Monday, December 19, 2022
Mul'ata
Mul’ata jechuun maal?
Mul’anni maddaa fi abdi jireenyaati. Dhugoomsaa eenyummaa keetiiti.
Kennaan hunda caalu kan ilmaan namootaaf kenname kennaa ijaan ilaallu osoo hin taane, kennaa mul’ataati. Mul’anni kennaa gudda rabbiirraa siif kenname, kan ijaan hin mullanneedha.
Mul’anni kee hegeree tee ijaara. Hegeree tee sitti agarsiisa. Arguun hojii ijaati, mul’anni garuu hojii lapheeti. Mul’anni humna ajaa’ibsiisaa keessa keetitti argamu. Kennaa guddaa rabbiin siif arjoome.
• https://hegeree.com/2021/10/27/barbaachisummaa-mulataa/
Addunyaa kana irratti wanti guddaan mul’ataan ala hojjetame hin jiru. Qaroomaawwan kan dhalatanii fi kan guddatan karaa ogeessa mul’ata qabuutiini. Argannooleen kanneen akka falaasamootaa, guddina hawaasummaa, dinagdee, fayyaa, saayinsii fi siyaasaa kan dhalatan namoota gameeyyii mul’ataa gurguddaa qqban keessaahi.
Mul’anni gidiraa hambisa
Mul’anni abdii kufe kaasa. Furtuu ittin ulaalee yeroo darbanii fi ammaa ittin banannu. Waan ta’uu dandeenyu, kan hanga ammaatti hin ta’in, akka taanu, akka bira geenyu kan nu dandeessisuu dha.
Mul’anni irrinaawwan ijji kee argu irraa bilisa si baasee gara hamma birmadummaan isaa laphee tee keessaa sitti dhaga’amutti akka geeysu si taasisa. Waan hin argamne kan argisiisuu fi waan hin beekamne kan dandeessisu mul’ata dha.
Akkasumas mul’anni wanta nama rakkisuu fi namatti ulfaatu siif salphisa. Kaka’umsa kee gabbisa. Aadaa hojii gaarii siif maddisiisa. Kutannoo kee dabala. Abdii boruu siif ijaara. Eenyummaa keetiif madaala sirrii akka kennitu si taasisa.
Mul’anni gidiraa keessatti abdii siif ta’a
Mul’anni gidiraa keessatti abdii, qorumsa keessattis jabina namaaf kenna. Nama miirri isaa gad bu’e kakaasa. Akkasumaas kan abdii kute jajjabeessa. Mul’ataan alatti jireenyi ni ijaaramtu. Addunyaan arraa irra jirru mul’ata gurguddaa kaleessaatiin dagaagina kana gonfatte.
Qaroominni arraa firii mul’ata kaleessaati
Mul’anni kaleessaa addunyaa arraa gidiraa irraa wal’aane. Addunyaa arraa gidiraa irraa baraare. Gidiraa hambise.
Qaroomni ijibti guddaan kan waggoota kuma afur dura ture, siidaawwan piraamidii arra laallee ajaa’bsiifannu argamsise. Ijibti ammoo galmee seenaa qaroomina irratti galmeesse. Biyya kaleessa addunyaaf qaroomina gumaachite ishee jechisiise. Qaroomni meesopotaamiyaa, qarooma aksum fi k k f baay’een isaanii namoota mul’ata qabaniin bu’uureeffame.
• https://hegeree.com/2021/10/25/seeroota-ittiin-bulmaata-mulataa/
Girikoota
Biyyi giriik biyya kaleessa addunyaa kanaaf waan guddaa gumaachite. Madda faalaasamaa turte. Namoota jajjaboo mul’ata gurguddaa qaban baay’ee qabdi turte. Girik biyya madda filoosoofii turte. Falaasamni kaleessa isaan maddisiisan arrallee addunyaa kanaaf bu’aa buusaa jira. Keessumaa filoosoofii fi aartii arra akkaataa addunyaan itti deemuu qabdu irratti dhiibbaa taasisan akka qopheessan isaan kakaase.
Mul’anni gidiraa keessatti abdii cimsa
Addunyaan badhaatuun arraa namoota mul’ata gurguddaa qabaniin kaleessa ijaaramte. Namoota gidiraa keessa osoo jiranii fagoo yaadanin ijaaramte. Fakkeenyaaf mul’anni abuurtonni addunyaa tana irra naannaawanii biyyoota nuti arra beeknu kana akka argatan kakaase. Fakkeenyaaf, kiristofar Kolomboos.
Argannooleen haaraan namoota mul’ata gurguddaa qabaniin argamte. Rakkinaa fi gidiraa keessa taa’ani warra balloo abjootaniin dhufte. Jaarraa lamaan darban namoota gidiraa keessatti guddina arkan baay’ee nyaattee dabarte.
Garuu firiin mul’ata isaanii arra harka jaarraa kana keessa jirti. Fakkeenyaaf, namoota jaarraa dabarte keessatti argannoowwan haaraa kumootaan lakkaa’aman kan jireenya keenya jijiiran akka argaman taasisan keessaa:
Ilmaan Raayit, obbolaa lamaan xiyyaara akka kalaqan kan isaan kakaase mul’ata isaan samiirra balali’uuf qaban ture. Arra nutiis sababaa isaaniin samii irra balali’aa jirra.
Toomaas Ediisen balbii elektirikii akka kalaqu kan isa kakaase mul’ata inni ifaa arguuf qabu ture. Arra nutiis firii mul’ata isaa kanatti qanani’aa jirra.
Biil Geet dhaabbata maayikiroo-sooft akka hundeessu kan isa kakaase mul’ata isaati.
Mul’anni humna guddinaati.
Addunyaan keenya arraa tun mul’anni baay’ee ishee barbaachisa. Mul’anni gurguddaan kaleessa addunyaa keenya arraatiif bu’aa gurguddaa buusani jiran. Addunyaa arraa bareechanii jiran. Qananii baay’ee gumaachanii dabran.
Mul’anni haalota arra addunyaa jaarraa diidamii-tokkoffaa keessa mudachaa jiran kana ilaaluun sodaa, abdii dhabdummaa, shakkii, nagaa dhabuu, dhibee miiraa fi hawaasummaa, dhiphina sammuu, jaijabina dhabuu fi midhama baay’ate kana hambisuuf baay’ee barbaachisa.
Gidiraan addunyaa arraa mul’ata haaraa barbaaddi
Mul’anni namoota jajjaboo kaleessaa rakkina addunyaa salphisee jira. Furee jira. Rakkinni addunyaa arraa goolaa jiru kuniis dhaloota jajjaboo mul’ata gurguddaa qabaniin furama.
Fakkeenyaaf, kufaatii dinagdee, tokkummaa dhabuu hawaasummaa, hamilee dhabuu, walitti bu’iinsa amantaa, tasgabbaa’uu dhabuu siyaasaa, rakkoo fayyaa addunyaawaa, gosaan wal fixuu fi walitti bu’iinsa beekumsaawwanii furuudhaaf gaggeessummaa ogummaawaa barbaachisa. Gaggeessummaan gaariin mul’ata guddaa keessaa argamti. Dhaloota jajjaboo filoosoofii kaleessaa qofaan socho’u osoo hin taane warra haaraa uumuu danda’u barbaaddi. Warra falaasama haaraa burqisiisan, kan gahumsa ittiin mul’ata dhugoomsan qaban barbaaddi.
Namoonni jireenya isaaniif mul’ata hin qabne…
Jireenyi carraa miti. Carraan hin jaaramtu. Jireenyi carraaqaan jaaramti. Carraaqni ammoo firii mul’ataati. Namoonni jireenya isaanitiif mul’ata hin qabne baay’een ni jiru. Warri mul’ata malee qullaa jiraatan ni jiru. Isaan warra carraaqa malee carraan jiraatani. Warra gidiraa dahoo godhatani.
Namoonni akkanaa gidiraa keessaa bahanii, boqonnaa haaraatti cehuuf fedha hin qaban. Waan danda’amu itti hin fakkaatu. Gidiraa keessa jiran sana akka wan qooda isaanii taateetti amanau. Tattaaffii hin qaban. Mul’ataan ala duwwaa jiraatu. Akkamitti akka gidiraa firraa kuffisan hin yaadan.
Mul’ata dhabuun du’a jiruuti. Osoo lubbuun jiraanii of awwaaluun tokkuma. Namoonni mul’ata qaban, kan akka itti fiixaan bahan wallaaluun dhaabbataniis ni jiru. Namoonni mul’ata qaban garuu abdi kutannaa, wali-wallaaluu, kufaatii tokko tokkoo fi miidhama isaan irraa ga’e sababa godhatanii mul’ata isaanii gatanis ni jiru.
Atihoo, mul’ata kee akkamitti sochoosaa jirta?
Namoota akkanaa keessaa tokko yoo taate, barruun keenya mul’ata irratti isiniif dhiheeysuuf arra eegalle kun uumama mul’ataa akka hubattu si taasia. Hiikkaa mul’ataa akka beektu si godha. Mul’ata dhuunfaa akka qabaattu si taasisa. Kee kan duraan qabdu ammoo irra deebitee akka ilaaltuu si kakaasa. Mul’ata kee barreeffattee akka ol kaayyattuuf sii gargaara.
Akkasumas qajeelfamoota mul’ataa akka hubattuuf si gargaara. Seeroota ittiin bulmaata mul’ataa akka beektuuf si taasisa. Barbaachisummaa mul’ataa akka beektu si godha. Akkasumaas, tooftaalee fi maloota ittiin mul’ata kee dhugoomfattu akka irraa barattu abdii guutuu qabna.
Hubadhu!!, Ati waan barbaachisaa tokko qabaachuuf uumamte. Waan bu’a qabeessa tokko gumaachuuf uumamte. Maatii, hawaasa kee fi addunyaa tanaaf waan bu’a qabeessa tokko gumaachuu dandeessa. Isaaf ammoo mul’ata akkasii qabaachuu keetu dursa. Ati jjjiirama fiduuf dhalatte.
