Monday, December 19, 2022
Jireenya kee jijjiiruuf Maaltuu Sirraa Eegama?
Jireenya kee jijjiiruuf Maaltuu Sirraa Eegama
Jireenya ofii jijjiiruun salphaa miti. Qabsoo aarsaa guddaa si kafalchiisu taasisuu si gaafata. Bu’aa ba’ii hedduu si mudata. Garuu, bu’aa ba’ii hedduu booda mallattoon jijjiiramaa sitti mula’achuu eegala. Jireenya kee jijjiiruun kutannaa kee gaafata.
Akkasumaas firiin aarsaa fi bu’aa ba’ii keetii harka kee irratti mul’achuu eegala. Adeemsa keessa, jireenya kee keessatti qaawni rakkinaa cufamuu jalqaba. Haaluma kanaan, jijjiiramni jireenya kee keessatti dhawaata dhawaataan galmaayaa deema.
Abjuu tee hordofi
Ati amma abjuu kee dhugoomfachuuf adeemsarra jirta. Garuu, gufuu hedduu si mudachaa jira. Akkasumaas, rakkina hedduu arkaa jirta. Dhukkubbii hedduu arkaa jirta. Kufaatii baay’ee si mudachaa jira.
Akkasumaas, yeroo sodaachisaa fi abdii kutachiisaan fuuldura keetii si mullachaa jira ta’a. Haaloonni gaafii hedduu of si gaafachiisan baay’een si qunnamaa jira. Fuulduraafiis si qunnamuuf taa’a.
Garuu, bakka kanatti jarjartee hin murteessin. Haaloota hamaa fi ulfaataa si mudatan kunneen abdii si kutachiisin. Waa tokko hubadhu, haalootaa fi rakkinoonni hedduun si mudachaa jiran kunneen aarsaa adeemsa jijjiirama jireenyaa keessatti nama mudatani.
Kanaafuu, rakkinoota si mudachaa jiran kanneen ilaalcha gaariin dhaabbadhuu laali. Qormaata jireenyi if keessaa qabdu akka tahe hubadhu. Akkasumaas, aarsaa jireenyi si kafalchiiftu akka tahe hubadhu.
Rakkinni si mudatu si qaruufi
Qormaanni adeemsa jireenyaa keessatti qoramtu, akka qormaata mana barnootaatti, gaafii cunfamtee siif kennamtuu miti. Rakkinoota walxaxaa hedduu fi bu’aa ba’ii hifachiisoo baay’een guutamee siif kennama. Akkasumaas, bu’aa ba’ii fi rakkinoonni walxaxoon kunneen adeemsa keessa gara abdi kutannaatti si geessuu mala.
Garuu, wanti ati hubachuu qabdu rakkinoonni si mudatan kunneen si kuffisanii bakka amma irratti argamtu kanatti si hambisuufi miti. Imala jireenya kee fuulduraaf si jabeessuufi. Si qaree, si bareechee eenyummaa kee haaroomsuufi.
Akkasumaas, gahumsaa fi muuxannoo kee dabaluufi. Kanaaf rakkinaa fi bu’aa ba’ii si qunnaman dursii matuma isaanii adda baafadhu. Ilaalcha gaariin laali. Jarjartee gara abdii kutannaatti hin cehin. Tasgabbii fi of eeggannoon gara fuula-duratti deemi. Hubadhu, jireenyi kee of eegannoo fi tasgabbii jabaa ati taasiftuun gara jijjiiramaatti ceeti.
Abjuu kee irraa abdii hin kutatin
Abjuu keetiif if kenni. Jireenya kee keessatti jijjiirama gaarii galmeessuu yoo barbaadde abjuu kee hordofi. Akkasumaas, abjuu keetiif dursa kenni. Hanga du’uuttiis ta’u abjuu keetiif aarsaa barbaachisu kafali. Rakkinoota si mudatanif bakka hin kennin.
Rakkinni jireenya kee keessatti si mudatan muuxannoo jireenyaati. Akka amma harkaa si qabu kanatti yeroo mara si biratti hafuuf miti. Yoo ati firraa hin hubatin si kuffisee boqqonnaa jireenyaa amma irra jirtu kana keessatti si hambisuufi.
Akkasumaas, yoo ati karaa sirriin hubattee gahumsa gaariin qoramte muuxannoo fi beekumsa siif ta’ee gara boqqonnaa itti aanuutti si ceesisuufi.
Kanaaf, abjuu kee bira gahuuf abdii hin kutin. Rakkinni baay’een sitti dhufa. Garuu, rakkinichi akka si biratti hin hafne qofa hubadhuu qabsootti kee itti fufi. Booda rakkinni arra harkaa si qabaa seenaa ta’ee dabra.
Namoota duubatti si harkisan jireenya kee keessaa baasi
Abjuu kee dhugoomfachuu barbaadda taanaan, namoota jireenya kee keessatti duubatti si harkisan firraa muri. Namoota yaada, jechaa fi gochaan dhiibbaa hamilee kee xuqan, abdii si kutachiisan of irraa fageessi.
Hubadhu, nama abjuu isaa hordofuuf jireenyi bakka guddaa kenniti. Eeganaa, dhuma imala isaa irratti badhaasa gurguddaa qopheessitiif. Garuu, badhaasa kana tolaan hin laattuuf. Waan abjuu isaa hordofe qofaaf isa hin badhaaftu. Bu’aa ba’ii hedduu fi aarsaa guddaa eega kafalchiifte booda, injifannoo isaa irratti badhaasicha laattiif.
Hanga kana dura hojjatte caalaa hojjadhu
Jireenya kee keessatti, milkaa’ina guddaa gonfachuuf hamma kana dura hojjachaa turte caalaa hojjadhu. Akkaataa amma itti hojjattee hin beeknetti hojjadhu. Gocha kee dachaa taasisi.
