Garaaraas
Monday, December 19, 2022
Yaada fi Milkaa'inaa
Yaadaa
fi
Milkaa’inna
Kitaaba Of-Dagaagsu (Self-Development) yeroo jalqabaatiif Afaan Turkii irraa gara Afaan Oromootti hiikkame
Kitaabni kuni Turkiin keessatti si’a 235 ol maxxanfame. Maxxansaa hunda keessatti kooppi 1000 Kuni barbaachisummaan isaa baay’ee guddaa ta’uu agarsiisa
Yazar (Barreessaa): Dr.Muhammad Bozdağ.
Çevirmen (Hiika): Jibriil Abdalla
Qunnamtiif: www.sammubani.com fb.com/jireenyabadhaatu
Ykn Telegram: +905070617609 or https://telegram.me/jibrilabdella
Table of Contents
Seensa 5
Tarkaanfi 1ffaa: Guddaa Yaadu 10
A. Barbaachisummaa waan Guddaa Yaadu 12
1. Hubannoon Yaada waliin jalqaba 12
2. Yaada keenya waliin guddanna 14
3. Wanta Hojjachuuf Yaannuun Fuundura Keenya Dizaayini Goona 20
B. Gufuwwan Guddaa Yaaduu 25
1. Rakkoolee keessaa bahuu dhiisuu 25
2. Monotony (Bartee nama hifachiisutti) lixuu 26
1. Ko’ummaa faaydaa hin qabne 28
2. Kaayyoo dhabuuf harka kennuu 30
3. Fedhii Daangaa hin qabne 31
C. Guddaa Yaaduu Dagaagsuuf 35
1. Akka Addaatti Ilaalu 35
2. Haala itti fufaa ta’een gaafilee gaafachu 37
3. Poteenshiyaali keenya Hubachuu 38
4. Wanta Qabnu Hubachuu 41
5. Kaayyoo keessan olfageessuu 44
Tarkaanfi 2ffaa: Si’aa’inna Jabeessu 50
Tarkaanfilee hunduu gara Afaan Oromoottı hiikkamanii jiru. Kuni fakkeenya akka ta’uuf dhiyaat
Seensa
Seensa Hiikaa (Translator's Forward)
Waggoota baay’ee dura gara Turkii carraa barnoota argachuun ni deeme. Ji’a shaniif afaan Turkii erga baradhe booda Ankaara keessatti Suparmaarketti Kiler jedhamu keessatti kitaaba maqaan isaa “Düşün ve Başar” (Yaadaa fi Milkaa’inna) jedhu arge. Qarshii Turkii liraa shaniin bite manatti gale. Yoosu dubbisuu jalqabe. Afanichi haarawa waan natti ta’eef xiqqoo natti ulfaataa ture. Haa ta’uu malee kitaabicha dubbisuu itti fufee. Ji’oota muraasa keessatti nan fixe. Kitaabni kuni wanta addaa na keessatti kakaase. “Kaayyoon kee maalii? Akkamitti galmaan geessaa?” gaafilee jedhuu deebii kitaaba kana keessatti argachuu jalqabe. Kanaafu, kaayyoo kiyya murteessu jalqabe. Anis, kaayyoon kiyya “Barreessaa gaarii” ta’uudha jedhe. Garuu keessi kiyya hin amanne. Kanaafu keessa kiyya amansisuuf kitaaba lammataa barreessammaan kuni barreesse nan dubbise. Maqaan isaa “Istemenin Israri (Haala Itti fufaa ta’een fedhuu)”… Alhamdulillah Rabbil aalamiin sababa kitaabota kanaatin sammubani.com ni dhalate. In sha Allah gargaarsa Rabbiitiin itti fufna. Ammaaf kitaaba jalqabaa “Düşün ve Başar” (Yaadaa fi Milkaa’inna) jedhu hiiku jalqabna.
Seensa Barreessaa (Author's Forward)
Akka gaara galaanatti lixee danbalii waliin galaana jireenyaa keessatti ni dhalattu. Doonin isin qajeelchitan gaara cabbii keessaan hurgufamuun ni dabarti.
Yeroon ni ta’a, addunyaa keessan keessatti halkan ni dhufa, samiin gurraacha’e isin irratti jiga. Aduun deebitee dhufti, caafi moggaa keessaniitiin guyyaan ni dhalata. Doonin keessan duumessa jalatti fi gaara cabbii keessatti lixxe ni agartu: waqtii gannaa qorraa keessa adii lamaa fi bulee tokko jidduutti balaa titaaniki keessatti adda kan haftan ta’uu of agartu. (Titaanik-humna bishaani garmalee guddaa ta’e)
Imalli ilma namaa imala titaanikiitiin wal fakkaata: shofeerri doonii karaa nageenyaa keessa yoo hin oofin dhumti isaan itti goran tokko ta’a. Innis: bishaanin liqimfamuudha. Danbaliin jabaadha, bishaan gadi fagoon rakkisaadha.
