoo akkamii turtee!!!!! Qaxxaamurtoonni lafoota sooriyaa keessa jiraatan. Bulchiinsa baay’ee qarqara Galfa (Gulf) Ale- ksandraya irraa kaase hanga Askelonitti8 fi Galfa Aqabah irraa kaase hanga Kaaba Ar-Ruha (yeroo ammaa Urufa, magaala Turkii) keessatti ijaarratan. 7 Magaala yeroo ammaa Antakiyaa jedhamtu Turkiin keessatti argamtuudha. SABABOOTA INJIFFANNOO QAXXAAMURTOOTA Sababni inni baay’ee guddaan Jerusalemi fi biyyoota naannawa ishii Qaxxaamurtoonni akka too’atan godhe, wal lola ,wal dhabbii fi dhabamiinsa waliigaltee hawaasa Muslimaa jiddutti uumameeni. Diinni wal dhabbii, dadhabbii fi kufiinsa ummata Musliima argeeti malee silaa lafa Musliimota fi iddoo qulqullu hin too’atu ture; ijaarsa isaani barbadeessu fi namoota gurguddoo gadi xiqqeessu hin danda’u ture. Fakkeenyaf; ● Yommu Qaxxaamurtoonni Jerusalemin marsanii cufan, Muhammed ibni Malikshah ob- boleessa isaa Barkiyaruq waliin wal lolaa ture. ● Yommuu Firaankonni Asre(Acre) harkatti galfatan, moottonni Sooriyaa jidduu ofitti wal lolu turan. ● Biyyoonni Muslimaa wal qoqqoodu fi shira walitti baasu turan. Biyyoonni Muslimaa gariin, biyya Musliimaa biraa waliin wal waraanuf Firaankotarraa gargaarsa ni gaafatu turan. Qorattoonni seena akka jedhanitti too’annaa kanaaf sababa kan ta’e Ummaa Muslimaati. Rabbiin isaan hin miine, ofumaa of miidhan. Mee wal bira qabne haa ilaallu seenaa tanaa fi kan yeroo ammaa ummanni Muslimaa irra jiruu waliin. Waan baay’ee irraa baranna yoo gadii xinxallinee ilaalle. Qaxxaamura 2ffaa (Second Crusade) Akkuma irranatti jenne, akka Qaxxaamurtoonni Jerusalemin qabatan sababni inni guddaan kufi- insa mootumota hawaasa muslimaati. Kanaafu Qaxxaamurtoota achii buqqisuuf fooyya’insaa fi tokkummaa malee furmaanni biraa hin jiru. Fooyya’insii kuni mul’achuu kan eegale, yeroo İmad Ad-Din Zanki mootumma cimaa Mosul irraa hanga Ma’arat An-Nu’man gahutti bara 521A.H keessa hundeessedha. İmad Ad-Din Qaxxaamurtoota bakka 9ay’eetti loleeni jira. Kanniin keessaa bara 539 A.H. bakka Ar-Raha jedhamurraa bulchiinsa isaani buqqise. Moo’atamuun isaani kunniin akka jeeqamanii fi Mootiin Louis V Faransaayi fi Imperari Konrad III Jermani, lola Qaxxaamura lamaffaa keessatti akka hirmaataniif sababa guddaa ta’eera. Erga ab- baan isaa ,Imad Ad-Din Zanki, du’een booda kutaale dhihaa kan bulchuu İmad Ad-Din Mahmud ajjeessuf irratti walii galan. Sababni isaas Firaankotaaf sodaan(threat) guddaan akka isa ta’etti ilaalu. Qaxxaamurtoota fuula isaani gara Damaasqo erga qajeelchanii yeroo gabaabaf naan- neessanin booda gadii dhiisanii achii taran. Kuni kan adeemsiifame bara 543 A.H ture. Kanaafu Qaxxaamurri lamaffaan asumarratti kufe. Qaxxaamurtoonni achii deemun isaani sun hawaasa Musliima kakaase, afuura olkaasef, Dirree waraanaa Hattin kan Qaxxaamurtoota itti injifachuu hedaniif karaa laafissef. 8 Ascelon- magaalaa yeroo amma yahudota jala jirtu Dirree Waraanaa Hattin’itti Injifannoo Salahaddin Sababoota Waraanaa Akkuma kutaale darban keessatti jenne Salahaddin mootumma tokkummaa’e guddaa kan Kaaba Iraaq, Sooriyaa Gudditti(Shaam),Ijibti, Yamani fi Barqaa of keessatti hammate hundeesse. Firaankota weeraru, Jerusalemin deebisuu fi magaalota biraa harka isaanitii baasuf waraana guddaa qopheesse. Haa ta’uu malee gadoo isaan ajjeechaa jumlaa Jerusalemi fi yakka masgiida Al- Aqsaa keessatti hojjatan deebisuu fi barnoota isaan gonkumaa hin irraanfanne barsiisuf yeroo sirriif eege. Yeroon gadoo itti deebiifatu amma dhufee jira. Yeroon kunis gooftan Kerak(lord of Kerak) , Re- ginald of Chtillon jedhamu karaavani(tuuta) daldalaa Salahaddini amanamoo ta’an bara 582A.H.