Jireenyi kee yaalii miti
Jireenyi kee yaalii akkanumaan argamee miti. Dambii fi ulaagaalee of danda’e qaba. Jireenyi kee mul’ata keetiin ijaaramti. Mul’anni kee gidiraa hambisuuf kaayyoo dhaloonni kee barbaadu kan ittiin raawwattu pirojektii guddaa itti yaadamee siif kennameedha. Kaayyoon dhuunfaa kun madda mul’ata keeti kan jireenya ketiif hiika kennuudha. Kanaaf mul’ata keetitti amani. Wareegamaa barbaachisu taasisii. Pirojaktii kee bu’a qabeessa taasisi.
Egereen kee fuula kee dura hin jiru-si keessa jira. Hamma ijji kee ilaaluu danda’uu olitti argi. Waan hin argamneef jiraadhu. Inniis mul’ata keeti. Mul’anni kee galma kee murteessa. Eenyuummaa kee dhugoomsa. Abdii kee ijaara. Gidiraa balleessa. Rakkoo keessatti abdii sitti hora. Mul’ata keetiif jiraadhu.
Barruu keenya kanarraa waan guddaa akka barattan abdii guutuu qabna. Barruu keenya itti aanuun walitti deebina.
Seeroota ittiin bulmaata mul’ataa
Mul’ata kee bira gahuu ni barbaaddaa? Mul’ata waan qabdu qofaaf bira gahuu dandeessaa?
Wanti hundi ulaagaa fi seera mataa isii qabdi. Mu’anniis seeroota ittiin bulmaataa mul’ataa kan mataa isaa danda’e qaba. Seeroota kana namni hojii irra oolche dhuma mul’ata isaa bira ni gaha. Namni seeroota kana kabajee hojiirra hin oolchine ammoo gonkuma dhuma mul’ata isaa arguu hin danda’u.
Mul’ata jechuun maali?? Asii dubbifadhaa
• https://hegeree.com/2021/09/23/mulanni-gidiraa-hambisa/
Mul’ata kee bira gahuu barbaadda yoo ta’e seeroota ittiin bulmaata mul’ataa sirritti hojiirra oolchuu qabda. Seeroonni ittiin bulmaata mul’ataa kana gadi fageenyaan hubattee hojiirra oolchite taanaan dhuma mul’ata keeti injifannoo fi milkiin geessa.
Irra hedduun namaa gaafa mul’ata qabaachuu isaa kaasu, ani bar mul’ata ajaa’ibaatiin qaba. Silaan mulata kiyya kana akkana godhee bakka guddon gaha ja’anii dubbatan. Garuu dhugaan mul’ataa kanaa miti.
Mul’anni yaada qofaan hin dhugoomu. Yaada namuutii qaba. Yaada sana gara gochaatti jijjiiruun mul’ata kee kan siif dhugoomsu seera mataa isaa danda’eetu jira. Seeroota kana yoo hojii irra oolchitee ittiin hojjatte, yaada kee sana siif qajeelchee gara dhuma mul’ata keetitti si ceesisa. Nutiis barruu keenya arraa kanaan seeroota ittiin bulmaata mul’ataa tokko tokkoon akka asii gadiitti isiniif keenyee jirra. Dubbisaa.
https://hegeree.com/2021/10/27/barbaachisummaa-mulataa/
1. Mul’anni kee ifa tahuu qaba
Seeroota ittiin bulmaata mul’ataa inni jalqabaa mul’anni kee ifa ta’uu qaba. Mul’anni kee ifa tahuu qaba jechuun, wanti ati barbaaddu sun ifa siif tahuu qaba jechuudha. Fakkeenyaaf ani dhaabbata daldalaa guddaa tokko hundeessuun barbaada kan jettu yoo ta’e, dhaabata hundeessuu barbaaddu sun ifaan ifatti beekuu qabda. Eeganaa ammoo, maaluummaa dhaabbata keetii, ga’ee yookaan hojmaata dhaabbata keetii sirritti beekuu qabda. Beekuu qofaa miti barreeffachuu qabda.
2. Karoora ifaa ta’e baafachuu fi lafa kaayyachuu
Karoora ifa ta’e qabaachuun seeroota ittiin bulmaata mul’ataa keessaa isa tokko. Karoorri qajeelchituu mul’ataati. Mul’anni kee yoo karoora ifa ta’een dabaalame siif dhugooma. Galma isaa irra geeysa. Karoorri geejjibsiiftu kee kan dhuma mul’ata kee irraan si geessuudha.
Fakkeenyaaf ati yoo nama siyaasaa ta’uu barbaadde, nama siyaasaa jabaa dorgomaa fi injifataa ta’uuf maaltu na barbaachisa jettee adda baafachuu qabda. Eega adda baafattee booda karoora ifa tahe baafattee, nama siyaasaa jabaa fi mo’ataa ta’uuf gochatti seenuu qabda.
Ulaagaalee nama siyaasaa jabaa si taasisan sana tokko tokkoon hojiirra oolchuu qabda. Roguma feete irratti mul’ata qabdu galmaan gahachuuf karoora ifa ta’e yoo qabaatte qofa itti milkoofta.
Warri adiin jecha karoora je’u kana SMART GOAL ja’aniin.
S—Specific (Murtaawaa)
M–measurable (safaramaa ykn ifa kan ta’e)
A—Acheived (Galma ga’aa kan ta’e)
T—Time bonded (Yeroon kan daangeeffame)
Hiikni warri adiin karooraaf kennu kun kan inni nutti himaa jiru
1 Jalqaba karoorri kee murtaawaa ta’uu qaba.
2 Ifa galeessa ta’uu qaba. Kana jechuun karoorri kee ifaan ifatti beekamuu qaba. Waan ta’uu yookaan godhuu barbaaddu sana ifaan ifatti kaayyachuu qabda jechuudha.
3 Kan galmaan gahamu ta’uu qaba. Kana jechuun karoorri kee kan akkanumaan wanta fedhii kee keessa dhufe sana hunda argachuuf yookaan dalagdee milkeessuuf kaayyattu osoo hin taane kan yeroo qabdu waliin yoo irratti hojjatte siif milkaa’u ta’uu qaba.
4 Karoorri kee yeroon kan daangeeffame ta’uu qaba. Kana jechuun karoorri kee kan yeroo qabatamaa waliin baafame ta’uu qaba. Fakkeenyaaf ati barataa yoo taate, qabxii 4 fiduuf kan karoora baafattu yoo ta’e, karoorri kee semiisteraan daangeeffaamuu qaba. Karoorri lama. Karoora yeroo dheeraa fi Karoora yeroo gabaabaati. Ati gaafa karoora baafattu lamaan isaa adda baafattee yeroo murtaawaa itti galmaan gahuu dandeessu waliin sirritti kaayyachuu qabda. Fakkeenyaaf ati bara dhuma 2021 waan kana hojjadhe goolabuun qaba yoo jette, deemsi ati deemtu, gochi ati ati taasiftu kan dhuma 2021tti bakka yaadde sanarraan si gahu ta’uu qaba.
Kanaaf ati karoorri kee murtaawaa, beekamaa, galma gahaa fi yeroon kan daangeeffame ta’uu qaba.
3. Xiyyeeffannaa
Seerri 3ffaan kuni seeroota ittiin bulmaata mul’ataa keessaa isa ijoodha. Mul’anni kee xiyyeeffannaa barbaada. Xiyyeeffannaa keetu mul’ata kee siif dhugoomsa, waan ati hawwite, waan ati barbaadde galmaan siif gaha. Xiyyeeffannaa keetiitu mul’ata kee siif dhugoomsa. Ganamaa fi galagala waan barbaaddu sun irratti xiyyeeffachuu qabda. Ganamaa fi galgala waan argachuu barbaaddu sun haasawu qabda. Xiyyeeffanaan kee wanta yeroo baay’ee haasooytu irra jira. Xiyyeeffannaa kee mul’ata kee irra yoo taasifte yeroo hangamuu haa sitti fudhatuu ati mul’ata kee bira numa geessa. Xiyyeeffannaan waan guddaa fida.
Xiyyeeffannaan kee waan takkittii mul’ata keetii sana qofa irratti ta’uu qaba.
4. Mul’ata dhuunfaa keetii hubadhu
Mul’anni kee kan dhunfaa keetii qofaa miti. Kan maatii keetiiti, kan haawaasa keetiiti, kan biyya keetiiti. Kana jechuun ati yeroo mul’ata kee dhugoomsite, firiin isaa sun atirra dabree maatii kee fayyada, haawaasa kee fayyada, biyya kee fayyada. Kanaaf mul’ata kee hubadhu. Mul’anni kee siif qofa osoo hin taane, maatii keetiif, haawaasa keetiif fi biyya keetiif akka tahe hubadhu.
5. Aarsaa kaafaluu
Mul’anni kee firii aarsaa ati arra kafaltuuti. Mul’anni keessa keetitti argamu boru kan gara firii qabatamaatti jijjiiramuun aarsaa ati arra kaffaltuuni. Aarsaan kee arraa firii mul’ata kee boruuti. Boruun tee gochaa fi aarsaa madaalawaa ati arra taasiftuuni murtaawa. Wanta argachuu barbaaddu tokko teessuutuma harkaan gahachuu hin dandeessu. Gochaa fi aarsaa si kafalchiiseetu harka kee irra gaha.
Mul’anni kee akka TV (televishiinaa) kan teessee laaltuu miti. Mul’anni kee ofii isaatiin sitti hin dhufu. Atiitu gochaa fi aarsaa kafalee gara isaatti dhaqa. Addunyaan tuni milkaa’inaan badhaatee jirti. Garuu badhaadhina guutamteen kana akkanumaan tola siif hin laattu.Aarsaa si kafalchiiftee siif laatti. Mul’anni keetiis badhaadhina addunyaan guutamteen kana keessaahi. Tolaan gonkuma hin argattu. Aarsaa kafaltee of harkaan geeysa.