Akkasumaas, aarsaa sirraa eegamu cufa hanga gahumsa keetiitti kafaluuf of qopheessi.
Jijjiirama jireenya keetii galmeessuuf sammuu kee irratti hojjadhu.
Sammuun kee dirree guddoo dorgommiin atii fi rakkinoota jireenya kee keessatti si mudatan jiddutti taasifamu irratti gaggeeffamtu. Akkasumaas, dirree jireenyi kee irratti qormaata siif kennitu. Kanaafuu, sammuu tee irratti hojjadhu. Sammuu tee beekumsaan kunuunsi. Dorgommii jirenya kee waliin sammuu kee irratti taasiftu injifachuuf dursa sammuu tee irratti hojjachuun, sammuu kee hogganuu danda’i.
Ati arra, jireenya kee keessatti bakka guddoo gahuuf yaadaa jirta. Akkasumaas, waan gurguddaa argachuuf hawwaa jirta. Garuu, hubadhu; hamma sammuu kee irratti hojjatutti bakka yaadde gahuu hin dandeessu. Dursa, sammuu tee kunuunsi.
Sammuu kunuunsuu jechuun maal jechuudha?
Sammuu kunuunsuu jechuun, sammuu ofii beekumsaan gabbisuu jechuudha. Kanaafuu, sammuu tee kunuunsuuf kitaaba dubbisuu qabda. Akkasumaas, oduu fi odeeffannoon ati hordoftu hundi kan beekumsa siif dabarsan ta’uu qabdi.
Yeroo ofii kenni
Imala jireenyaa keessatti yeroo ifii kennuun hunda caalaa bu’aa qabdi. Akkasumaas, gatii kee fi gahumsa kee si hubachiifti. Eenyummaa kee if si barsiifti. Kanaafuu, yeroo ifii kenni. Of dhageeyfadhu. Ani eenyu, gahumsi kiyya kan akkami, garamittiin deemaa jira, daandii abjuu kiyyaa irraan deemaa jiraa? ja’ii if gaafadhu. Eenyummaa kee if bari.
Hubadhu, jireenyi kee gaafa eenyummaa kee fi dandeettii tee barte si simatti. Akkasumaas, qabsoon jireenya kee keessatti taasiftu siif salphatti. Yeroos waan yaadde hunda hojjachuun siif salphaadha.
Fuulduratti tarkaanfadhu
Jijjiirama jireenyaa hawwitu galmeessuuf bakka amma irratti argamtu irraa, tarkaanfii itti fufaa fuulduratti tarkaanfadhu. Akkasumaas, hojii amma dura hojjachaa turte caalaa hojjadhu. Jireenyi bu’aa gocha keetiiti. Gochaan ala milkaa’inni jireenyaa hundi zeeroo taati.
Akkasumaas jireenyi zeroon baay’ifamti. Hubadhu, akkuma lakkoofsi hundi zeeroon baay’ifamee zeeroo nuuf kennu, jireenyiis gochaan ala zeeroo siif kenniti. Kanaaf, kaleessa caalaa, tarkaanfii kee saffisaa taasisi. Boru ammoo, arra caalaa tarkaanfii fi gocha kee baay’isi.
Kanaafuu, jirenyi kee harka kee irra akka jirtu hubadhu. Dirreen jireenya kee waliin irratti dorgomtuus sammuu kee akka tae bari. Eeganaa, tarkaanfii kee fuulduratti taasisi. Yeroos if jijjiiruu dandeessa. Akkasumaas, yeroo sana dorgommii jireenyaa injifachuu dandeessa.
Sababaa, kana hunda gooteef ammoo ofirra dabartee, maatii kee naannoo kee, biyya kee jijjiirta. Akkasumaas maatii kee boonsuu dandeessa. Biyya tee maqaa gaariin yaamsisuu dandeessa. Jireenya namoota baay’ee jijjiiruu dandeessa.
Guduunfaa
Walumaagalatti, jireenya kee jijjiiruuf, abjuu tee dhugoomsuuf ofitti amani. Akkasumaas sammuu tee irratti hojjadhu. Eeganaa, abjuu tee hordofi. Namoota abjuu tee irraa boodatti si harkisan, warra abjuu kee hatan jireenya kee keessaa baasi. Abdii hin kutatin. Irra deddeebi’ii yaali. Gocha kee itti fufi. Gudduutti, ammoo yeroo ifii kennii if dhageeyfadhu. Dandeettii fi gahumsa kee bari. Yeroos qormaanni si mudatu hundi siif salphatti. Akkasumaas, gaafa qormaanni salphoo taate jijjiiramni dhugaa si galmaayaa dhufti.
Yaada Haaraa, Obsaa fi Ofitti Amanamummaa
“Saantiima tokkoos taatu,Jireenyi tola siif hin laattu,Garuu bu’aa dafqa keetii
Takka hin hambifattu,Lakkooftee siif laatti” Yaada haaraa
Bara ammaa milkaa’ina nama tokkootiif wantoonni bu’uura ta’an Obsaa fi Yaada haaraadha. Jireenyi kee bu’aa yaadama keetiiti. Kanaaf yaada haaraa qabaachuu qabda.
Namoonni yaada haaraa sodaatan utuu hin eegalin mogoleen isaan bu’a. Osoo hin mokkorin hin danda’u jechuun of amansiisani hamilee ofii ajjeessan.
Namoota yaada haaraa qabaniif yeroon ammaa kun yeroo kam caalaa isaaniif mijataadha.