(1187C.E) keessa itti rukutedha. Bulchiinsi Kerak, Ijibtii fi Sooriyaa jiddutti tan ar- gamtudha. Waliigaltee Salahaddin waliin qabuu turan. Keenyata walii galtee keessaa, Karavaanin Musliimota Ijibti fi Sooriyaa jidduu nagahan dhaqanii akka galaniidha. Yeroo san bulchaan Kerak Musliimota hajjii deebi’an haleeluf waraana qopheesse. Salahaddin ha- jjaajota akka eeganiif namoota jihaadatti waame. Loltoonni Salahaddin hanga hajaajjonni nagahaan dhufanitti naannawa Basra bakka Qasr As-Salamah jedhamtu qubatan. Hajajjoonni di- ina(aduwwi) waadaa fi waligaltee dhiigu irratti Salahaddini Injifannoo akka keennuf Rabbiin kadhatan.Fanatisismi(fanaticism) fi jibbummaan Firaankota jaamsite. Diinummaa fi walaalummaan onnee isaani gogogsite. Qophii guddaa erga godhanii booda, Salahaddin warroota isa gorsan waliin yeroo sirri Firaankota itti haleelu ilaalchise waliin mari’ate. Guyyaa Salaata Jum’aa booda dhaadannoo “Allaahu Akbar!” fi Du’aayi Injifannoo waliin Rabi Al Akhir 17ffaa bara 583A.H irratti murteessan. Salahaddin Damasqo gadi lakkise handhuura loltoota walitti gurmeessan tan taate, Ras Al-Maa itti fuula isaa qajeelche. Yommu Salahaddin gara Basra deemu, mucaan isaa Al Malik Al-Afdal Ras Al Maa itti hafe. Salahaddin Basra irraa gara dallaa Keraki fi Ash-Shubkitti fuula isaa qajeelche. Achiin booda gara Tiberiyan’itti deebi’e. Inni Loltoota karaa Rabbii irratti akka lolaniif, dammaqsuu fi kakaasuf humna hin hambi- fanne. Inni yeroo hundaa kan gaddu fi aaru ture. Nyaata baay’ee xiqqoo nyaachaa ture. Sababa isaa yoo gaafatan, akkana jedhe deebisa, “Akkamitti kolfii, nyaanni fi hirribni naaf gaarii ta’a, osoo Jerusalem harka Qaxxaamurtoota jirtu.” Saahibni isaa Al-Qadi Baha ibn Shaddad haala isaa ak- kana jedhuun ibsa: Too’atamuun Jerusalem dhimma guddaa gaarri baadhachuu hin dandeenye ture. Salahaddin haa- dha daa’imni jala deebi’en(du’een) wal fakkaata. Asi achi deemun ummata Jihaadatti waama. Ijji isaa imimaan gadi dhangalaasti. Akkuma Asre fi ummata ishii rakkoo dhandhamaa jiran arguun, ummatas jihaadatti waama. Yeroo san homaa hin nyaatu ture. Qorichaa doktoraan isaa kennamu dhugaa ture. Doktoroota keessaa gariin(muraasni) akka nan jedhanitti, fedhii waraanitin waan qabameef Jimaata irraa hanga Sanbata Guddaa wanta yartu nyaata. Qaxxaamurtoonni Salahaddin faalla isaani lola qopheessu isaa, dhugaa ta’uu yoo baran, qophii godhanii gara Tiberiyas itti qajeelan. Gareen lamaan bakka Hattin jedhamtutti walitti jigan. Aduun ganamaa akka ibiddaa hoo’iti. Dheebudhaan qaxxamurtoota balleessuf Musliimonni madda bishaani too’atan. Gootichi Salahaddin carraa argatee haleelun addaan isaan bittineesse. Loltoonni isaanii dheebu fi sodaan gara Gaanfa Hattin’itti bahan. Dirreen waraanaa Salahaddiinif Injifannoo guddaa, Qaxxaamurtootaf immoo moo’atama hamaa ta’ee xumuramee. Tokkoon isaanille hin dheessine. Salahaddin kuma kudhani ajjeesse kan hafan ni booji’e. Bishoopi Asrelle ajjeesse qaxxaamura isaa harkaa fuudhe. Musliimonni fiixe gaaratti ol dhiihaatan. Qaxxaamurtoonni hafan, Mootii Jerusalem fi abbooti fardaa dhibbaaf shantama ta’an sababa dheebu hamaa, sodaa fi dadhabiitin lolu kan hin dandeenye turan. Mootiini fi abbootin fardaa qabaman. Waraanaf kan sababa ta’es Reginald qabame. Sulxaan Salahaddin gorsiitota isaa kan yaada gaarii qaban waliin mari’ate. Sababa Injifannootif Rabbii ga- lata galchuuf sujuuda bu’an. Achii Salahaddin loltoota isaa mooticha, Guy Of Lusignan, fi Reginaldin gara dukkaanaa