6. Nin danda’a jechuun if amansiisuu
Mul’ata kee dhugoomfachuuf ati nama danda’aa, nama dhiibbaa uumuun rakkinoota hunda injifataa akka taatetti if amansiisi. Gadi qabdee if hin laalin. Mul’ata kee dhugoomfachuuf, tarkaanfiilee fudhachuu qabdu adda baafadhuu beeki. Eeganaa tarkaanfiilee kanneen hangam yoo jaabattellee ati nin danda’a ja’ii if amansiisii tarkaanfii kee eegali. Yoo eenyummaa fi gahumsa keetitti hin amantu ta’e mul’ata kee dhugoomfachuu fi harkaan gahachuu hin dandeessu. Firiin mul’ata keetii ofitti amanamummaa keetiin harka kee irra gaha.
7. Waan qabduun jalqabi (Start with what you have!!!)
Beekumsa, qabeenya, humnaa fi gahumsa arra qabduun gochaa fi tarkaanfii mul’ata kee ittiin dhugoomfattu tokko ja’ii eegali. Ani beekumsa hin qabu, qabeenya hin qabu, gahumsaa fi humni kiyya hojii kana hojjachuuf naaf danda’amu hin ja’in. Qaneenyaas ta’u hanga xiqqaa arra of harkaa qabduun eegali. Humnaas ta’u akkasuma. Mul’anni kee qabeenya guddaqn eegalteef miti kan dhugoomfattu, humna guddaan eegalteef miti kan dhugoomfattu, xiyyeeffannaan gocha qti guyyaa guyyaan taasiftuuni dhugooma.
8. Mul’ata keetitti amani
Amantiin ati mul’ata keetiif qabdu tarkaanfi jalqabaa galma mul’ata irra ittiin geeysu.
Mul’ata keetitti 100% amanuun galma gahiinsa mul’ata keetii 100% taasisa. Mul’anni kee keetuma. Kan mataa keetiti. Namni tokko si wajjin hin qabu. Garuu firiin isaa sirra dabree maatii, haawaasaa fi biyya kee fayyaduu danda’a. Bu’aa si wajjin haa qabaatan yookaqn haa fayyadaman malee, galma ga’iinsa isaa namni tokko si wajjin qooda fudhachuu hin danda’u. Suma mataa kee qofaatu galmaan gahuu danda’a. Qaamni biraa mul’ata akka galmaan aiif gahu hin eegin, hin abdatin. Kanaf ati kana hubattee, mul’ata keetitiis amantee galma ga’iinsa isaatiif tarkaanfiilee barbaachisaa hunda fudhachuu qabda.
9. Balaaleeffannaa fudhachuuf if qopheeysi
Yeroo ati mul’ata kee galmaan gahuuf tarkaanfii fi gocha eegaltu yaadni namoota sitti baay’ata. Hin dandeessuu taa’i ja’anii si dura dhaabbatan. Gochaa fi deemsa ati mul’ata kee dhugoomfachuuf taasiftu ni balaaleeffatan. Akka waan ati nama wallaalaa taateetti si hiikan. Waan wallaalummaaf kana gootu si sehu. Ati garuu eega mul’ata keetitti amantee yaadaa fi jecha namoota hin dhagahin.
Balaaleeffannaa isaanii suniin of booda hin deebi’in. Itti fufiinsaan tarkaanfiilee mul’ata kee siif dhugoomsan fudhadhu. Waan namni si duuba ja’urraa gurra kee cufadhu. Namoonni arra si balaaleeffatan boru ati jabaadha, nama cimaadha ja’anii si dinqisiifatu. Kanaaf ati gocha kee itti fufiinsaan taasisi.
Mul’anni kaleessaa qananii addunyaa arraatiif sababa ta’eera. Mul’atni galma kee jalqabaa fi dhumaa isii jidduutti eenyummaa kee if si barsiisa.
Akkam jirtu kabajamtootaa fi jaalatamtoota hordoftootaa fi dubbiftoota toor-barruu
hegeree.com. HEGEREE.COM akkuma waadaa isiniif gale barumsa gahumsa dhunfaa (personal development) ja’amu, kan jijjiiramaa fi guddina addunyaan arra irratti argamtu kanaaf sababa jalqabaa ta’e, dubbiftoota Afaan Oromoof kennuuf sochii saffisaa taheen deemuu irratti argama. Isiniis toor-barruu
HEGEREE.COM irraa hubannoo fi barumsa guddaa jireenya keessan jijjiiru akka argattan abdii guutuu qabna.
Amma dura mul’ata jechuun maal akka ta’e fi seeroota ittiin bulmaata isaa laallee jirra.
Barruu keenya arraatiin ammoo
Barbaachisummaa mul’ataa laalla.
Mul’ata jechuun maali? asii dubbifadhaa
https://hegeree.com/2021/08/14/mulata-jechuun-wanta-hin-mullanne-kan-keessa-keetii-ifu-jechuudha/
Mul’anni maaliif barbaachisa?
“Addunyaa kanarraa hiyyeessi hiyyeessa hunda caalu nama mul’ata hin qabneedha! ” Maayels Munroo
Mul’atni galma kee jalqabaa fi dhumaa isii kan sitti agarsiisuudha. Galma kee irra gahuuf kallattii itti deemuu qabdu kan sitti agarsiisudha. Kallattii sanarratti akkamitti akka deemuu qabdu si barsiisa. Mul’anni jireenya keetiif waan guddaadha.
Mul’anni hegeree jireenya keetiif baay’ee barbaachisaadha. Hegeree keetiif mul’anni barbaachisaa qofa osoo hin taane dirqama. Milkaa’ina boru argachuuf arra yaadaa jirtu sana argachuuf, arra keessa kee mul’anni jiraachuun dirqama. Fakkiin waan boru ta’uu fi argachuu barbaaddu sun arra sammuu fi yaadama kee keessa jiraachuu qaba.
Seeroonni ittiin bulmaata mul’ataa beektaa? Asii dubbiffadhu
https://hegeree.com/2021/10/25/mulanni-waadaa-dhunfaa-keetii-ulaagaa-fi-seeroota-mataa-isaa-kan-ittiin-dhugoomu-qabudha/
Irra hedduun ilma namaa waan boru argachuu fedhuu fi hawwu fakkiin isaa sammuu isaanii keessatti itti mul’ata. Garuu rakkinni guddaan isaan bira jiru, fakkiin sammuu isaanii keessatti kaafamee itti argamu sun mul’ata isaanii akka ta’e beekuu dadhabuudha.
Fakkiin san mul’ata isaanii akka ta’e waan hin beekneef, argachuu fi ta’uu hawwu malee osoo wanta sana harkaan hin gahatin addunyaa tanarraa deeman.
Osoo fakkiin sun akka mul’ata isaanii taate beekanii,seeroota ittiin bulmaata mul’ataa hojiirra waan oolchaniif ni dhugoomfatu.
Mul’anni jireenya keetiif bu’uura
Jireenya keetiif mul’anni daandiidha. Mul’anni jireenya keetiif ifaadha. Daandii jireenya keetii siif ta’a. Galma kaayyoo keetiiti. Ifaa jiruu teetiiti.
Jireenya kee keessatti mul’ata hin qabdu taanaan kaayyoo fi abjuu kee hubachuu hin dandeessu. Kaayyoo kee hoggantee daandii galmaan siif gahu irra imalchiisuu hin dandeessu.
Fedhii kee hogganuu hin dandeessu. Kaayyoo fi fedhii kee hogganuu yoo hin dandeenye, waan ta’uun siif malu osoo hin ta’in hafta. Bakka gahuu qabdu osoo hin gahin hafta.
Mul’anni dhumaa fi jalqaba kee si agarsiisa, si barsiisa
Barbaachisummaa mullanni jireenya kee keessatti qabu keessaa kuni isa duraati. Mul’anni imala jireenya keetii keessatti abdii siif ta’a. Dhuma imala keetii si mullisa. Kanaaf abdiin akka imaltu si taasisa.
Namni tokko gaafa imala eegalu, osoo imala hin eegalin dura waan tokko beekuu qaba. Inniis bakka gahuuf itti imala isaa eegaluuf deemu sana beekuu qaba. Akkamitti fi kallattii kamiin akka imaluu qabuus beekuu qaba.
Akkasumaas bakka deemuu fedhu galma isii hin beeku yoo ta’e, deemuun isaa gatii hin qabaatu. Galma isaa sana irra yoo gahellee galmiin ani gahuuf ka’e tana ja’ee beekuu hin danda’u. Namni jireenya isaa keessatti mul’ata hin qabnees akkana.
Addunyaa kana irratti namoonni seenaa gurguddaa hin dagatamne hojjatanii warri dabran namoota mul’ata qabani. Mul’ata gurguddaa waan qaban.
Yaadama guddaa warra qaban turan. Mul’ata guddaa qaban sana dhugoomfachuuf gocha gurguddaa tasisan.
Jarri sun yaadama guddaa sochoosanii bu’aa guddaa addunyaa tanaaf buusanii dabran. Addunyaan arra firii yaadamaa fi gocha guddaa isaaniin qanani’aa jirti.
Bu’aa mul’ata isaanii nuti arra itti fayyadamaa jirra. Ittiin qanani’aa jirra. Isaan ammoo beekkamtii fi seenaa gurguddaa yoomiyyuu hin dagatamne hojjatanii dabran.
Namoonni barbaachisummaa mullataa dhugoomsan sun eenyu fa’a?
Namoota baay’eedha kan kaleessa waan gurguddaa hojjatanii addunyaa arraa bareechan. Bareeddinni arra addunyaan kun ittiin faayamtee jirtu firii mul’ata isaaniiti.
Osoo isaan kaleessa mul’ata guddaa sana gochatti jijjiiruu baatanii qananiin arraa kun hin argamu. Namoota kaleessa seenaa isaaanii galmee hin banne irratti barreeffatanii dabran keessa muraasa maqaa kaafnee laalla.
Fakeenya namoota kaleessa abboottii mul’ata gurguddaa turan,kanneen addunyaa tanaaf sababaa qananii arraa ta’an keessaa:
Henerii Foord yeroo jalqabaaf konkolataa arra nuti itti fayyadamne jireenya keenya ittiin salphifachaa jirru kalaqe. Mul’anni isaa arra ba’aa meeqa nuuf salphise.