Bara ammaa kana keessatti mo’ataa fi injifataa ta’uuf, yaada haaraa, obsaa fi ofitti amanamummaa qabaadhu. Yaada namaatiin daandii kaayyoo keetii irraa hin maqin.
https://hegeree.com/2021/10/26/ilaalcha/
Yeroo injifachuuf, moo’achuuf, milkaa’uuf fi badhaadhummaaf yaada haaraa fi karoora baafatutti yaadaa faallaa namoonni biraa sirratti kennaniin yaada kee jijjiiruu gonkumaa hin hayyamin. Yaada haaraa fi karoora haaraa gaafa baafattee imala eegaltu namoonni yaadaan dhiibbaa sirratti taasisu. Ati immoo yaada haaraa kee fi karoora baafatutti namni biraa yeroo dhiibbaa sirratti yaada kee jijjiruu gonkuma hin eeyyamin.
Addunyaa Arraa Kana Keessatti maaltu sirraa eegama?
Addunyaan arraa addunyaa saffistuudha. Yaadoota haaraa baay’een faalamtee jirti. Akkasumaas saffisa ol’aanaadhaan jijjiirama jirti.
Addunyaa saffisaan jijjiiramaa jirtuu fi jijjiirama baay’ee feetu kana keessatti moo’achuudhaaf, injifachuudhaaf, milkaa’uudhaaf, qalbii namoonni bara durii waan haaraa kalaqan qaban sana qabaachuu qabda. Waan haaraa kalaquun dura yaada haaraa qabaachuutu dursa. Waan haaraa kalaquun dura, waan haaraa sana sammuu tee keessatti arguu qabda.
Yaada haaraa qabaattee, gara kalaqaatti seenuuf obsaa fi ejjannoo jabaa hin jijjiiramne qabaachuu qabda. Gaafa yaada haaraa maddisiiftee gara kalaqaatti dabruuf tarkaanfii eegaltu, namoonni yaada faallaa sirratti kennuun si kuffisuuf tattaaffatu. Beekaniitis ta’u osoo hin beekiniis sitti duulu. Ni maraate, hojii dhabe siin jedhu. Ati kanaaf gurraa fi qalbii hin kennin.
Yaada haaraa fi kalaqa haaraa sammuu tee keessatti argite sana…
Yaada haaraa fi kalaqa haaraa sammuu tee keessatti argite sana qabatamaan lafarratti arguuf imala kee idileessii tarkaanfii hanga dhumaatti itti fufi. Eega ati yaada haaraa fi kalaqa haaraa sammuu kee keessatti qabatte sana dhugumsitee milkeefatte booda namni yaada kee xiqqeesse hundi ofitti saalfatu. Marti isaanii dinqisiifannaa fi kabaja guddaa siif kennan. Kalaqa haaraa keetifiis akkasuma dinqisiifannaa fi kabaja guddaa kennaniif.
Wanti hojjechuu barbaaddu sirrii akka ta’e itti amanta taanaan hojjedhu. Gufuu fi kufaatii daandii hojii sanaa irratti si mudatuuf bakka hin kennin. Obsaan bira tari. Yaadaa fi tuffii namoitaaf gurra hin kennin. Hanga waan yaadde dhugumsitee isaanitti agarsiiftutti kutannoo fi obsa guddaan hanga dhuma imala keetiitti imali.
Yaada kana qalbifadhu; Kufaatiwwan adeemsa jireenya keetii keessatti si mudatan muuxannoo siif ta’an!
Abjuu fi mul’ata kee dhugoomsuuf haala mijataa hin eegin!!
Namoonni abjuu fi mul’ata isaanii dhugoomsuuf dharraa qaban hagam gufatanii kufaniis hin dhiisan. Namoota yeroo hunda ifaajaniif injifannoo fi moo’ichi miiltoo yookaan waaheela jireenya isaaniiti.
Abjuu fi mul’anni kee akka dhugoomuuf, akka galma gahuuf teessee haala mijataa hin eegin. Abjuun kee dhugoomee addunyaa guutuutti akka ifuuf haala mijataa biraa hin hawwinii haalaa fi meeshaalee muraasa of harkaa qabduun tarkaanfii eegali. Tarkaanfii eegalte obsaan dabaalii fuulduratti deemi. Gaafa tokko abjuun kee dhugoomee danaa isaa keessatti ni ifa.
Addunyaan kalaqaa fi carraawwan hedduun guutamtee jirti
Addunyaan har’aa kuni carraawwan gaggaarii namoonni duraan turan hin beekneen guutamtee jirti. Milkaa’inni nama abjuu qabu tokkoo dharraa yookaan fedhii waan tokko hojjachuu yookiin ta’uu keessa isaa sardurraa eegala.
Abjuun kamuu osoo irratti hin hojjatin, irratti hin ifaajin dhugoomuu hin danda’u. Jireenyi tuni nama abjuu qabutti hin roorriftu.
Wanni ati dagachuu hin qabne namoonni har’a durooman kaleessa haala rakkisaa fi walxaxaa keessatti milkaa’uuf kuttannoo fi obsaan hojjachaa turuu isaaniiti. Gufuu fi kufaatii baay’ee nama gaddisiisu keessa darbanii akka har’a milkaa’oo ta’an hin dagatin. Milkaa’inni namoota milkaa’anii rakkoo ulfaataa isaan mudaterraa madde.
Namoota ykn Abboota yaada haaraa fi Kalaqa kaleessaa!!
Kolomboos addunyaan haaraan akka akka jiru sammuu isaa kessatti arge. Addunyaa sammuu isaa keessatti arge kana qabatamaan lafarratti arguuf imala isaa eegalee dhumarratti argate.
Toomaas Ediisan ampuulii humna elektirikiin ifu sammuu isaa keessatti abjoote. Abjuu isaa kana dhugoomsuuf si’a 10,000 yaalee bakka yaade gahuu hanqatuus, hanga qabatamaan abjuu isaa sana dhugoomsutti obsaa fi kutannoon hojjachuun dhuma irratti milkaa’e.