akka fi- dan ajaje. Bishaan isaani fide. Mootichi qabee bishaanii keessaa kan caalu dhugee, kan hafe Re- ginalditti kenne. Achii Sulxaanni “Bishaan akka isa baraaruf isatti hin kennine” jedhen. Mootichi Reginaldin sababa karavaanota Musliima haleele fi Rasuula(SAW) arrabseef waqqase. Salahaddin waadaa guutuu fi kakuu isaa eeguf Regnaldin ajjeesse. Yeroo sanitti mootichi garmalee sodaate. Haa ta’uu malee Salahaddin isa tasgabbeesse akkana jedheen, “Mootin mooti biraa ajjeessun bara- maa mitii, dangaa yoo darbe malee.” Isaa fi hordoftoota isaa kabajaan gara Damasqo erge. Dirreen waraanaa Qaxxaamurtoota irratti Salahaddinif Injifannoo murteessaa ture. Loltoonni Musliimota waan sirritti gurmaa’aniif, sirritti qopha’aniif, muxannoo fi hoggansa gaarii waan qaba- niif saamtota Firaankota irratti Injifannoo argatan. Waraanaf bakka sirri filaatun dirree lol- tummaatti milkaa’an. Injifannoo booda Salahaddin gara qarqara Asretti socho’e. Namoonni magaalaa tanaa hunduu bara 583A.H keessa harka kennan.Qaxxaamurtoonni gara Tyre itti buqqa’an. Salahaddin magaalota fi mooraale naannawa Asretti argaman kannin akka Tabna’in, Sidon, Juba’il fi Beyrutin too’ate. Achii gara Askelonitti socho’e. Guyyaa afurtamaaf erga naanneesse booda namoonni Askelon harka ken- nan. Erga Ramlah, Ad-Darum, Betlehem fi An-Natrun too’aten booda gara Jerusalemitti fuula isaa qajeelche. Jerusalemin marsee nyaanni fi dhugaatin Qaxxaamurtoota akka hin geenye(dhaqqabne) dhowwe. Salahaddin Jerusalem akka eeggamtu barbaade. Humnaan qulqullumaa(sanctity) ishii akka hin cabsinee yookin ijaarsa ishii akka hin barbadeessineef walii galten seenu murteesse. Kana ho- jjachuun Umar ibni Al-Khaxxaabin akkeesse. Haal duree inni kaa’e irratti akka harka kennan jaar- summaa erge. Firaankotaan akkana jedheen, “Akkuma isin qulqullumaa Jerusalemitti amantan anille nan amana. Bakka qulqullu itti cufuu ykn haleelu hin barbaadu.” Haa ta’uu malee Firaankonni obsa malee ykn bu’aa isa osoo hin hubatiin harka kennu didan. Kanaafu Salahaddin ittisaa fi waraanan magaalatti akka too’atu dirqame. Marfama torbaani booda magaalattin Sala- haddinitti harka kennite. Haal dure guyyaa afurtama keessatti namticha tokkof dinaara kudhan, dubartii takkaaf dinaara shan, mucaa tokkoof dinaara lama akka kafalanii Qaxxaamurtoonni ykn firaankonni magaalatti akka gadi lakkisanii walii galan. Kana kafaluu kan hin dandeenye akka booji’amaatitti (captive) fudhatama. Kunii akka kaasatti miidha isaan ummata muslimaa irratti hojjataniif. Rajaba 27ffaa bara 583A.H keessa Qaxxaamurtoonni magaalatti osoo lakkisanii hin bahin Sulxaanni namoota akka kaasaa kana walitti qaban ajaje. Mee ilaalaa Salahaddin yeroo Jerusala- miin seenu wanta xiqqoo isaan gaafate. Garuu Qaxxaamurtonni ykn firaankonni waggaa 88 duraa ummata muslimaa xiqqaa guddaa osoo hin jedhin akkuma yahudoota amma walirratti fixan. Garaagarummaa kana mee ilaalaa. Raagni aalima Damasqo Al-Qadi Muhi Ad-Din ibn Az-Zaki dhugaa ta’ee mul’ate, yeroo inni Sala- haddin’in akkana jedhuun : Seyfiidhaan ji’a Safar keessa Aleppo too’achuun kee, mallattoo gaarii ji’a Rajab keessa Jerusale- min itti too’attu agarsiisa. Sulxaanni Salahaddin aalima kana too’annaa jaarraa tokkoon booda kuxba(sermon) guyyaa jum’aa jalqabaa Masgida Al-Aqsatti akka godhu fide. Guyyaan kuni guyyaa yaadanno salaanni gammachuu fi namoota baay’een kan badhaadhe ture. Seensa kuxbaa isaa afaan ingiliffaatin ki- taabicha gara dhumaatti dhiheessurraa dubbiisu dandeessu. Too’annaa guddaa kana booda walaleessitonni, aalimonni(beektonni) fi