Kitaaba kana osoo dubbistanuu dhiigni keessan ni danfa, yoosu gara sochii darbuun yaada keessan galmaan gahuu barbaaddu. Wanta balaa qabuuf qophii ta’uun yoo isinitti dhagayamee, fakkeenyota armaan gadi yaadadhaa:
Intarpiraayiziin xixiqoon xaawlaa isaanii gara handhuuraa oomishaa guddaatti jijjiran. Balbala yuniversitii irraa duubatti waan deebifamaniif barattoonni jireenyatti dheekkaman baay’een lamuu fiigun ni ka’an, ijjannoon hojjachuun milkaa’inna ni qabatan.
Haadha abbaan baay’een abbaa manaa, ijoollee yookiin firoota isaanii dhaban kitaaba kana waliin lamuu gara jireenyaa ni deebi’an. Baay’een isaanii haala xaxamaa fi sansalata yaada badaa irraa ni bilisooman. Duraan kitaabicha tuffachuun mana kitaabaa keessatti waggaa tokko osoo hin dubbisin waan tursiisaniif gaabbi isaanii ni barreessan.
Gama biraatin, jireenya irraa muxannoo gahaa warri hin argatin ergaa bu’uuraa kitaaba kanaa haala addaatiin hubachuu danda’u. Barataan tokko garmalee mirqaanu fi ofitti amanuun, “Ammaan booda barsiisaan na hin barbaachisu, mataa kiyyaan barachuu danda’a.” jechuun mana barnootaa dhiisuuf olka’e. Hojjataan mootummaa tokko muxannoo daldala homaa kan hin qabne ta’ee osoo jiru hojii gadi
dhiisuun takkamaan qarshii miliyoona argachuuf yaade. Kan biraa immoo haafayiinsa qarshiitiin haguugamuun shariikoota hojii bareeda waliin oomishan ni dhiise.
Milkaa’inni dhugaa zeeroo irraa kan ijaarrame ta’uun sirriidha. Kennaan milkaa’innaa warra yeroo hunda yaada isaanii jiraachisuun haala itti fufaan hojjataniif kennama. Sirriidha, nama meeqatu resturaanti tokko keessaa meeshaa dhiqaa ta’uun seene, ergasii resturaanti mataa ofii banachuun bulchaa ta’e. Nama meeqatu barreessaa (typewriter) ta’uun dhaabbata tokko seenee ergasii bulchaa wali gala (general manager) ta’uun addaan bahe. Isinis kanniin ilaalun, ‘Eeyyen, anis nan hojjadha’ jettu. Garuu bu’uuraa fi muxannoo kan hin qabne yoo taatan, oduu milkaa’inna hatamtamaan argamu yaadu hin qabdan.
Beekuu fi mirqaanun qofti gonkumaa gahaa miti. Wanta beektan keessa gadi seensisuu fi muxannoo waliin dadhabuudhaan dandeetti dhugaatti jijjiruun isinirra jira. Dandeettin bu’uura milkaa’innaati. Wanta hojjachuuf deemtan sirritti beektuu? Beekumsa wanta haarawa hojjatamu dagaagsitanii jirtuu? Barreefamaa fi dubbiin of ibsuu dandeessuu? Gootummaan keessan gahaa ta’ee ni argattuu? Qulqullinni hubannoo keessanii haala gahaa ta’een dagaagee jiraa? Maal, eessatti fi akkamitti akka hojjattan sirritti barattanii? Wanta tokko yaaltanii hojjachuu danda’uu keessan argitanii? Hanga ammaatu kanniin kan hin beekne yoo taatan, hojii amma qabdan irraa yeroo bilisaa keessan kanniin barachuu fi hubachuuf dabarsuu qabdu. Kanaaf jecha, kitaabota dubbisuun, qorannoo dhibbatama gochuun, namoota muxannoo qaban dhageefachuun ergasii hojii irra oolchun hangam hojjachuu akka dandeessan ilaalu qabdu.
Haafayuun, jarjaruun, ani bilchaadhe, baradhe jedhanii yaadun, wanta danda’anii ol balaatti utaalun, nama muxannoo qabuu dhageefachuu diduun, yaanni hundee hin qabne fi gatii dandeetti hubachuu dhabuun wantootaa gurguddoo kufaatiif sababa ta’an irraayyi. Tasgabbaa’u qabdu, sababni isaas, milkaa’inna yoosu boruma hin dhufu.
Yoo kan mirqaantan taatanis rafuu fi boqonnaa fudhachuu qabdu. Boru guyyaa keessan isa dhumaa ta’uu danda’a. Akkasi mitii? Khaaliqni olta’aan, “Umriin hanga kanaa ni gaha” yoo jedhe, hojiin keessan dachii irra jiru hundi walakkaatti hafuu danda’a. Addunyaa baddu keessatti itti gaafatamummaan keessan; bu’aa isaa itti yaaduun dhiphinnaan liqimfamuu osoo hin ta’in wanta har’a hojjachuu dandeessan hundarra gaarii kan ta’e hojjachuudha.