Heenarii Foordi hiyyummaa gadi aanaa keessa taa’ee utuu sadarkaa barnootaa ga’aa hin qabaatin gaarii fardaan utuu hin harkifamne deemu sammuu isaa keessatti abjoote. Abjuu isaa dhugoomsuuf taa’ee haala mijataa osoo hin eegin, meeshaalee muraasa of harkaa qabuun hojiitti seene. Abjuun isaa kuniis dhugoomee addunyaa guutuu irratati ife.
Abraaham Linkon bilisummaa gurraachoota Ameerikaa sammuu isaa keessatti abjoote. Aabjuu isaa kana dhugoomsuuf haaaloota baay’ee rakkisaa ta’an keessa obsaa fi kutannoon dhaabatee dhumarratti abjuusaa dhugoomfate.
Obboleeyyan lamaan xiyyaara hojjetan, dura maashinii qilleensarra balali’u sammuu isaanii keessatti argan. Har’a immoo abjuun isaanii kuni addunyaa guutuurra balali’aa jira.
Maarkooniin jalqaba utuu shiboo hin fayyadamin qilleensarraan ergaa fi dhaamsa waliif dabarsuun akka danda’amu sammuu isaa keessatti abjoote. Abjuun isaa kuniis umamuu TV, Raadiyoo fi moobaayila har’a addunyaa qe’ee tokko taasisan kanneeniif bu’uura tahe.
Yaada haaraa, Ofitti amanamummaa, obsa fi kutannoo feeti
Addunyaan har’aa yaada haaraa, ofitti amanamummaa, obsa fi kutannoo kaleessa namoonni olitti maqaa fi kalaqa isaanii kaafne kunneen qabatan kanaani har’a dagaagdee jirti. Bu’aa dhaloota kaleessaatu jireenya keenya har’aa salphisee, mijataa fi hawwataa taasise.
Dhaloonni ammaa immoo carraa gaarii waan kana caaluu hojjachuu isa dandeessisu qaba. Addunyaan kuniis dharraan isheen waan haaraa argachuuf qabdu baay’ee dabalaa deemaa jira. Namoota dharraa ishee kana guutaniif immoo badhaasa laatti.
“Saantiima tokkoos taatu,Jireenyi tola siif hin laattu,Garuu bu’aa dafqa keetii
Takka hin hambifattu,Lakkooftee siif laatti”
.
Ilaalcha
Ilaalcha keetu jiruu fi jireenya kee herreega. Akkasumaas ilaalchi kee hundee milkaa’ina keetiiti. Ilaalchi ati waan tokkoof qabdu badaa yoo ta’e kallattiidhaan hojii kee fi hegeree kee irratti dhiibbaa taasisa.
Akkasumaas ilaalcha ofii keetiif qabdu. Kana jechuun akkaataan ati itti of laaltu eenyummaa keetiif madaala jalqabaati. Yoo of kuffiftee if laalte hegereen kee kufaatiin goolabama.
Kanaafuu ati gatii gad-aanaa ofii kennite taanaan yeroo mara gadi aantummaa keessaatti kuftee argamta. Yoo ati akka nama injifataa taatetti if laalte hegereen kee moo’icha keetiin goolabama.
Ilaalchi ati ofiif qabduu fi ilaalchi wantoota biraatiif qabdu murteessaadha. Hegereen tee ilaalcha ati arra ofii kee fi addunyaa kanaaf qabduun murtooyti.
Akkataan ati addunyaa tana itti hubattee jirtu dhiibbaa mataa isaa qaba. Yoo kallattii nagatiivii qofa laalta ta’e, wanti gaariin sitti hin mullattu. Addunyaan tuni akka waan hamtuu qofaan guutamteetti si mullatti.
Akkasumaas yoo kallatti gaarii qofa irratti xiyyeeffattee laalte, gaarii qofaatu sitti mullata. Akka waan addunyaan tuni waan badaa takka of keessaa hin qabneetti argita.
Kanaafi kan ilaalchi ati waan takka ittiin laaltu jireenya keetiif murteessaa ta’eef. Dhiibba mataa isaa qaba. Madaalli ati irra if keessu ilaalcha keeti. Gatiin ofii kennituus bu’uurri isaa ilaalcha keeti. Kanaaf ilaalcha kee daandii isaa qajeelchuu qabda.
https://hegeree.com/2021/07/10/yaada-haaraa-obsaa-fi-ofitti-amanamummaa/
ILaalcha keetu jijjiirama kee murteessa
Jijjiirama jireenya keetii jijjiirama ilaalcha keetitu dursa. Jireenyi ilaalchi kee jijjiiramu malee hin jijjiiramu. Ilaalchi kee gaafa jijjiirame jireenyi kee jijjiirama. Yeroo ilaalchi jijjiirame jireenya lkee jijjiiruun salphaadha.
Garuu ilaalcha kee jijjiiruun sitti ulfaachuu mala. Keessuma amaloota badaa jireenya kee irratti dhiibbaa uumaa jiraniin adda bahuun sitti ulfaachuu mala.
Garuu amalli kee bartee yeroo dheeraaf waliin turtan waan ta’eef adda bahuun yeroo sitti fudhachuu mala. Bu’aa ba’ii baay’ee si gaafachun isaa hin hafu.
Kanaaf aarsaa si kafachiisuu mala. Garuu wanta tokko beekuu qabda. Amala badaa kee sana ofirraa kuffisuuf sitti ulfaatullee, obsaan yeroo kennitee irraa qulqullaa’uu qabda. Maliif yoo jette, jireenyi kee jijjiirama ilaalcha keetiin ala waan hin jijjiiramneef.
Kanaafuu ilaalcha kee jijjiiruuf ammoo amaloota badaa duraan qabdu irraa qulqullaa’uu qabda.
Amaloonni kanneen kan akkami?
Amaloonni badaan akka ati daandii sirriin arraa fi hegeree tee qajeelchitee hin laalle si taasisan baay’eedha.
Mee gaafilee kanneen of gaafadhuu deebii ofii deebisi.