Ijoollee obboleeyyanii lamaan ilmaan Raayit ,
Wiilbarii fi Orviil, mul’ata xiyyaara hojjachuu qaban dhugoomsuuf gochatti seenanii galmaan gahuun dhugoomfatan. Xiyyaarri isaan kaleessa yaalii fi dadhabbii guddaa booda itti milkaa’an, arra nuti salphumatti adunyaa tana ittiin naannawaa jirra.
Aleksaander Girahaam Beel rakkoo haadhaa fi abbaa isaa furuuf ka’ee, isaan irra dabree rakkina addunyaa guutuu fure. Bilbila harkaa hojjachuun arra addunyaa guutuu mana tokko taasise. Haadhaa fi abbaan isaa gurraan sirritti hin dhagahan ture. Kanaaf inni rakkina haadhaa fi abbaa isaa kana furuuf karaan inni abjoote meesha isaan ittin salphatti dhagahan tokko hojjachuu ture mul’anni isaa.
Mikaa’el Faradaay jeneetara hojjatee rakkina ilma namaa furuu mul’ata taasifatee, mul’ata isaa kana dhugoomfachuuf irratti hojjachuu eegale. Akkuma yaade jenereetara addunyaa tanaaf oolmaa guddaa oole kalaqe. Har’a yeroo ifaan badutti, battaluma jeneetarri ifeen namni hundi isa yaadata.
Namoonni kaleessaa ga’ee isaanii bahatani dabran!! Atihoo?
Namoonni kaleessa mul’ata gurguddaa qabatanii dhugoomfachuuf hojjachuu eegalan, dhamaatii fi dadhabbii meeqa isaan mudatuus arra rakkinoota addunyaa tanaa furani jiran.
Qananiin arra addunyaa dhunfatte tuni bu’aa dadhabbii namoota kaleessa mullata guddaa qabaniiti. Mullata isaaniitu rakkinoota addunyaa arraa xiqqeesse.
Ati hoo mul’anni kee kan akkamiiti?. Kan rakkina kee qofa ittiin furattu moo kan addunyaa kanaaf furmaata yeroo hunda ittiin lafa keessu?. Mul’anni kee atirra dabree addunyaa kanaaf furmaata ta’uu qaba.
Akkuma waliigalaatti barbaachisummaan mul’ata isa kana. Mul’anni nama dhunfaa yoo kallattii fi galmi isaa sirritti baramee irratti hojjatame addunyaaf furmaata yeroo maraa ta’a. Atiis nama mul’ataa ta’i. Mul’ata keetiif dhama’i.
Mul’ata keetiif ammoo kallattii itti deemsiftuu fi galma isaa beeki. Kallattii fi galma mul’ata kee yoo beekte, yaalii, dadhabbii fi dhamaatii hammaataan si mudatullee galma isaa irra numa geeysa.
Galmi mul’ata keetii ammoo ati irra dabree fala rakkoo addunyaa kanaa ta’uu danda’a.
Barbaachisummaa mullataa jireenya keetiif murteessaadha.
Amaloota mul’ataa fi eegumsa isaa
Guddina fi jijjiiramni kan nama mul’ta qabuuti. Mul’anni faana milkaa’ina keetiiti. Harka fuune kabajamtoota hordooftoota toor-barruu HEGEREE. Kanaan dura mul’ataan walqabatee jalqaba, barruulee 3, isaaniis Mul’ata jechuun maal akka ta’e, Seeroota ittiin bulmaata mul’ataa fi Barbaachisummaa mul’ataa isiniif dhiyeessinee jirra. Arra ammoo amaloota mul’ataa fi kununsaa isaanii qabanne isiniif dhiyeessine, dubbisaa irraa baradhaa.
• https://hegeree.com/2021/09/23/mulanni-gidiraa-hambisa/
Barruulee keenya amma duraa irraa beekumsa guddaa akka arkattan abdii guutuu qabna. Barruu keenya arraatiin amaloota mul’ataa qabannee isiniif dhiyeessina.
■ Galma ga’iinsa mul’ataaf uulaagaan jalqabaa amaloota mul’ataa beekuu, eegumsaa fi kunuunsa barbaachisu guutuufiidha.
Amaloonni mul’ataa maal fa’a?
Mul’anni akeektuu galma guddina keetiiti. Si’eessituu gocha keetiiti. Mul’anni amala mataa isaa qaba. Qmaloonni isaa kuni ammoo eegumsaa fi kunuunsuufii barbaachisa. Mul’anni fira caalaa diina heddummaata. Diina hedduu qaba. Ati ammoo firaa fi diina mul’ata keetiiti. Mul’ata keetiif ati firaasi, dinaasi. Mul’anni qaama biraa irraa fira caalaa, diinaatu itti baay’ata. Ati ammoo mul’ata keetiif firaasi, diinaasi. Akkamiin!
Ati akkamiin dinaa fi fira mul’ata kee taate
Ati mul’ata kee beektee, barbaaddee, agartee, jalqabaa fi galma isaa hubattee kunuunsa barbaachisu gaanaafiin fira jabaa isaati. Garuu mul’ata beektees ta’u yoo hin beekiniis yaada fi ilaalcha namoonni siif qabaniin hogganta, sochoofta yoo taate mul’anni kee si harkatti bada, fashala, si harkatti du’a. Yeroo kana ati diina mul’ata keetiiti.
• https://hegeree.com/2021/10/25/seeroota-ittiin-bulmaata-mulataa/
Mul’ata kee dhugoomsuuf firummaa qaamoota biraa irra firummaa teetiitu humna qaba. Mul’ata kee ajjeeftee dhabamsiisuuf diinummaa qaamoota biraa irra diinummaa keeti humna qaba. Firummaa fi diinummaan qaamoota biraa mul’ata kee dhugoomsuu fi dhabamsiisuu irratti ga’ee hanga ta’e ni qaban. Hunda ol mul’ata keetiif goftaan suma qofa. Kanatti aansee amaloota mul’ataa ilaalla
Mul’anni dhokataadha
Rabbiin gaafa si uume dandeettii addaa tokko waliin si uume. Dandeettiin addaa waliin si uume kuni ofiin ba’ee sitti hin mullatu. Barbaacha guddaa si gaafata. Dandeettuma keessa kee jiru kana barbaacha guddaa booda of keessatti argita. Dandeettiin addaa waliin uumamte kuni mul’ata keeti.
Mul’anni keessa keetti argamu akeektuu hegeree keetiiti. Akeektuu jireenya kee boruuti. Mul’anni kee keessuma kee osoo jiruu si jalaa dhokata. Salphumatti siif hin argamu. Barbaacha guddaa si gaafata. Kana waan ta’eef, hojiin kee inni guddaan akkamitti akka waan si keessa jiruu sana bartee, baaftee ittiin hojjachuu qabdu hubachuuf ta’uu qaba.
Mul’anni dhimma dhunfaati
Mul’anni dhimma dhunfaa keetiiti. Kan arguu danda’uus, kan baasee hojiirra oolchee dhugoomsuu danda’uus suma mataa kee qofa. Mul’ata kee beekuuf, baasuuf, hojjattee dhugoomfachuuf ga’ee kan qabu suma qofa. Gargaarsi namoota biroo si hin fayyadu.
• https://hegeree.com/2021/10/27/barbaachisummaa-mulataa/
Namoonni mul’ata kee eeega ati barbaaddee argattee dhugoomfachuuf hojii eegalte booda mul’ata kee sana guddifachuu irratti si gargaaruu danda’u. Kanaan ala gargaarsi namoota eessattuu si hin fayyadu. Sababni namoonni kan argan wanta qabatamatti mul’atan qofa. Isa keessa kee jiru suma qofa beekuus, arguus danda’a. Itti gaafatamummaan mul’ata keetii suma qofa harka jira.
Guddina mul’ata keetiif eegumsaa fi kunuunsa barbaachisa
Mul’anni ofii eegumsa jabaa oggummaan guutame taasisuufi barbaada. Mul’anni kee yaada namootaa fi murti ati ofii kennituun si harkatti miidhamuu danda’a. Namoonni ilaalcha badaa siif qaban si kuffisuuf tattaaffatu. Galma mul’ata keetii irra akka ati hin geenye si sakaaluuf dadhabina kee tokko tokko fayyadamanii karaa irratti si hambisuu danda’u. Abdii si kutachiisanii galma mul’ata keetii irraa si hambisuu danda’u. Kuni kan yoo ati yaada isaanii dhageeysee, ofitti murteessite qofa.
Mul’anni kee ni dhalata, ni guddata, ni dua, ni awwaalama!!
Mul’anni kee ni dhalata, ni du’a, niawwaalama an jechuun maal jechuudha?. Eessatti dhalata?, Eessatti du’a? Maaltu yookaan eenyuutu ajjeesa? Eessattii fi eenyuuni awwaalama?
Mul’anni kee kan dhalatu suma keessatti. Kan du’uus suma keessatti. Garuu du’a mul’ata keetitiif qaamni jalqabq sababa ta’u suma qofa, qaamoonni biroos sababa 2ffaadha. Mul’anni kee kan awwaalamu suma keessatti. Kan awwaaluus suma mataa keetiiti.
Yaadni namoonni nama tokkoof kennan jireenya isaa irratti ga’ee guddaa akka qabu hubadhu. Nama dadhabaa tokkoo, “ati bar nama jabaadhaa, hin danda’amtu!, daandeettii ajaa’ibaa qabda!” yoo jetteen namni sun dhuguma godhee nama baay’ee cimaa ta’uu danda’a. Ni tahaas.
Yaadni ati nama tokko irratti kennitu guddina nama sanaa irratti dhiibbaa guddaa uuma
Yaadni namaa sakkaallaa yookaan kakaaftuu guddina keetiiti. Namuma waa hojjachuuf dandeettii guddaa fi jabaa qabu tokkoon ammoo, “Ati nama dadhabaadha! nama kufaadha!. Firrumaa dhamaata malee eessayyuu gahuu hin dandeessu!. Yoo jetteen namni sun yaada kee kanaan baay’ee miidhama.