barreessitonni tokko tok- koon booda Salahaddin faarsuf walaloo fi barreefama isaani dhiheessan. Kununsa Salahaddin Qaxxaamurtootaa Godhe Akkuma duratti jenne keeyyata Salahaddini fi Qaxxaamurtoota jiddutti mallateefaman keessaa, Firaankonni guyyaa afurtama keessatti Jerusalemin gadi lakkisanii bahuu fi kaasaa tokkon tokkoon namtichaatif dinar 10 ,takkaan takka dubartiitif dinar 5 fi mucaa tokkoof dinar 2 akka kafalan ture. Kan kana kafalu hin dandeenye akka hidhamaatitti(booji’amaatitti) fudhatama. Haa ta’uu malee Salahaddin gaarummaa fi araarama Islaamummaan mootota abbaa irree fi cun- qursitotaaf qabu agarsiisuf, gara laafinnaa fi rahmataan isaan kununse. Dabalataanis, amantin Is- lama amanti rahmataa fi dhala namaatif furmaata akka ta’ee haa hubataniif isaan akkasitti kununse. Bulchiinsa Islaamummaa jalatti namoota Musliima hin taane ajjeessuf seyfin itti ol hin kaane ykn immoo namoonni haqa malee hin miidhamne. Hubachiisa: namoonni osoo akkanitti Musliimo- taan ajjeefamani, ati immoo asitti dhufte akkamitti akkana jetta? jettanii yaadu dandeessu. Deebin isaa biyyi yeroo ammaa seeraa fi bulchiinsa Islaamummaatin bultu addunyaa irra hin jirtu, fakkeessaf yoo ta’ee malee. Osoo haqummaa fi bulchiinsa Islaamummaatin kan bultu taate, dhigni namoota guyyaa guyyaan akkanitti hin jigu. Salahaddin Akkamitti booji’amtoota Qaxxaamurtoota kununse? Sulxaanni Salahaddin Firaankonni baay’een warraa fi fira dullooman dugda isaani irratti yoo baadhatan, garmalee gadde, ilaalu hin dandeenye. Qarshiin akka isaani raabsamuu fi horiin gee- jjiba fidameefi ba’aa gurguddaa baadhate bakka deemaniif dhiphinna malee akka gahan ajajeef. Dubartootaf kan garaa laafu ture. Dubartiin sooreti haadha manaa mootii Bezantaayin takkatu ture. Jerusalem keessatti molokse taate. Bakka Rabbiin qofti itti waaqefatamuu hundeessite. Na- moonni baay’een karaa Ishii hordofan. Sulxaanni Salahaddin ishii fi hordoftoota ishiitif eegumsa godheef. Yeroo mootittiin Sybil hordoftoota ishii waliin magaalaa gadi lakkiisuf Salahaddinin gaafattu, inni garaa laafefi abbaa manaa ishii Nablus keessatti hidhametti geesse. Dubartoonni baay’een ijjollee isaani harkaa dugdatti baadhatanii ishii hordofuun sulxaanati dhaqan. Yeroo achii gahan akkana jedhanii sulxaanatti iyyatan, “Yaa Sulxaan, akkuma atu agartuu amma magaalatti gadi lakkisaa jirra. Nuti hidhamtoota sanniinif haadha, niiti fi ijjollee dubartootati. Hidhamtoota keenya kan nu eeganii fi nu guddisan dhiisne magaalatti tana hundee gadii dhiisaa jirra. Yoo isaan ajjeeste jiruun teenya ni baddi. Yoo isaan gadi dhiiste, baadhaadhinna kee nurratti oolun rakkoo fi hiyyummaa keenya nuu laafista. Sababni isaas, kan nuu bulchuun ala jiraachu hin dandeenyu.” Sulxaanni jecha isaanitin socho’ee dargagoota haawwaniif, abbaa manaa nitiwaniif, abboota ijjoolle dubartootaf gadii furee. Hidhamtoota hafan immoo rahmataa fi gara laafinaan kununsuuf waadaa galeef. Stevenson akka jedhutti Sulxaanni namoota baay’ee kaasaa osoo hin kafalchiisin gadii fure. Pool, Arnold irraa akka gabaasetti Sulxaanni namoota harka qalleeyyi fi naafa ta’an osoo kaasaa hin kafalchiisin gadi fure. Abbooti amanti fi namoota biraa qabeenya isaani hanga barbaadan fudhatanii akka bahan hayyameef. Muslimoonni kan isaan baadhachu hin dandeenye irraa bitaa turan. Obboleessi Salahaddin Al Malik Al-Adil harka qalleeyyi fi naafota kuma torba ta’an kaasaa irraa akka bilisa godhu Salahaddinin hayyama gaafate. Salahaddin kuma kudhanii bilisa godhe. Injifannoo Hattın booda wantii Salahaddin