Oolmaan kee eessa?. Bakka akkam oolta?. Yeroo tee iddoo akkamiitti dabarsita?. Yeroo boqqonnaa kee bakka akkamitti dabrsita?. Namni ati waliin ooltu namoota akkamiiti?. Haasaan ati yeroo baay’ee haasooftu maal irratti xiyyeeffata?. Midiyaan yeroo dheeraa hordoftu maal irratti xiyyeeffata?. Hiriyyaan kee amaloota akkam qaba?.
Ilaalchi kee bu’aa oolmaa keetiiti. Oolmaan diyaaynara ilaalcha keetiiti. Firii oolmaa fi waan yeroo kee baay’ee irratti dabarsituuti. Gochi kee ammoo bu’aa ilaalcha keetiiti. Jijjiiramni kee ammoo bu’aa gocha keetiiti.
Walumaa galatti jijjiiramni jireenya keetii ilaalcha keetiini. Ilaalchi gaarii ofii kee fi akkaataa ittiin jijjiiramtu qabda taanan jireenyi firii gaarii siif laatti. Faallaa kanaa taanaan firii badaa siif laalti. Firii badaan kufaatiidha.
Jijjiiramni kee bu’aa ilaalcha keetiiti
Bilchinaaf karaan qaxxaamuraa hin jiru. Jijjiiramaafiis akkasuma karaan qaxxammuraa hin jiru. Bilchinaa fi jijjiiramni ati arra qabdu bu’uma ilaalcha keetiiti.
Kanaafuu dursa yoo ilaalcha kee jijjiirtee, ofii kees jijjirte, bilchinaa fi jijjiirama gaarii gonfatta. Yoo ilaalchi kee badaa ta’e immoo bilchinaa fi jijjiiramni ati argachuuf jettu ilaalcha keetiin haguugamee dhokata. Jijjiiramuuf tarkaanfiin ati taasisuu qabdu hundi kan humna keetii olii ta’ee sitti mul’ata.
Kanaafuu ilaalcha kee sirreessuun ga’ee si qofa irraa eegamuudha. Eenyuyyuu ilaalcha kee siif sirreessuu hin danda’u. Ilaalchi kee to’annaa kee jala jira.
Kanaaf jijjiirama ilaalcha kee fiduuf, dura ilaalcha mataa keetiif qabdu jijjiiruun eegaluu qabda. Gatii ofii keetiif kennitu sirreessuu qabda.
Jijjiiramaaf tarkaanfiin jalqaba taasiftu ofii kee irratti ta’uu qaba
Waan hunda dura ilaalcha kee jijjiiruu qabda. waa’ee mataa keetii yookaan eenyummaa keetii ilaalcha sirrii qabaachuu qabda. Eenyummaa, gahumsaa fi sadarkaa beekumsa keetiif hubannaa sirrii fi madaalawaa qabaachuu qabda.
● Ofii keetiif gatii guddaa kennuu qabda. If gadi buuftee if hin laalin. Ati beekumsaan, dandeettiin namaa gadi akka taatetti if hin laalin. Nama danda’aa, waan hunda hojjachuu danda’u akka taatetti if laali. Hiika sirrii ifii kenni. Jechoota ofirratti dubbattuuf of eeggadhu.
Hanqina fi kufaatii keetiif sababa hin tarreessin,
Sammuun ilaalcha sirrii qabu kufaatiif sababa hin tarreesssu. Hanqinaa fi dadhabina mudatu hundaaf sababa hin lakkaa’u. Hanqina jiru hundaaf itti gaafatamummaa fudhata.
Ilaalchi ati namoota hundaaf qabdu gaarii ta’uu qaba. Kan namoonni siif qaban hamaas haa ta’uu, ati nama hundaaf yaada gaarii qabaadhu. Namoonni hedduu si fayyadu, akkasuma hedduu si miidhuu danda’u. Gocha fi jechaaniis si miidhuu fi si fayyaduus danda’u.
Jechaa fi ilaalcha namootaaf gurra hin kennin
Jechi namootaa gocha caalaa si miidha. Akkasumaas si fayyada. Si kuffisuu yookaan si guddisuu irratti jechi murteessaadha. Jechi keetiis ta’u, kan namoota biraatiis ta’u eenyummaa kee fuulduraa cimsuu yookaan laaffisuu irratti ga’ee ol’aanaa qaba.
● Keessumaa jechi ati ofirratti dubbattu si guddisuu yookaan si kuffisuu irratti ga’ee angafa taphata.100% jechuudha.
Yoo ati jecha gaarii, jecha ijaaraa ofirratti dubbatte akkasuma ati nama gaarii fi nama guddaa taata. Yoo faallaa isaatiin jecha kufaatii, dadhabinaa5, gad-aantummaa kee ibsan ofirratti dubbatte ati akkasuma nama kufaa, dadhabaa taata.
Kanaafuu jecha ittiin of ibsuuf fayyadamtu sirreeffadhu.
Jechi ilaalcharraa madda. Ilaalchi ammoo hubannaa yookaan yaadama ati keessa keetitti waan biraa madaaltee gatii ittiin kennituufi. Ilaalchaa kee qajeelchi. Hiika gaarii ofii kenni. Madaalaa sirrii irratti if madaali. If gad hin buusin.
Inni biraa jecha namootaati
Jechi namoota eenyummaa kee madaalaa fi ragaa bu’uuraa tokko malee sirratti dubbatama. Si gad buusanii si ibsuu danda’u. Hanga ati geessuu olittiis si olkaasanii si ibsuu danda’u. Kan ati hubachuu qabdu madaallin namni biraa siif kennu bu’uura akka hin qabne beekuu.
Walumaagalatti ati jecha namootaaf dhaggeettii hin kennin. Yoo jecha namootaaf kan gurra laatti taate, si olkaasanii si ibsaniis, si gad buusanii si ibsaniis si hin fayyadu, si miidhu malee.