Jireenya isaa irratti dhiibbaa guddaa itti ta’a. Akkuma namoonni isaan ja’an sunitti yaaduu fi of ibsuu eegala. Wanti namni tokko itti of amansiise ammoo uumamumaanuu dandeettii humna guddaa isa irratti qabaatee isa irratti hojjachuu qaba. Kuni seera uumamaati.
Yaadni namootaa mul’ata kee irratti dhiibbaa ulfaataa fi hamaa qaba. Mul’anni kee ammoo guddina keetiif murteessaadha. Kanaaf mul’ata kee tikfachuu qabda. Mul’ata kee eeggachuun kunuunfachuu sirraa eegama.
Guddina hawwitu irra gahuuf, mul’ata kee eeggachuu qabda. Iccitii mul’ata keetii namootatti hin himin. Yoo mul’ata kee dhugoomfachuuf bakka gargaarsi namootaa dirqama si barbaachisu irra jiraatte, iccitii mul’ata keetii namoota iccitii ni eeqan, amanamoodha jette amantu qofatti himi.
Beeki! hammuma namoonni iccitii mul’ata kee beekan heddummaatan takka, qoree fi gufuun namoonni karaa kee irratti guuran baay’atu. Kanaaf ati mul’ata kee tikfadhu.
Mul’anni akeektuu guddina keetiiti, garuu aarsaa kafaluu si gaafata
Guddina barbaadda taanaan mul’ata keetiif aaarsaa kafali. Jireenyi kee mul’ata keetiin madaalama. Mul’anni safartuu yookaan yunitii waaltawaa sadarkaa jireenya keetiiti. Kuffiinsaa fi injifannoon yookaan galma ga’iinsi jireenya keetii hanga mul’ata keetiin safarama.
“ Jireenyi filannoo siif dhiyeessiti; aarsaa barbaachisu kafalu yookiin gaabbuu!” Tiim Kooner.
“ Muka ija qabutti dhagaan baay’ata !” Shiiv Keeraa.
Mul’anni faana guddina keetiiti, kanaaf aarsaa kafaluu si gaafata. Aarsaa sana kafaluuf ati hayyamamaa fi qophaawaa ta’uu qabda. Hayyamamaa fi qophaawaa ta’uun kee dirqama. Yoo kana hin filannaa 2ffaa fudhatta. Inniis gaabbiidh.
Warri adiin gaafa makmaaksaan maalummaa aarsaa kafaluu kana gabaabinaan dubbatan akkana ja’an. “No pain, no gain!” ja’u. Kana jechuun argachuuf, guddina gonfachuuf “yoo dhukkubbii si mudatu hin obsine argachuun akka hin jiraanne” nutti himaa jiran. Namoonni hedduuniis kan mul’ata isaaniin wal dhabaniif, aarsaa barbaachisu kafaluuf fedha qabaachuu dhabuu isaanii qofaani.
Hubadhu
Ati waan tokko hubachuu qabda. Mul’ata qabda taanaan, imala dhugoomfachuuf taasiftu irratti karaa hedduun rakkinni si mudachuu danda’a. Muka ija qabutti dhagaan baay’ata akkuma ja’amu, nama mul’ata qabuuf tattaaffatutti rakkinni baay’ata. Kanaaf amala mul’ata kana kabajjee, aarsaa inni si gaafatu kaffaluuf hayyamamaa fi qophaawaa ta’uun sirra jiraata. Yeroos mul’ata kee dhugoomfatta.
Walumaa galatti mul’ata kee dhugoomfachuuf, galma isaa irra gahuuf, guddina irratti argamuuf murtiin jalqabaa amaloota mul’ataa kabajuu keetini.
■
■ JIJIIIRAMAA FI ILAALCHA GAARII
● Daandii milkaa’inaa fi qajelfamoota daandii milkaa’inaa
● Hiika Milkaa’inaa
■ ● Gufuulee daandii milkaa’inaa
¤ Jijjiiramaa fi ilaalcha Gaarii
Milkaayina jechuun maali? Deebii gaafii kanaa deebisuu namni danda’u addunyaa kanarraa si qofaadha. Kitaaboota addunyaa kanarra jiran yoo dubbiftees deebii sirrii gaafii kanaa hin argattu. Namoota beekkamoo fi sadarkaa ol’aanaa irra jiran yoo gaafattees, deebii gaafii kanaa argachuu hin dandeessu. Deebiin gaafii “Milkaa’inni Maali” jedhuu si qofaatu deebisuu danda’a.
Hiika Milkaa’inaa sirriin keessa keetii madda malee, namootarraa yookiin kitaabootarra dubbiftee miti kan argattu. Namoonni milkaa’oon akkaataa itti galma kee milkeeffachuu dandeessutti muuxannoo siif qooduu danda’u malee hiika milkaa’inaa isa sirrii sitti himuu hin danda’an.
Yoo sitti himaniis hiika milkaa’inaa kan ofii isaanii sitti himan malee, hiika milkaa’inaa isa sirrii siif himuu hin danda’an. Hiika milkaa’inaa kan kee isa sirrii si qofaatu beeka. Furtuun milkaa’inaa hiika milkaa’inaa isa sirrii beekuudha.
https://hegeree.com/2021/06/19/daandii-milkaainaa-fi-qajelfamoota-daandii-milkaainaa/
Hiikni milkaa’inaa inni sirriin hoo maali? Hiika namoonni yeroo baay’ee milkaa’inaaf kennan sirrii miti jechuu ni dandeessa.
Milkaa’inni maali jettee yoo namoota gaafatte, galma ofii milkeessuu, bakka yaadan ga’uu, maallaqa hedduu horachuu, hogganaa dhaabbata beekamaa tokkoo ta’uu, gaggeessaa ol’aanaa ta’uu fi kkf siin jedhu.
Namoonni hiika milkaa’inaa kana eessa baran? Haawasa keessa jiraatanirraa, hiriyyoota isaanirraa, namoota ajaa’ibsiifatan irraa, maatii isaanirraa fi kkf irraa baratan. Garuu hiika milkaa’inaa sirriin namootarraa osoo hin taane, keessa nama milkaa’uu fedhuu sana keessaa madda.
Ati milkaa’inaa akka armaan olii kanatti ibsitaa? Namni tokko maallaqa biliyoonaan yoo qabaate ni milkaa’e jechuu ni dandeenyaa? Namni tokko galma isaa waan milkeeffateef yookaan bakka yaade waan ga’eef ni milkaawe jechuu ni dandeenyaa?
Hiiki milkaa’inaa inni sirriin bakka yaadan ga’uu yookaan galma karoorfatan milkeeffachuu qofaa miti. Milkaa’inni bakka yaadan ga’uu yookaan galma karoorfatan milkeeffachuudha yoo ta’e namoonni hatanii yookaan gochaa malaammaltummaadhaan durooman, kanneen obboleessa isaanii dabarsanii kennanii dhiiga obboleessa isaaniin aangoi ol’aanaa qabataniis ni milkaa’ana jechuu dandeenya.
https://hegeree.com/2021/07/05/seeroota-milkaainaa/
Lakkii milkaa’inni kanaan miti. Namoonni jireenya namoota biroo booreessanii, ofii isaaniiti bakka yaadan ga’an hamileen isaanii nagaa, tasgabbii fi gammachuu hin qaban. Nagaa, tasgabbii fi gmmachuu hin qaban taanaan, milkaa’inni isanii, maallaqni isaaniis hiika hin qabaatu. Gammachuun agarsiiftuu milkaa’inaati.
Milkaayina jechuun hiikni isaa inni sirrii maali?
Hiikni milkaa’inaa inni sirriin maali? Hayyuu beekamaan Steve Mueller ja’amu hiika milkaa’inaa isa sirrii akka armaan gadiitti ibse:
“True success in life is cannot be measured with factors such as having a lot of money, being wealthy, having a lot of tangibles and earned degree, but instead with the amount of people that are able to live a better and more advanced life because of what one have created. This is the true meaning of success. “
Yaadni Steve Mueller gara Afaan Oromootti yoo hiikamu:
“Milkaa‘inni sirriin, maallaqa hedduu qabaachuu, badhaadhummaa, meeshaalee gatii qabeeyyii hedduu qabaachuu fi barnoota digrii sadarkaa ol’aanaa qabaachuun madaalama osoo hin taane, baay’ina namoota jireenya gaarii akka jiraataniif haala mijjeessiteefii fi jireenya isaanii fooyyeessiteefiin madaalama.”
Milkaayina jechuun kana. Yaada kanarraa hubachuun akkuma danda’amu, milkaa’inni, qabeenya hedduu horachuu yookaan sadarkaa ol’aanaarra ga’uu qofaan madaalama osoo hin taane jireenya namoota biroo irrattiis jijjiirama gaarii fiduu keetiin madaalama.
Milkaa’inni kee addunyaa kanaaf waa uumuudha
Milkaa’inni kee addunyaa kanaaf haala gaarii uumuu qaba. Ta’uu baannaan milkaayina sirrii miti. Kana jechuun immoo ati jireenya namoota biroo jijjiiruuf dirqama qabda jechuu miti. Namni kamiyyuu jireenya mataa isaatiif itti gaafatamummaa qaba.
Garuu ati dhala namaati. Dhalli namaa jireenya ofii nyaatee dhugee quufee jiraachuu qofaaf hin uumamne. Dhalli namaa jireenya ofii isaa qofa irratti osoo hin taane, jireenya hawaasaa fi addunyaa kanaa irratti jijjiirama fiduu qaba. Milkaa’inniis kanaan madaalama. Kanaan ibsama, kanaan hiikama.
Galma kee bira geeyse jechuun milkooyte jechuudhaa?
Galma kee bira geesse jechuun ni milkoofte jechuu miti. Niin milkaa’e jechuuf galmi kee jireenya keetiifi kan namoota birootiif madda gammachuu ta’uu qaba. Oggummaa jaalattu tokko barachuun kee galma keeti. Galma kee bira geeyse malee, milkoofte hin ja’amu. Milkoofte kan ja’amtu, gaafa oogummaa barattee ittiin eebbifamte suniin jireenya keetii fi kan hawaasaa fooyyeessiteedha. Milkaayina jechuun isa kana.