Firaankotaa godhe, hojii badaa ofii isaani wal jiddutti hojjatanirra kan caaludha. Akkasumas gadoo Firaankonni Qaxxaamura tokkoffaa irratti Musliimo- tatti hojjatanirra harka baay’een kan caaludha. Pirinci Alin qorataa seenaa İngilizi irraa akka gabaasetti, yeroo Kiristaanonni Jerusalemin gadi lakkisanii gara Kiristaanota Antioch deeman, mindaan isaani akka magaalitti tana hin seenne dhowwamuu malee kan biraa hin turre. Achii gara biyyoota Muslimaa haala gaariin kan simatanitti qajeelan. Dabalataanis Pirins Alin akkana jedha : Mishud haala Kiristaanota Jerusalemi bahanii fi obboleeyyan Kiristaanota isaanitirraa argatan ni hima. Beelaa dheebu, hiyyummaa fi kabaja dhabuun Sooriyaa keessatti rakkatan. Tiropoolinis bal- bala ofii itti cufte. Dubartiin daa’ima ofii galaanatti darbuuf dirqamte. Ummata Kiristaanaa isaan simatu didan abaarte. Patraa’ikin Kiristaanota hiyyeeyi booji’amaniif wanna takka osoo hin kafaliin, qabeenyaa fi korojoo isaa waliin magaalatti gadi lakkise. Pool Paatra’ikicha namticha beekumsaa fi yaada hin qabne jechuun ibsa. Sulxaanni “Qabeenya isaa kana harkaa fudhatte, maaliif humna Musliimota itti hin jabeessine? ” jedhamee yoo gaafatamuu, deebin isaa kana ture “Waadaa diigu irra dinaar kudhan irraa fud- hachuu filadhe.” Pool kanarratti yaada keennun akkana jedha, “Sulxaanni Muslimaa hogganaa amantii Kiristaanaa hiika hojii gaggaari fi hamilee gurguddaa barsiise.” Akkuma durattu jenne kununsi Musliimonni fi Islaamni Qaxxaamurtoota irraa argatan ajjeecha jumlaa kan garaa nama raasu ture. Seenan gocha gadhe isaan bara 492A.H(1099C.H) keessa ho- jjatan galmeesse olkaa’e jira. Prins Alin qorataan seenaa Ingiliz Mill wanta Jerusalem keessatti ho- jjatame kan Mishud irraa gabaase akkana jechuun irra deebi’a. Muslimoonni daandii fi mana isaanii keessatti ajjeefaman. Namoonni gariin ajjeecha jumlaa irraa dheessuf dallaa garmalee ol dheeraa irraa of gadi furaa turan. Gariin immoo gamoo, masaroota fi masgiidota keessatti dhokataa turan. Haa ta’uu malee Kiristaanonni bakka isaan jiran kamittu hor- dofuu. Kotteen namaa fi fardaa reefa Musliimota irra deeman. Pirins Alin ammas akkana jechuun Mishud irraa gabaasa: Musliimonni qabeenya fudhachuuf lubbuun jiraatanis ni qalaman. Muslimoonni biroo immoo jiraa isaani gubaman hanga gariin Musliimota xaaraa manaatirraa of darbanitti. Musliimonni biroo im- moo iddoo itti dhokatanirraa qabamanii ajjeefaman. Dubartoonni musliima imimaan dhanga- laasan, ijoollen ni iyyan. Iddoon gochii ajjeecha kuni hundii itti raawwatame iddoo Kiristoos diina isaatiif araarameedha. Mill itti dabaluun akkana jedha, “Warra yakka tokko malee ajjeefamaniif gargaarsi fi rahmanni wayitu hin jiru. Yakka tokko malee lubbuun namoota kuma torbaatamaa ajjeefamte.” Argitanii gaarummaa fi araarama kana fakkaatu Salahaddin diinotaa(aduwwi) godheef? Argitanii hammeenya rifachiisaa Qaxxaamurtoonni Muslimoota irratti hojjatan? Rabbiin rahmata isaa haa godhu walaleessaa akkana jedhef: Yeroo Jerusalemin bulchinu, haqummaa babal’isne Yeroo isin bulchitan dhiigatu dhangala’e Booji’amtoonni akka ajjeefaman hayyamtan Nuti immoo araaramneefi badhaasne Garaagarummaan isini fi nu jiddu nuuf gahaadha. Qabeen kamiyyu bishaan of keessaa ni firfirsaa Hattiin garaagarummaa kununsa Muslimoonni Qaxxaamurtoota godhanii fi Qaxxaamurtoonni waggaa 88 dura Musliimota godhan jiddu ifatti labsiti. Qaxxaamurtoonni erga magaalota Jerusalem fi Asre keessaa baqatani booda gara magaalaa Li- banos, Tyre jedhamtutti deeman. Achiin booda humna ofii jabeefatanii