Yoo si olkaasanii si ibsan, ati itti amantee fudhatta taanaan oftulummaa keessa si galcha. Eenyummaa kee isa sirrii akka ati hubachuu hin dandeenye si taasisa.
Akkasumaas osoo gad buusanii si ibsaniis, ati dhageettii kenniteef taanaan ofitti amanamummaa bu’uura namummaa keetii taate si dhabda. Ofitti amanamummaa dhabde taanaan ati fi hegereen teetiis galaana kisaaraa keessatti kuftan.
Kanaaf jecha ittiin if ibsitu dursa qajeelchi. Eenyummaan kee yaada gaarii ati arra mataa keetiif qabduun ijaarama. Hegereen kee ammoo eenyummaa jabaa ati arra qabduun milkaawaa ta’a.
Ilaalchi ati ifiif qabdu madaalaa eenyummaa keetiiti. Ati imala jireenyaa keessatti injifachuufis ta’ee, moo’amuufiis murteessaan ilaalcha ati ofii keetiif qabdu.
Ilaalcha ofiif qabdu sirreeffadhu. Yeroo san nama guddaa taata!!
Yaadaa fi Bu’aa isaa
Yaadni kee jireenya kee keessatti gahee qabu beektaa?. Hubadhu yaada keetu jireenya kee ijaaraa. Jireenyi kee bu’aa yaadama keetiti. Guddinaa fi kufaatiin keetuu bu’aa yaada keetiiti.
“Ilmi namaa bu’aa yaada isaati”.
“Namni waanuma nyaate fakkaata”.
Hubadhu. Ati bu’aa yaada keetiti. Shakkii hin qabaatin. Ati firuma yaada keetii argatta.
Yaadni kee dureessa si taasisa. Akkasumaas hiyyeessa si taasisa. Maddi milkaa’ina keetii yaduma keeti. Akkasumaas maddi kufaatii keetiis yaaduma keeti.
Jalqabni guddinaa keetii yaaduma kee keessaahi
Ati bu’aa yaada keetiti. Yaadni keetiis bu’aa keeti. Jireenyi kee yaada keetiin herregama. Yaadni kee kaalkuleetara jireenya keetiiti. Akkasumaas yaadni kee madaaltuu eenyummaa keetiiti. Firiin yookaan bu’aan dhuma irratti if harkaan gahattu bu’aa yaada keetiiti.
https://hegeree.com/2021/07/10/yaada-haaraa-obsaa-fi-ofitti-amanamummaa/
Kana jechuun jireenya kee keessatti waanuma yaadde argatta. Laffaatiin kee guddoo taatee, waan xiqqoo kan yaaddu yoo ta’e waanuma xiqqo argatta. Kanaaf jireenya kee keessatti guddoo yaadi. Guddoo hawwi. Abjuu kee dheereessi. Mul’ata kee guddisi. Fageessii laali. Gocha keetiis guddisi.
Jalqabni kufaatii teetii yaada kee keessaahi
Kufuun kee bu’uurri isaa yaadama keeti. Kufaatiin jireenya kee keessatti si mudattu dadhabina kee qofaamiti.
Namoonni hedduun gaafa kufan wanta biraatti quba qaban. Abaluutu akkas na godhee ja’anii dubbatan. Wanta biraa komatan. Sababa daangaa hin qabne tarreessan.
Garuu akksasii miti. Kufaatii isaaniif ka’umsi matuma isaaniiti. Ka’uniis, kufanii achitti hafuniis yaaduma keeti.
Akkasumaas maddi wanta ati arra hojjachaa jirtuu yaaduma keeti. Fedhii keessa keetii maddite. Walii galtee qaama biraatiin miti. Fedhii keessa keetii maddite. Murtii ofii keetii murteessite. Maddi fedhii fi murtii keetii yaada kee keessaa madda.
Kanaafuu yaada kee qajeelchi. Firiin guddinaa fi kufaatii kee isa waan ta’eef.
Nama jechuun bu’aa yaada isaati
Kana jechuun namni waanuma yaade hojjata jechuudha. Akkasumaas waanuma hojjate argata. Erga kana ta’ee waan gaarii bu’aa irraa buufattu yaadi. Isa sirra dabree namoota biraatiif illee bu’aa ta’u. Kan biyyaafiis bu’aa ta’u yaadi. Yaadni kee galaa keeti. Jireenyi firii yaada keetiiti.
Bu’aa buufachuun carraa osoo hin taane filannoodha
Nama jechuun bu’aa yaada isaa eega ta’ee, bu’aa buufachuun ammoo carraa osoo hin taane filannoodha. Yaadni kee waan hedduu maddisiisuu danda’a. Ati ammoo hedduu keessaa filattee hojiirra oolchuu dandeessa.
Tulluu ati yaadde irratti of argita
Bakki ati boru irra geeysu bakkuma arra hawwite. Bakkuma arra irratti of ilaaltu. Yoo bakka guddaa irratti of laalaa hojjatte bakkuma sana geeysa. Guddinni kee hanguma abjuu keetiiti. Abjuun kee yaada kee irraa madda. Guddiftee yoo yaadde, abjuu keetiis guddoo taati.
Sorreessi addunyaa kanaa Wareen Buffeet , akkas ja’a;
“Ani guyyaa tokkoofillee nama duroomaa addunyaa kanaa hin ta’u ja’ee yaadee hin beeku” ja’e. Kanarraa maal hubatta?.
Hubadhu, maallaqaan duroomuu irra sammuun duroomuutu barbaachisa. Mallaqni bu’aa yaadaati. Garuu yaadni bu’aa maallaqaa hin ta’u. Maallaqni yaada hin fidu. Yaadni ammoo maallaqaa fi wantoota isaan hojjataman fida.