Ati dubbisaan toora website keenya kanaa, duubisa asii olii kanaarra hiika milkaa’inaa isa sirrii hubatte jennee abdanna. Atiis nama milkaa’aa ja’amuuf, nama milkaa’aa ta’uuf, milkaa’inni kee siifi haawasa keetiif madda gammachuu akka ta’utti hojjadhu.
Daandii milkaa’inaa fi qajelfamoota daandii milkaa’inaa
Daandii milkaa’inaa jechuun maal jechuudha?
Daandii milkaa’inaa jechuun daandii ati galma kee bira ittiin geessu jechuudha yookaan daandii gara galma keetitti si geessu jechuudha. Daandiin gara milkaa’inaatti si geessu kuni jal’atees, qajeelees daandii milkaa’inaa jedhama. Kanaaf ati ja’inaa fi qajeeloomina isaa hin laalinii, bakka yaadde sana ga’uuf irra deemi.
https://hegeree.com/2021/06/18/milkaaina-jechuun/
Daandii milkaa’inaa kana akkamin filatta?
Daandii milkaa’inaa kan filattu galma kee irratti hundooyteeti. Yeroo kana galma kee kan irratti hundooftee bira ga’uuf immoo daandii sana filatteef sanaaf dursa kennuu qabda. Daandiin ati filatte jal’atuus, qajeeluus hin dhiisin.
Hubadhu, daandii irra deemtu kan murteessu jal’ina daandiichaa osoo hin taane, galma kee yookaan bakka ati gahuu feetuudha. Daandiin galma kee irraan si gahu jajal’ataa ta’uus, galma kee sana bira gahuuf dirqama daaandii qajeelaa biraa filachuun si barbaachisu. Sababni isaas daandiin san qajeelaa ta’uus galma kee irraan si gahu waan ta’eef.
Qajeelfamoota Daandii Milkaa’inaa:
Tarkaanfii kee idileessi; Guyyaa guyyaatti yoo xiqqaate tarkaanfii tokko gara galma keetiitti tarkaanfachuu qabda. Kana yoo goote galma kee irra ni geeysa.
Waantoota barbaachisoo dursi kennamuufi qabaniif dursa kenni: Jaarraa amma keessatti argamnu, kan teknolojiin daagage kana keessatti wantootni qalbii nama hawwatan, qalbii nama hatan hedduun ni jiru.
Wantootni qalbii keenya hatan kunneen gaarii waan nutti fakkaataniif utuu hin beeekin, daandii galma keenya irraan nu gahu sanarraa nu jallisuu danda’u. Feedhiwwaan baay’een keessa keenyatti uumamanii waan qabnuuf gad-dhiifnu nu wallaalchisuu danda’u. Yeroo akkanaa galma kee ilaalcha keessa galchuun waan dursi kennamuufi qabuuf dursa kennuu qabda.
Ofitti amanamummaa qabaadhu: Ofitti amanamummaa jechuun waan karoorfatte tokko milkeessuuf dandeettii ga’aa akka qabdu amanuu qofa osoo hin taane, atiis galma keetif barbaachisaa akka taate ofitti amanuu fi gatii ofii kennuu jechuudha.
Daandii milkaa’inaa irra gaafa deemtu ofitti amanamummaa qabaachuu qabda. Galma kee milkeessuuf dandeettii ga’aa yoo qabaatteyyuu ofitti amanamummaa yoo hin qabaanne galma kee bira gahuu hin dandeessu. Ofitti amanamummaan furtuuwwan milkaa’inaa keessaa isa murteessaadha.
Galma keetiif itti gaafatamummaa fudhadhu: Daandii milkaa’inaa irra gaafa deemtu, deemuu kee qofa osoo hin taane galma kee sanaaf itti gaafatamummaa fudhachuu qabda. Jireenya keessatti wanti ati hubachuu qabdu, namni si caalaa jireenya keetiif yaadu akka hin jirreedha. Galma keetiif kaan itti gaafatamu suma qofa.
Akkasumaas haalaa fi nama biroo osoo hin eegin galma kee bira gahuuf atumti gara fuulduraatti tarkaanfachuu qabda. Amalaa fi adeemsa kankee jijjiirtee mul’ata kee qofa irratti xiyyeeffachuun ulfaachuu danda’a.
Garuu kuni kutannoo fi murannoo qofa si gaafata. Wanti ati yeroo mara hubachu qabdu, sammuun kee wanta ati milkeessuu hin dandeenye hin yaadu. Kanaaf, galma kee bira gahuuf itti gaafatamummaa fudhattee, amantaa fi kutannoon deemnaan bakka yaadde sana ni geessa.
Dammaqiinsa
Dammaqaa yookaan Dammaqxuu ta’i: Dammaqaa/xuu ta’i jechuun, Daandii milkaa’inaa irra gaafa sochootu, xiyyeeffannaa, yaadaa fi qalbii guutuun tarkaanfachuu jechuudha.
Akkasumaas haala keessa jirtuu, haala irra as dabarte kalattii irraa deemaa jirtu miira dammaqiinsa qabuun hordofaa deemi. Yoo kana hin goone, akkanumaan deemta taanaan guufuulee daandii milkaa’inaa irra jiran waan hin qalbiffanneef kufaatii hamaa kufuu dandeessa.
Akkasumaas dammaqinaan hin deemtu taanaan imala kee keessatti bakka saffisaan deemuu qabdutti hin saffistu,bakka suuta deemuu qaabdutti ammoo suuta hin deemtu. Kun immoo galma kee bira akka hin geenye si taasisa. Bara baraan deemaa daandii irratti akka haftu si taasisa.
Guyyaatti yoo xiqqaate, dhaabbadhuutii gaafilee kana of gaafadhu. Eessaan jira? .
Hangam takkaan hubachaa jira? Maal hojjechaan jira? Maal yaadaan jira?. Bakkiin ani amma jiru kuni bakkaan ani jiraachuu maluudhaa?. Wantiin hojjachaa jiru kuni wantaan hojjachuu qabuudha?. Wantiin yaadaa jiru wantaan yaaduu qabuudha? Hubannoon argachaa jiru kuni kan jireenya kiyyaaf na barbaachisuudhaa? jedhii of gaafadhu.
Deebiiwwaan ati gaafiilee kanneeniif deebiftu miti taanaan, battalumatti sirreeffama barbaachisu fudhadhuu yaadaa fi qalbii kee gara galma keetitti deebisi. Murtii barbaachisoo mirteessi. Daandii milkaa’inaa irra gaafa imaltu, yaadaa fi sochii kee haala kanaan to’achaa deemta taanaan shakkii tokko malee bakka yaadde sana ni geessa.
Waan eegalte kutannoon xumuri: Milkaa’inaaf jalqabbiin bu’uura. Garuu jalqabuu qofaan milkaa’ina harkaan gahachuun hin danda’amu. Wanti karoorfame yeroo karoorfametti hin hojjatamu taanaan hiika hin qabaatu.
Hojii eegaltee tokko jalqabbii gaarii jalqabi. Hojicha milkeessuufiis kutannoodhaan jalqabii itti seeni. Akkuma kutannoon jalqabde hanga xumuraattiis kutannoon hojjadhuu xumuri. Itti fufiinsaan hojjadhu.
Seeroota milkaa’inaa keessa seerri ijoo fi murteessaa ta’e, seera itti fufiinsaati. Itti fufiinsaan hojjachuu keetu galma kee biraan si gaha. Itti fufiinsaan hojjadhu.
Seeroota milkaa’inaa shanan
Ati milkaa’uuf aarsaa kafalaa jirtaa?. Deebiin kee eeyyee moo lakkii isa ja’uudha? Deebiin kee eeyyee yoo ta’e, ati seeroota bu’uura milkaa’inaa shanan dhageessee beektaa? Ulaagaalee seeroota milkaa’inaa shanan osoo hin beekin niin milkaa’a jattee yaaddee beektaa?
Milkaa’inni seera of danda’e kan mataa isaa qaba.
Seera kana osoo beekuutiis ta’u yookaan osoo hin beeknees ta’u namni ulaagaa isaa guutee hojiirra oolche milkaa’ina bira gaha.
Faallaa kanaatiin immoo namni seera kana ulaagaa isaa guutee ittiin hin hojjatin, hanga fedhe humna isaa dhangalaasee hojjatuus milkaa’ina bira gahuu hin danda’u. Seera milkaa’inaa guutee hin hojjanne waan ta’eef milkaa’inni isaa hawwi qofa ta’ee hafa.
Fakkeenyaaf, ati ogummaa konkolaataa konkolaachisuu qabaattee, garuu osoo seera tiraafikaa hin beekne, mallattoolee sochii tiraafikaa agarsiisan kanneen karaarratti argaman laaltee osoo waa hubachuu hin dandeenye, konkolaataa konkolaachisuu hin dandeessu.
Kana jechuun, konkolaachisuu beektuus seera konkalaachisummaa waan hin beekneef seera tiraafikaa cabsita. Seera tiraafika gaafa cabsitu immoo ni adabamta. Kanaaf konkolaachisuu qofa beekuu osoo hin taane, seera sochii tiraafikaa hunda beekuun sirratti dirqama.
Kuni kan agarsiisu ogummaan konkaalaachisuun seera mataa isii qabaachuu. Akkasumaas daandiin ati irra konkolaachiftuus seera sochii kan mataa isaa qabaachuu agarsiisa.
Jireenya kee keessattiis milkaa’inaaf hojjachuun dura seeroota milkaa’ina hojjattuuf sana biraan si gahan beekuu qabda.
Milkaa’ina jechuun maali?
https://hegeree.com/2021/06/18/milkaaina-jechuun/
Seera jechuun maali?
Gabaabummatti seera jechuun ittiin bulmaata wanta tokkooti. Akkasumaas seera jechuun wanta yoo cabsite yookaan faalleessite adamtu jechuudha. Wanti hundi seera mataa isii qabdi. Wanti ulaagaa of danda’e hin qabne hin jirtu. Hojiin hundi seeraa ittiin hojjatamtu qabdi.