magaalaa Asre marsan. Wa- raanni Qaxxaamura sadaffaa isaani fi musliimota jiddutti dhoohe. Waraanni kuni loltoota İngiliz, Jermani fi Faransayi kan makate ture. Lolli Musliimota fi Qaxxaamurtoota jidduu waggoota mu- raasaf erga itti fuufen booda bara 588A.H(1192C.E) Ramlah keessatti waligaltee irra gahan. Waligalteef keeyyani baay’ee ijoo ta’ee kanneen armaan gadiiti: •Qaxxaamurtoonni qarqara Tyre irraa hanga Haifa gahutti ni jiraatu. •Kiristaanonni gibira homaatu osoo hin kafalin akka Jerusalemin dawwatan ni hayyamamaaf. •Dheerinni yeroo walii galtee waggaa sadii fi ji’a saddeet ta’a. Ragaalen seenaa akka ibsanitti Salahaddin waligalteef kan fedhii hin qabne ture. Hifannaa fi did- daa loltootatiin dirqamuun waligaltee irra gahe. Jihaada itti fufuun jecha Rabbii ol’aansu fi Sooriyaa fi Filisxeemin qulqulleessu barbaade. Magaalaa qaxxaamurtoonni bulchan keessatti je- qumsaa fi badii uumu danda’an jedhe sodaate. Akkasumas, irra deebi’anii tokkumaa’uun addunyaa Muslimaa haleelun too’atu danda’an jedhe sodaate. Al-Qadi kitaaba isaa An-Nawadir Ad-Sulxaniyah keessatti akkana jedha:Wallaahi! Waligalteen wanta Salahaddin fedhe miti. Waligaltee ilaalchisee yeroo waliin haasofnu akkana jedhe natti hime, “Isaan waliin araaramu hin barbaadu. Sababni isaas, tokkummaa’ani magaalota ofii deebifachuuf nu faalleessu danda’an. Hundi isaanitu magaalaa qabatanii bulchuu danda’u.” Kan ta’e ta’ee, gareen lamaanu lola dheeraa fi waa baay’ee kan barbadeessen booda waligaltee Ramlah fudhatan. Bu’aan lolaa(waraanaa) garee lamaanifuu quubsaa hin turre. Itti fufinsa aadaatifi hojiiwwan ijaarsaatif nageenya fi tasgabbii hawwan. Wanti ta’e ta’ee, Salahaddin akkana jechuun labse, “Waligalteen hojii irra oolfame jira. Namni ka- miyyu magaalaa isaanitirraa magaalaa teenya seenu barbaade, seenu danda’a. Namni kamiyyu magaalaa teenyarraa magaalaa isaani seenu barbaade, seenu danda’a.” Labsii nageenyaa booda, gochoonni daldalaa fi ikonomi misoomu jalqabe. Muslimoonni galaa(pro- vision) fi daldala barbaaduf gara Yaffa deeman. Haalli Filisxeeme gara duraatti deebi’e. Ummanni nageenya fi tasgabbii qabaachu isaanitif gamma- chuu argatan. Dabalataanis, Sulxaanni Kiristaanotaf akka Jerusalemin dawwataniif balbala bal’isee baneef. Yeroo Mootin İngiliz King Rechard the Lion-Hearted, Kiristaanonni baay’een Jerusalemin dawwatuu isaani beeku, Salahaddin’in ni aarsan jedhe sodaate. Lakkoofsa Kiristaanotaa Jerusalemin dawwa- tanii akka gadii xiqqeessu Salahaddin’in gaafate. Haa ta’uu malee Salahaddin kana diduun akkana jedhe labse, “Dawwatoonni sunniin bakka qulqullu dawwachuuf magaalota fagoo irraa dhufu. Isaan dhoowwu ani mirga hin qabu.” Dawwatoota Kiristaanotaaf kan arjoomu fi isaan waliin kan haasawu ture. Salahaddin mootota Bahaa fi Dhihaa barnoota waa’ee waldanda’u, araarama, kununsa gaarii fi ho- jii hamilee gaggaarii isaan barsiise. Kuni hundi kan adeemsiifame osoo mootin Richard the Lion- Hearted gara Englanditti hin deebi’iniin duratti. Rabbiin Salahaddini rahmata haa godhuuf; sadarka Jannataa ol’aantutti ol haa kaasu. 