Walitti qabama yaada kee…
Hubadhu, ati bu’aa kuufama yaada keetiiti. Namni bu’aa yaada qeenxee miti. Bu’aa kuufama yadoolee hedduuti. Akkuma qaamni keenya maashaalee hedduu irraa ijaarame, nama jechuuniis bu’aa kuufama yaadoolee isaati. Yaadni kee walitti dhufee kaayyoo kee hundeessa. Kaayyoon galma ati boru dhugoomfachuuf carraaqxu.
Kanaafuu galma gahiinsa kaayyoo keetiif yaadni kee bu’uura. Jireenyi keetiis yaada keetiin ijaarama.
Galma kee jechuun jireenya kee keessatti dhuma abjuu, kaayyoo fi mul’ata keetiiti
Bakka yaadde sana
Bakki ati yaadde sun eessa? Bakka sana gahuuf imala eegaltee jirtaa? Akkamiin bakka yaadde sana gahuuf deemaa jirta?
Bakka yaadde sana jechuun, galma ati jireenya kee keessatti irra gahuuf kaayyatte jechuudha. Karaa biraatiin gabaabumatti bakka yaadde sana jechuun galma jireenya keetii jechuudha. Ati imala jireenya kee keessatti taasiftu, injifannoon xumurtee, milkaa’ina feetu sana harkaaan gahachuudhaaf galma qabaachuu qabda.
Jireenya kee keessatti dhuma abjuu, kaayyoo fi mul’ata keetii irra ga’uuf, tarkaanfiin jalqaba ati fudhachuu qabdu galma kee adda baafattee beekuu fi ifa taasifattee kaayachuudha.
Galma jireenya keetii erga adda baaftee beekte booda, galma kee milkeeffachuuf qophii taasisuun imala kee tokko jettee eegaluudha. Barumsa keenya arraa kanaan galma kee milkeessuuf, akkamitti akka qoohooftu, imala kee akkamitti akka milkeeffachuu dandeessu qajeelfamoota bu’uuraa ni barattu.
Dhuma galma keetii bira injifannoon geessee milkaa’ina gonfachuuf
Dhuma galma keetii bira injifannoon geessee milkaa’ina gonfachuuf, galma kee adda baaftee beeekuu qabda. Galma kee adda baaftee beekuun milkaa’ina hawwite gonfachuuf bu’uura.
Garuu galma kee adda baaftee beekuun bu’uura ta’uus milkaa’inaa gonfachuuf adda baaftee beekuun kee qofti ga’aa miti. Galma jireenya keetii beekte jechuun milkaa’ina gonfatte yookaan bakka yaadde sana geesse jechuu miti.
https://hegeree.com/2021/09/23/mulanni-gidiraa-hambisa/
Bakka yaadde sana bira gahuuf, erga adda baaftee beekteen booda galma sana gahuuf akkamiin akka deemtee gahuu dandeessu sammuu kee keessatti ifaan ifatti adda baaftee beekuun tarkaanfii milkaa’inaan dhuma keeti akka geessu si taasisu isa jalqabaati. Galma jireenya kee adda baafattee eega beeytee booda akkamiin akka bira geessuuf beekuu qabda.
Namoonni baay’een jireenya isaanii keessatti galma dhumaa ni kaayyatu. Milkaa’ina jireenya isaaniitif galma ni kaayyatu.
Garuu, galma isaanii kana bira osoo hin ga’in hafu. Sababni, isaa maali beektaa?. Sababni namoonni san galma milkaa’ina jireenya isaanitiif kaayatan sana bira akka hin geenye karaatti isaan hambisu, jalqaba namoonni sun galmi isaan kaayatan sun, galma sirrii keessa isaaniitii madde osoo hin taane, galma haawasa yookaan namoota waliin jiraatan fakkaachuuf kaayatan waan ta’eefi.
Galmi sirriin…
Galmi sirriin isa keessa keetii madduudha. Ati ni baratta yoo ta’e, namoonni waan barataniif hin baratin!.
Akkasumaas, maaliif akka barattu galma dhunfaa keetii isa keessa keetii madde qabaadhu. Eeganaa sammuu kee keessattiis ilaalaa baradhu. Namoonni waan hojjataniif hin hojajtin!.
Akkasumaas, iddoo sirrii hojjattee irra gahuuf deemtu keessa keetii qabaadhu. Namoonni waan daldalaniif hin daldalin! Galma dhunfaa keetii hojii daldalaan irra gahuu feetuu qabaadhu.
Walumaagala, hojii hojjattu hunda keessatti galma dhunfaa keetii, isa keessa keetii madde qabaadhu. Hojii hojajttu hunda namoonni biraa waan ittiin milkaa’aniif yookaan maatiin hojii sana akka hojjattu waan fedhaniif hin hojjatin. Waan hojjattuuf galma qabaadhu.
Kanaaf, galmi ati kaayattee irra gahuuf imala eegalte san isa qulqulluu keessa keetii madde taanaan, jaalala dhugaa qabaattaaf. Jaalala dhugaa qabaachuufiin jireenyi akka bitaa sitti hin galleef si fayyada.
Kanaafuu jaalala dhugaa qabaadhuuf.
Garuu, faallaa kanaatiin galmi ati irra gahuuf hojjachuurratti argamtu, isa keessa keetii madde osoo hin taane, isa dhiibbaa haawasaa yookaan maatiitif jettee waan ta’uu hin feeneef hojjattu taanaan gonkuma dhuma isaa bira gahuun hin dandeessu. Galmi ati milkeessuu dandeessu isa keessa keetii madde qofa.
Bakka yaadde sana irra gahuu ni dandeessa?
Eeyyeen bakka yaadde sana irra gahuu ni dandeessa. Garuu bakka sana milkeeffachuuf, dursa yeroo galma jireenya kee sana kaayattu maal godhuu akka dandeessuu fi hin dandeenye sirritti xinxaltee galma sana kaayyachuu qabda.