Milkaa’inniis ittiin bulmaata mataa isaa qaba. Kanaaf milkaa’ina wajjin yeroo walqabsiifnu, seera jechuun wanta namni ulaagaa isaa eegee hojjate ittiin milkaa’u, namni ulaagaa isaa guutee hin hojjatin ittiin kufu jechuudha.
Seeroota milkaa’inaa kanneen barbaaddes ta’u, barbaaduu baattuus, beektees ta’u osoo hin beekin hojiirra oolchite taanaan milkaa’uun kee hafa qabu. Kanaaf seeroota milkaa’inaa kanneen akkaataa duraa duuba isaanitiin sirritti beekuu qabda. Maaliif? seeroota sana hojiirra oolchite taanaan milkaa’uun kee hafa hin qabu waan ta’eef!!.
Seeroota milkaa’inaa kanneen gaafa hojiirra oolchitu bu’aa ba’ii hedduutu si qunnama. Bu’aa ba’ii si qunnaman kana hunda injifannoon bira taruuf seeroota kanneen sirritti gadi fageenyaan beekuu qabda.
Seeroonni milkaa’inaa kunneen maal fa’a?.
Tokkoon tokkoon isaanii akkaataa duraa duuba isaaniitiin;
1. Seera Amanuu (The Law of Beleive)
2. Seera Fedhii ykn barbaaduu (The law of desire)
3. Seera Ilaalcha Gaarii (The law of posetive attitude)
4. Seera itti fufiinsaa ( The law of Persistance)
5. Seera Karoora Baasuu (The law of Goal
Gufuulee milkaa’inaa
Gufuu fi kufaatiin daandii milkaa’inaa irraa hin dhabaman!!.
Gufuulee daandii milkaa’inaa jechuun wanta galma kee bira akka hin geenyeef si danqan jechuudha.
Gufuuleen milkaa’inaa kunniin kan si mudatan erga ati galma milkeessuuf tarkaanfii eegaltee booda. Galma kee milkeessuuf tarkaanfii hin eegaltu taanaan gufuun si mudatu hin jiraatu.
Jireenya kee keessatti galma bakka yaaddee gahuudhaaf daandii milkaa’inaa irra imala kee eegaluu qabda. Yeroo ati deemsa eegaltu immoo gufuulee adda addaa si mudachuun hafa hin qabu.
https://hegeree.com/2021/06/19/daandii-milkaainaa-fi-qajelfamoota-daandii-milkaainaa/
Gufuuleen imala jireenya keessatti si mudatan daandii milkaa’inaa irra jiraachuu kee agarsiisu.
Gufuulee imala daandii milkaa’inaa irratti si mudatan kanneen utuu imalicha hin eegalin dursii adda baafadhu. Erga adda baaffattee boodaas akkamiin injifattee bira dabruu akka dandeessu kaaroora kaayadhu.
Gufuulee imala daandii milkaa’inaa irratti si mudatan adda baafachuu qqbda. erga adda baafattee booda akkamiin akka injifattee bira dabruu dandeessu osoo adda hin baafatin imala hin jalqabin. Yoo osoo adda hin baafatin eegalte, gufuuleen si mudachuun waan hin oolleef rifachuu fi aaruu dandeessa. Yeroo ati rifannaa yookaan aarii keessa seentu, sammuun kee gufuulee si mudatan sanarraa tasgabbaa’ee furmaata barbaaduu hin danda’u.
Guufulee daandii milkaa’inaa irratti si mudachuu malan dursii adda baafadhu
Gufuulee daandii milkaa’inaa kee irratti si mudachuu malan dursitee adda baafachuuf yaaluu qabda. Yaaliin jalqaba waan hundaa irratti barbaachisaadha. Gufuulee daandii milkaa’inaa irratti si mudachuu malan adda baafachuuf yaaluun kee gaafa si mudatte obsaa fi mala siif taati.
Kanaafuu osoo deemsa hin eegalin gufuulee daandii milkaa’inaa ati irra imaluuf deemtu sanarratti si mudachuu malan adda baafadhu. Akkasumaas gufuulee fi rakkinoota si mudachuu malan sun akkamiin akka bira dabartuus karoora lafa kaayadhu.
Yeroo gufuulee fi rakkinoota si mudachuu malan adda baafattee, akkasumaas akkamiin akka injifattee bira dabartu adda baafattee imala kee eegaltu, rakkinoota fi gufuulee ati na mudatu jettee kaayatteen ala inni biraa akka tasaa yoo si mudatellee, dursa of qopheessitee waan itti seenteef sammuun kee tasgabbiin furmaata itti laata.
Adeemsa keessaas muuxannoo, beekumsaa fi hubannoo horachaa fi gabbifachaa waan deemtuuf rakkoo fi gufuulee tasa si mudataniif sammuun furmaata itti laata.
Milkaa’ina kee kan daangeessu gufuu fi kufaatii daandii milkaa’inaa irratti si mudatan osoo hin taane yaadaa fi qalbii keeti.
Bakka yaadde sana ga’uuf dursii gufuulee fi rakkoowwan si mudachuu danda’an adda baafadhu. Erga adda baafattee furmaata karoorfadhuu imala kee kutannoon eegali. Yeroo imaltuus yaadaa fi qalbii damaqeen imali. Yaadaa fi qalbiin kee dammaqaa taanaan yeroo rakkoon si mudatu furmaata barbaadutti xiyyeeffatta malee yeroo kee waa’ee rakkinicha sunii yaaduutti hin gubdu.
Gufuuleen fi rakkoowwan daandii milkaa’inaa irratti si mudatan galma kee irratti hundaa’uun garaagara ta’uu danda’u.
Mee gaafilee asiin gadii kana of gaafadhuu, ofuma keeti deebiis ofii deebisi!
1. Ati galma kee milkeessuuf imala eegaltee jirtaa?, Osoo imala hin eegalin rakkinootaa fi gufuuleewwan si mudachuu danda’an adda baafattee jirtaa?, Galma kee milkeessuuf imala hin eegalin jirta yoo ta’e, Maaliif?
Qabxiilee 10n Guddina Yookaan Milkaa’ina Keetiif Barbaachisan
Qabxiilee 10n Guddina kee Murteessan
Guddina jechuun siif maali?. Guddina jechuun milkaa’ina jireenya keetiti. Galma guddoo jiruu fi jireenya kee keessatti irratti of arguuf hawwitu jechuuddha. Jireenya kee keessatti guddina hawwitu galmeessuuf qqbxiilee 10 haalaan si barbaachisantu jira. Qabxiilee kurnan kana tartiiba isaaniitiin hunda hojii irra oolchuu qabda.
Milkaa’inni jireenya kee irratti hawwitu malaa fi tarsimoo ittiin galmeeysiftu, kan hojiirra ooluu qabantu jira.
Maloota Milkaayina hawwitu dhugoomfachuuf si barbaachisan 10n maxxansa keenya arraatiin qabannee akka armaan gadiitti isiniif dhiyeessina. Dubbisa gaarii.
Kanaan dura maxxansa waa’ee milkaa’inaan walqabatu sadii isiniif maxxansinee turre.
Milkaa’ina jechuun maali?
https://hegeree.com/2021/06/18/milkaayina-jechuun/
Daandii milkaa’inaa fi qajeelfamoota isaa
https://hegeree.com/2021/06/19/daandii-milkaainaa-fi-qajelfamoota-daandii-milkaainaa/
Seeroota milkaa’inaa
https://hegeree.com/2021/07/05/seeroota-milkaainaa/
Maxxansa keenya amma duraatiin milkaa’inaan walqabatee akkuma olitti isin yaadachiifne tartiibaan isiniif dhiyeessuun keenya ni yaadatama.
Arra ammoo qabxiilee 10n milkaa’ina keetiif barbaachisan isiniif maxxansina.
1. Ofitti amanamummaa qabaadhu
Eenyummaa kee sirritti hubadhu. Gahumsa kee beeki. Ofitti amanamummaa gahaa qabaachuun kee hirkattummaa irraa si baraara.Yoo ofitti amanamummaa hin qabaanne jireenya kee hirkattummaan jiraatta. Yaada namaa malee yaada keetiin jireenya kee hin deemsiftu.Murtii jireenya keetiif barbaachisu murteessuu hin dandeessu.
2. Nin danda’a jechuun if amansiisi
Hubadhu,jireenya kee keessatti murtee gaarii fi barbaachiisaan sirraa eegamu niin danda’a jettee ofirratti murteessuu keeti.
3. Of hin tuffatin
Namni of tuffatu if hongeessa. Gadi aantummaa keessatti if kuffisa. Of tuffachuun gatii gahumsaa fi eenyummaa keetii si wallaalchisa. Hirkattummaa jala si galcha.
Kanaafuu of tuffachuu dhiisii, eenyummaa kee isa sirrii if hubadhu. Gatii si si madaalu fi si fakkaatu ofii kenni.
4. Karoora qabaadhu
Karoorri furtuu barbaachiftu jireenya keetiiti. Jireenyi karooraan bareeddi. Karooraan firii godhatti. Karooraan ala hojjachuun harka duwwaa si hambisa. Hojii hojjattuuf karoora qabaachuu jechuun, hojii hojjattu sana yeroo kamitti akka hojjattu lafa kaayyachuu jechuudha.
5. Yeroo keetitti sirnaan fayyadami
Hubadhu; yeroon guddina keetiif murteessituudha. Qabeenya lafa kanarra jiru hunda irra qaaliidha. Ilma namaa kana hunda waliin walqixa siif kennamte.Kanaaf qabeenya hundaa olii kana sirnaan itti fayyadami. Osoo hin qisaasin fayyadmanaan guddina hawwitu ni galmeessita.
6. Guddina barbaadda taanaan yaada namaa hin dhagahin
Yaadni namaa jireenya kee irratti dhiibbaa qaba. Rakkoo si mudatu baay’ee caalaa yaada namaatu abdii si kutachiisa. Kanaaf yaada namaa hin dhagahin. Bakka barbaachisetti ammoo yaada nama wal hubattan wajjin wal jijjiiruun bu’aa qaba. Garuu bu’aan isaa parsantii xiqqaadha. Hundaa olitti yaada keetu jireenya keetiif bu’uura.