1. Waligaltee Ramlah booda Salahaddin haala Jerusalem qorachuuf, dhimma walitti sasaabuf, mana barnoota banuuf, hospitaala ijaaru fi bulchiinsa sirreessuf gara Jerusalem deeme. Hajji hajju barbaade. Haa ta’uu malee pirinsonni isaa Qaxxaamurtoonni si ajjeessuu danda’an jedhani gorsan. Achumaan osoo hajjii hin hajjiin hafe. Erga Damaasqo gaheen booda, dhimma bulchiinsa sassaabu, qabeenya namoota ta’uufii kan qabu raabsu, loltoota akka biyya isaani dawwatan(ziyaaran) hayyamuu fi haqa buusuf komii namoota dhagahuu jalqabe. Damasqon iddoo gaarii fi namatti toltu, obboleessa isaa Al-Adil fi ijoolle isaa waliin adamoo itti shaakalaa tureedha. Dadhabbii guyyaa fi halkan dheeraa booda boqannaa asitti argate. Al-Qadi Ibn Shaddad akka jedhutti gammachuun Salahaddin Damasqo keessatti yaada ji- reenyaa Ijibt keessatti isa irraanfachiiste. Ibn Shaddad amallee akka jedhutti, “Yeroo ani kutaa isaa seenu, na simatu fi hammatun booyaa ture. Rabbiin Rahmata isaa haa godhu.” Safara 14 bara 589 A.H hajjaajota Makkarra deebi’an simatuuf gara alaa bahe. Isaan keessaa tokko ta’uu hawwe. Haa ta’uu malee isaa hin barreefamne. 2. Erga hajjaajota simateen booda bowwoo mataatin qabame. Dhibeen itti jaabatte hanga doktorri isa fayyisuuf abdi kututti. Yeroo dhibeen isaa beeksifamuu, namoonni sodaatanii yaaddawan. Na- moonni baay’een haala fayyaa isaa baruuf dallaa Damasqotti walitti sassaabaman. Gariin isaani im- moo akka Rabbiin fayyiisuuf du’aayi godhan. Al-Qadi Ibn Shaddad fi Al-Qadi Al-Fadl qofni akka isa dawwatan hayyamamee. Yeroo inni dhukkubsatu isa waliin turan. Guyyaa jahaffaa dhibee isaa, Al-Qadi Ibn Shaddad isa bira ture. Yeroo tajaajiltoonni dawaa booda bishaan qorraa akka dhuguuf itti fidan, bishaan ho’aa akka ta’etti itti dhagahame. Yeroo bishaan biraa itti fidan, qorraa akka ta’etti komii itti dhiheesse. Saniin booda akkana jedhe, “Rabbiin gala- toofame, bishaan eenyulle hin jijjiru.” Inni bishaanitti hin aarre. Ibn Shaddad dabalee akkana jedha, “Anaa fi Al-Qadi Al-Fadli gadii baane boonne.” Al-Qadi Al-Fadli akkana jedhe, “Nuti hamile guddaa akkana gonkumaa yeroo jiruu keenyaa keessatti hin agarre. Wanti akkanaa mootii biraa waliin osoo kan ta’u ta’ee, silaa kubbaayaa bishaanitiin tajaajilaa dhayaa ture.” Al-Qadi Ibn Shaddad akkana jedha: Guyyaa kurnaffaa dhibee isaa, si’a lama waraanname. Kana keessa hanga ta’e tokko fooyya’ee bishaanis dhuge. Guyyaa san namoonni garmalee gammadan. Yeroo lukti isaa garmalee akka fuurtu(dhafqitu) nutti himamu, Rabbiin baay’ee galatoonfanne. Akkasamus, dafqi qaama isaatirra babal’achu yeroo nutti himamuu baay’ee gammanne. Guyyaa kudha tokkoffaa Safara 26 fayyaa isaa yeroo gaafannu, hanga siree jiise achii minxaafi fi lafa jiisutti dafquu isaa nutti himame. Doktorri wanta tokko gochuufii hin dandeenye. Yeroo mucaan hangafaa Salahaddin, Al-Malik Al-Afdal Nur Ad-Din Ali, abbaan isaa fayyuu akka hin dandeenye fi hadhaa du’aatin rakkataa akka jiru yoo beeku, ummata bulchiinsi hanga du’a isaa isa jala akka turu kakachiise. Du’a isaa booda akka inni dhaalu ummata waadaa galche. Kakun Al- Malik Al-Afdal Nur Ad-Din Ali kakate, Al-Qadi Ibn Shaddad’in An-Nawadir As-Sulxaniya keessatti haala armaan gadiitin gabaase jira. Amma fedhiin kiyya onnee irraa kan burqeedha. Mootii kanaaf hanga inni lubbuun jirutti isaaf amanamaadha. Mootumma isaa nan eega. Qabeenyaa fi yeroo koo isarratti nan baasa. Seeyfi fi loltoonni koo gama isaa kan dhaabbataniidha. Mucaan isaa Al-Afdal Nur Ad-Din Ali angoo isaa dhaala. Wallahi, isa tole nan jedha. Mootumma lubbuu, qabeenya fi seeyfi kootin nan eega. Wanta inni ajaje fi dhowwe nan raawwadha. Keessaa fi alli kiyyaa walqixa. 3. Guyyaa dhibee isaa kudha lamaffaa Safara 27ffaa keessaa fayyaan isaa daran hir’ate hanga of wallaalu gahe. Aayata(verses) Qur’aanaa muraasa akka dubbisuuf Qaarin(kan Qur’aan dubbiisu) fidame. Yeroo dubbisaan Qur’aana jecha akkana jedhu bira gahe “Kan haqaan gabbaramu Rabbiin malee hin jiru, Isarratti hirkadha.” fuulli Salahaddin ife. Achiin salaat Subih, ji’a Safara 27 bara 589 A.H ruhiin(lubbuun) isaa gara Uumaa isaatitti deebite. 