Akkana goonaan humna dhokataa keessa kee jiru kan dhuma bakka yaaddee sanarra si geessu baaftee hojiirraa oolchuuf hamilee guutuu waan argattuuf gammachuun tarkaanfii imala keetii tokko jettee eegalta.
Qabxiilee 6n Bu’uuraa Galma Imala Keetii Yeroo Baafattu Ilaalcha Keessa Galchuu Qabdu
1. Galma Kee waraqaarratti barreessi, Afaaniniis dubabdhu.
Kana jechuun, namni tokko wanti inni hojjatee milkeessuu danda’u waan baasee dubbachuu fi barreessuu danda’u qofa. Wanta baasee dubbachuu fi barreessuu hin dandeenye hojjatanii milkeessuun hin danda’amu, hin yaadamuus.
Galma jireenya keetii qabatamaan milkeessuuf, galma sana dubbachuu danda’uu fi barreessuu danda’uu qabda. Kanaaf yeroo yeroon galma keesana Afaanii fi barreeffamaan ibsi!
2. Galma kee sammuu t ee keessatti milkeessi.
Jireenyi ati jiraattu bu’aa yaada sammuu keetiiti. Addunyaan kuni daawwitii waan sammuu kee keessa jiruuti.
Akkasumaas, jireenyi kee kan fooyya’u yoo ati jireenya kee sanaf yaada sammuu kee keessa jiru fooyyeessiteedha. Jireenya kee jijjiiruuf ka’uun dura ilaalcha ati jireenya keetii fi galma jireenya keetitiif qabdu sana sirreessi.
Kanaafuu, jireenya kee jijjiiruun dura yaadaa fi ilaalcha sammuu kee keessa jiru jijjiiri. Galma ija sammuu keetiitin arguu qabda.
Dandeettiin sammuudhaan arguu dandeettii ol’aanaa addatti dhala namaa qofaaf kennameedha. Galma kee sana milkeessuu akka dandeessu irra deddeebitee sammuu tee keessatti yoo yaadde, galmi kee sammuu tee waliin wal baruun ofitti amanamummaa fi kutannoo siif kenna. Ofitti amanamummaa fi kutannoon immoo furtuuwwan milkaa’inaati.
3. Miiraan milkaa’ina kee dhandhami
Galma kee yeroo dubbattu akka waan siif milkaaweetti saammuu tee keesstti yaadi. Yeroo kana keessi kee gammachuu argata. Gammachuun kun immoo kuttannoo fi ofitti amanamummaa siif laata. Milkeessuufiis yeroo tee akka hin gubne si taasisa. Miirri gammachuu galma keetiif dhugoomfachuuf humna siif laata.
4. Galmi kee sababa qabatamaa fi beekamaa akka qabaatu taasisi.
Kana jechuun, galma kee sana milkeessuun maaliif akka si barbaachisu beekuu fi faaydaa galma keetii sana irraa argattu beekuu jechuudha.
Akkasumaas faayidaa qabatamaa galma kee milkeessuun argattu sirritti adda baaftee beekuu qabda. Beekuun tee ammoo galma sana milkeessuuf kaka’umsa guddaa sitti hora. Kaka’umsi immoo yeroo keetitti akka sirnaan fayyadamtu si taasisa.
5. Galmi kee namoota birootiis akka fayyadu taasisi.
Jireenya keessatti milkaa’ina dhugaa jechuun, isa namoota birootifiis bu’aa buusu jechuudha. Bu’aan sun immoo dhalootaa dhalootatti kan dabruudha.
Kanaafuu, jalqaba yeroo jireenya keetiif galma kaayyattu, galmi kaayyatte sun namoota birootifiis daandii fi sababaa milkaa’inaa akka ta’uu danda’utti kaayadhu.
Eeganaa galmi kee jireenya namoota birootiis kan foyyeessuu ta’uu isaa sirritti mirkaneeffadhu. Yeroo kana deeggarsa namootaa argatta. Deeggarsi namootaa immoo milkaa’ina galma keetiif murteessaadha.
6. Galma kee isa dhugaan jaalattu filadhu
Galma kee gaafa kaayyattu, isa dhugaan sirritti jaalattuu fi si fayyaduuf dursa kennii kaayadhu. Isaan hafan dhawaata dhawaataan milkeessuu dandeessa. Galma dursuu qabu yoo milkeessite kanneen hafan ofii isaaniitin adeemsaan wal milkeessaa dhufu.
Walumaagalatti, imala jireenya kee keessatti taasiftuun milkaa’uudhaaf dursa hiika milkaa’inaa sirritti beeki!.
Akkasumaas, hiikni milkaa’inaa inni sirriin hiika ati haawaasa,hiriyyaa yookaan kitaaba dubbiftee barte osoo hin taane hiika keessi kee siif himeedha. Hiikkaan ati milkaa’inaaf kennitee jirtu galma jireenya keetiiti. Galma jireenya keetii beekuun immoo bu’uura milkaa’inaati.
Subscribe to:
Post Comments (Atom)
Yaada fi Milkaa'inaa
Yaadaa fi Milkaa’inna Kitaaba Of-Dagaagsu (Self-Development) yeroo jalqabaatiif Afaan Turkii irraa gara Afaan Oromootti hiikkame K...
-
Mul’ata jechuun maal? Mul’anni maddaa fi abdi jireenyaati. Dhugoomsaa eenyummaa keetiiti. Kennaan hunda caalu kan ilmaan namootaaf kenname ...
-
ilaalcha Jireenya kee jijjiiruuf Maaltuu Sirraa Eegama Jireenya ofii jijjiiruun salphaa miti. Qabsoo aarsaa guddaa si kafalchiisu taasisu...
-
Jireenya kee jijjiiruuf Maaltuu Sirraa Eegama Jireenya ofii jijjiiruun salphaa miti. Qabsoo aarsaa guddaa si kafalchiisu taasisuu si gaaf...
No comments:
Post a Comment