7. Gahumsa kee hubadhu
Imalli jijjiiramaaf taasiftu gahumsa keetti haajama. Gahumsa keetuu jijjiirama gaarii si gonfachiisa, akkasumaas gahumsa keeti jijjiirama gaarii si hanqisa. Kanaafuu guddina barbbaaddu gonfachuuf gahumsa kee sirritti beeki. Gatii fi madaala isaan mali laadhuuf.
8. Guddina barbaannaan hojii kamiyyuu hin tuffatin
Hojii tuffachuun aadaa lammiilee biyyoota guddachaa jiraniiti. Kufaatii yookaan hiyyummaa nama dhunfaa fi biyyoota gariif sababni tokko hojii tuffachuudha. Kanaafuu ati hojii kamiyyuu hin tuffatin. Xiyyeeffannaa gosa hojichaa osoo hin taane, kaayyoo fi mullata kee irratti ta’uu qaba.
9. Guddina gonfachuuf, hojii kee Kaka’umsaa fi gammachuun dalagi
Hojii ofii Kaka’umsaan hojjachuun mallattoo agarsiiftuu milkaa’ina keetii tan jalqabaati. Hojii hojjattu jaaladhu, akkasumaas gammachuun hojjadhu. Miirri gammachuu hojii kee irratti Kaka’umsaa fi fedhii kee dabala.
10. Wanta arra hojjachuu qabdu boruuf hin kaayin
Hojii arra hojjachuu qabdu boruuf hin kaayin. Boruus waan hojjatamuu qabu tan mataa isii qabattee dhufti. Hubadhu, guyyaan arraa jireenya kee hafteef guyyaa jalqabaati. Kanaaf waan arra sirraa eegamu arruma hojjadhu. Borutti hin beellamin.
Gochi ati arra taasiftu, isa boruu salphisa. Isa arraa boruuf olkaayuun ammoo boru hojii sitti baay’isa. Kaka’umsa kee cabsaa dhufa. Boodarra ammoo jireenya kee irratti kufaatiif si saaxiluu mala.Kanaaf Kaka’umsaa fi fedhii kee tikfachuuf waan amma hojjatamuu qabu ammuma raawwadhu. Gocha kee arraatu, boruu firii ittiin boontu harkarraan si gaha.
Garaagarummaa biyyoota hiyyeeyyii fi dureeyyii jidduu jiru turtii umrii isaaniitin miti. Walcaalmaa qabeenya uumamaa isaan qabaniin miti
JIJIIIRAMAA FI ILAALCHA GAARII
Biyyoonni guddatan fi hin guddatin kan walcaalan turtii umrii isaaniitin miti.
Fakkeenyaaf biyyoota kanneen haa laallu. Biyyoonni akka Itiyoophiyaa, Indiyaa fi Ijibti erga akka biyyaatti waggaa 2000 ol kan qaban ta’anillee hanga arraa hin guddanne. Guddina irra jiran.
Gara biraatiin biyyoonni akka Kaanaadaa, Awustiraaliyaa fi Newuziland waggaa 150 dura sadarkaa gadi aanaa irra turan. Har’a immoo guddatanii fi duroomaniidha. Biyyoota hiyyeeyyii fi dureeyyii maaltu adda isaan taasisa?.
Karaa biraatiin garaagarummaan biyyootaa dureeyyii fi hiyyeeyyii qabeenya uumamaa walcaalaa qabaachuunii miti. Kana jechuun biyyoonni durooman, kan ittiin duroomuu danda’an, biyyoota hin duroomin caalaa qabeenya uumamaa (natural resource) qabaachuuni miti.
Fakkeenyaaf, biyyi Jaappaan daangaa mutaawaa qabdi. 80% gaarreeniin uuwwifamtee jirti. Haalli teessuma lafaa ishee qonnaaf hin mijataa miti.
Garuu har’a Jaappaan biyya dinagdeen addunyaa irraa lammaffaati. Jaappaan waarshaa baay’ee qabdi. Garuu meeshaalee dheedhii (Raw materials) biyyoota addunyaa hunda irraa galfatti, oomishoota ishee immoo biyyoota addunyaa hundaaf ergitee gurgurachuun galii (GDP) guddaa argatti.
Akkasumaas garaagarummaan biyyoota guddatanii fi biyyoota hin guddatinii sanyii yookaan halluu isaaniitiin miti.
DUUBA GARAAGARUMMAAN BIYYOOTA HIYYEEYYII FI DUREEYYII MAALI?
Garaagarummaan isaanii ilaalcha ummattootaa isaanii irratti hundaa’a. Ilaalchi kan barnoota yokaan aadaa isaanii irraa kan dhaalani. Garaagarummaan isaanii ilaalcha ummattoonni biyyoota guddatanii fi hin guddatin aadaa isaanii irratti hundaa’anii hojiif qabaniin ibsama.
Qorannoon amala ummattoota biyyoota duroomanii fi hin duroomin irratti dalagame akka ibsutti;
Umattoonni biyyoota duroomanii harki caalu jireenya guyyaa guyyaa isaanii keessatti ulaagaalee bu’uura jireenyaa armaan gadii kana hordofa.
Biyyoota hin duroomin yookaan hiyyeeyyii keessatti garuu ummattoota harka muraasa qofaatu jireenya guyyaa guyyaa isaanii keessatti ulaagaalee bu’uura jireenyaa kana hordofa.
Ulaagaaleen kuniis isaan kana;
Nuti hiyyeeyyi miti, qabeenya uumamaa ga’aa qabna, rabbiiniis garaa nutti hin jabaanne. Garuu nuti hiyyeeyyiidha, waan hanqina ilaalchaa qabnuuf.
Ummatoonni biyyoota guddatanii harki guddan yaada armaan olitti dhiyaate kanaan sirritti walii galu.
Garuu ummattoonni biyyoota hiyyeeyyi yaada armaan olii kanaan harka muraasa qofaatu walii galaan.
Nuti hanqina fedhii qajeelfamoota biyyoota biyyoota duroomanii kanaan waliigaluu fi hawaasa barsiisuu qabna.
Furmaanni isaa maali?
Mee dura gaafii kana if gaafadhu;
Nyaata gargaarsaaf kenname (Food Aid) gara nyaata dhunfaa ofiitti jijjiiruu ni dandeenyaa?
Deebiin kee;
Eeyyee yoo ta’e sirrii jirta!
Lakkii yoo ta’ees sirrii jirta!
Sababni isaas deebiin kee ilaalcha dhunfaa keetii irratti hundaa’a waan ta’eefi.
Jireenyi kee ilaalcha keessa keetii irratti hundaa’a. Yoo ilaalcha kee parsantii jijjiirte jireenyi keetiis parsantii ni jijjiirama.
Dhugaa xiqqoo jireenya kee parsantii
100% siif taasiftu!!
Mee jechoota jahan armaan gadii kana keessa isa kamtu jireenya kee
100% taasisa?
1. Jabaatanii hojjachuu (Hard work)
2. Beekumsa (Knowledge)
3. Jaalala (Love)
4. Maallaqa (Money)
5. Gaggeessummaa (Leadership)
6. Ilaalcha (Attitude)
Filannaan kee isa kami?
Mee karaa mala herreegaatiin haa mirkaneessinuu. Siriitti qalbiin laali!!
Yoo lakkoofsi 1- 26 walqixa qubee A-Z ta’e, kana jechuun;
A B C D E F G H I J K L M N O P Q R S T U V W X Y Z
walqixa
1 2 3 4 5 6 7 8 9 10 11 12 13 14 15 16 17 18 19 20 21 22 23 24 25 26 ti haa jennuu.
Amma jechoonni jahan armaan olitti tarreeffame kanneen keessaa isa kamtu jireenya kee
100% geeddara,akkasumaas akkamiin akka
100% geeddaruu haa mikaneessinuu.
1. Jabatanii Hojjachuu (HARD WORK)
H+A+R+D+W+O+R+K
8+1+18+4+23+15+18+11 = 98%
2. Beekumsa (Knowledge)
K+N+O+W+L+E+D+G+E
11+14+15+23+12+5+4+7+5= 96%
3. Jaalala (LOVE)
L+O+V+E
12+15+22+5= 54%
Duuba mee maaltu jireenya kee parsantii taasisa?
Maallaqaa?… Lakkii!!
4. Maallaqa (MONEY)
M+O+N+E+Y
13+15+14+5+25=72%
5. Gaggeessummaa (LEADERSHIP)
L+E+A+D+E+R+S+H+I+P
12+5+1+4+5+18+19+9+16 = 89%
6. Ilaalcha (ATTITUDE)
A+T+T+I+T+U+D+E
1+20+20+9+20+21+4+5 =100 %
Ilaalcha guutuu isaa asii dubbiffadhu
https://hegeree.com/2021/10/26/ilaalcha/
Ilaalcha kee qofa kan jireenya kee
100 % siif taasisu.
Rakkinni hundi furmaata godhata,yoo ati ilaalcha kee jijjiirte. Jireenyi keetiis milkii fi gammachuun guutama.
Ilaalchi keenya waan hunda murteessa!!
Ilaalcha kee jijjiiri!!
Yeroos jireenya kee jijjiirtaa!!
Subscribe to:
Post Comments (Atom)
Yaada fi Milkaa'inaa
Yaadaa fi Milkaa’inna Kitaaba Of-Dagaagsu (Self-Development) yeroo jalqabaatiif Afaan Turkii irraa gara Afaan Oromootti hiikkame K...
-
Mul’ata jechuun maal? Mul’anni maddaa fi abdi jireenyaati. Dhugoomsaa eenyummaa keetiiti. Kennaan hunda caalu kan ilmaan namootaaf kenname ...
-
ilaalcha Jireenya kee jijjiiruuf Maaltuu Sirraa Eegama Jireenya ofii jijjiiruun salphaa miti. Qabsoo aarsaa guddaa si kafalchiisu taasisu...
-
Jireenya kee jijjiiruuf Maaltuu Sirraa Eegama Jireenya ofii jijjiiruun salphaa miti. Qabsoo aarsaa guddaa si kafalchiisu taasisuu si gaaf...
No comments:
Post a Comment