4. Duuti Salahaddin Musliimota guutuf rifachiisa guddaa turte. Al-Qadi İbn Shaddad ija ofiitin ragaa bahuun gadda namoota haala kanaan ibsa: Guyyaan guyyaa gadda turte. Erga Kalifoonni afran du’aniin booda Musliimonni rifachuu kana fak- kaattun hin xuqamne. Guyyaa san gaddii guddaan sabaa fi addunyaa haguuge. Wallahi bakka isaa namoonni muraasni of wareeguf kan hawwan dhagahe. Isaan dura wareegama cimaa akkasi hin dhageenne. Osoo wareegamni sun kan fudhatama qabaatu ta’ee, akka du’arraa baraaramutti natti dhagahame. Ijoollen dhiiraa isaa karaa irratti bahanii bohaa turan. Haalli kuni hanga salaata Zuhri itti fufe. Salaata Asri dura awwaalame. Rabbiin ruhi isaa haa ulfeessu, qabrii isaa haa ibsuuf. 5. Guyyaa Salahaddin du’ee hawaasni Muslimaa namoota gurguddoo seenaa keessaa tokko dhabee jira. Nama sadarka guddaa, kabajaa fi ulfinna qalbii namoota keessaa qabudha.How seldom do mothers give birth to such a one as salahaddin with his character and attributes: no- ble, sacrificing, righteous, and a fighter. May Allah honour him in the hereafter, lighten his grave, and raise his rank in paradise. 6. Salahaddin (Rabbiin rahmata haa godhuufi) yeroo du’u umriin isaa waggaa shantami torba(57) ture. Qabeenyi isaa dirhama afurtamii torba(47) fi dinar takka ture. Lafa wayitu, ashaakiltii homaatu, lafa qonnaa fi qabeenya biraa homaatu osoo hin horatin du’ee. 7. Du’a isaa booda walaleessitoonni baay’een walaloo isaanii walaleessaniif. Amilee isaa gurguddaa kan akka diina isaati araaramu fi kununsuu fa’a faarsaniif. Walalowwan kanniin keessaa kan İmad Al-Asbahani kana fakkaata: Qoqqodamiinsi sirna mootumma haguugde Wantoonni gaariin keessaa yoo taran yeroon bade Eessa jira nuti tolee kan jennuun innis Rabbii tolee kan jedhe? Wallahi eessa jira An-Nasir Al-Malik kan fedhii gaarii qabu? Gochii isaa guutuu kan Rabbii jedhe Eessa jira hooggansii isaa kan abdatamuu? Angoon isaalle kan sodaatamuu? Eessa jira arjaan isaa yeroo kan kabajee? Badhaadhinni isaa kennama gurguddaa Eessa jira gootummaan isaa Qaxxaamurtoota sodaachise salphisee? Jihaadaf jedhe rakkoo rakkatee Mi’aa duniyaa achumatti achi gatee Namni tokko akka du’ee hin yaadinii Nama hundatu du’ee yeroo sanittii Yeroo hundaa Islaama gargaare Sadarka Jannataa ol’aanaa qubachuufii Inni mootii turee Islaama kan deeggaru Inni garalaafaa, rahmataa fi kennaa turee Yatimootaaf dubartii abbaa manaa hin qabnee Daangan magaalotaa loltu goototaan ala ta’ee Jihaadni jihaada akka keeti ta’uu hin dandeenye Yaa gadda Islaama, sodaan onne mu’imintoota guutte Barri isaa yeroo gabaabaf ture Waggaan akka sa’aati darbee Rabbiin isarraa haa jaallatu Gallanni Rabbii Kursiyiitiif haa ta’uu An-Nasir Al-Malik – Maqaa biraa Salah Ad Din Al-Ayyuubi Maddi koo kitaaba kana. Downloadi gochuun guutuu seenaa salahaddin dubbisu dandeessu. https://sammubani.files.wordpress.com/2015/01/salah-ad-din-al-ayyubi.pdf Linki lamaffaa http://www.kalamullah.com/Books/Salah%20Ad-Din%20Al-Ayyubi.pdf Gudunfaa Hanga dandeetti gootin gabaabsun afaan inglizi irraa gara Afaan Oromotti jijjiruuf yaale jira. Namni dogongora irraa waan hin fagaannef dogongora koo sirreessuf yaala. Barreefamni kuni kan barraa’e waggaa tokkoon dura. Sirni ijaarsa himoota wal dhahaa ta’uu waan danda’uuf na offol- chaa.

No comments:

Post a Comment

Yaada fi Milkaa'inaa

Yaadaa fi Milkaa’inna Kitaaba Of-Dagaagsu (Self-Development) yeroo jalqabaatiif Afaan Turkii irraa gara Afaan Oromootti hiikkame K...