Dachii kirkirri lafaa, balaa fi ganuun keessa jiru keessatti carraaqqin addunyaa tokkollee wabii (garaanti) hin qabu. Garuu asi fi addunyaa itti aantu keessatti namni hunduu mindaa carraaqqi isaa akka argatu Khaaliqni olta’aan waadaa galee jira.
Warri milkaa’e yommuu gara imalaa bahan nu caalaa dureeyyi ykn qaruute hin turre. Dachii keessatti warra ijjannoon hojjataniif gaheen guddaan kennamuuf meeqatu isaan eegaa. Warra itti gaafatamummaa fudhataniif fuundurri isaanii gammachuu haa ta’u.
Kitaabni harka keessan jiru kuni imala (adeemsa) milkaa’inna keenyaa keessatti tarkaanfilee bu’uuraa dubbata. Kutaa hunda keessatti, jalqaba
(a) “Barbaachisummaa mata duree” ni ilaalla. Ergasii tarkaanfi san keessatti (b)“Gufuwwan bu’uuraa” nu muudatan nu fuunduratti bahu. Itti aanse, tarkaanfi san darbuuf (c)“Maloota Furmaataa” itti fayyadamnu irra turra.
Karaa milkaa’inna keenyaa tarkaafilee kudhan wal qabataniin xumurra. Tarkaanifiwwan akka sansalataa walirra bahuun gariin garii irratti dhiibbaa qaba. Tarkaanfi jalaa milkaa’innaan yoo sirritti lafa hin qabsiisin tarkaanfi gubbaa (itti aanu) irratti ulfaatinni nu muudata.
Tarkaanfin jalqabaa “Guddaa Yaadudha.” Jalqaba sammuu keenya keessatti hojjanna, dandeetti yaadu keenya ni dagaagsina. Tarkaanfin lammataa qalbii teenyatti xiyyeefachuun “Si’aa’inna Jabeessu” ta’a. Ijaarsa bu’uuraa kanarraa gara tarkaanfi, “Kaayyoo Murteessutti” utaalla. Ergasii kaayyoo murteessine hundaaf, “Mala murteessuuf” carraaqna. Utaalcha haarawa utaaluuf tarkaafi “Sirritti fedhuu” jedhutti dabarra. Fedhii cimaa keenya tarkaanfi “Gootomuu” jedhuun jabeessina. Tarkaafileen wal qabataan lamaan keessaa tokko, bartee “Ammuma Hojjachuu” argachuu’ kan biraa immoo miira “Amma jiraachu” dagaagsudha.
Dhumarratti tarkaanfin sagalaffaa “Sababa himachuu dhabamsiisuu” Tarkaanfi kurnaffaan immoo “Hojii xumuruu” ta’a.
Tarkaanfi 1ffaa: Guddaa Yaadu
Jireenya teenya moggaa bal’aaf banuun, guddaa yaadudhaan ilaalcha sammuu keenya bal’isuu irratti hundaa’a.
Seensa
Gaarii fardaatiin wanti hojjattanii fi konkolaataa Mersedesin wanti hojjattan wal bira hin qabamu. Geejjiba kanniin lamaan jidduu garaagarummaan dandeetti (kaapasitii) jiruu baay’ee guddaadha. Garaagarummaan kuni garaagarummaa sammuu guddaa yaadu danda’uu fi sammuu saanduqa yaadota xixxiqoo keessatti rakkachuun hafe jidduu jiruun wal fakkaata. Sammuun dhiphisee yaadu hanga feetan osoo dirqisiistaniillee dandeetti xumuraa (maksimam kaapasiti) isaa hin dabartan.
Imala milkaa’inna ol’aanaa deemuu yoo barbaaddan, jalqaba geejjiba ittiin imaltan haaromsuu fi jabeessu qabdu, Sadarkaa garmalee barbaachisaa fi bal’aa ta’e gahuuf geejjibni bu’uuraa nuti guddisuu qabnu: dandeetti yaadu sammuu keenyaati. Akkuma maashaalee keenya jabeenya qaamaa hojjachuun jabeessinu, dandeetti yaadu keenyas tooftaalee yaadutti fayyadamuun jabeessu dandeenya.
Tarkaanfin jalqabaa imala milkaa’innaa itti fufsiisan bal’isanii yaadu danda’uudha.
Haleellaan dandeetti yaadaa kenyaatti qajeelu haleellaa jireenya keenyaatti qajeeludha. Yaanni ija sammuuti.
Namni dhiphisee fi gabaabse yaadu sadarkaa ol’aanaa irra hin gahu. Wanta namoonni biro hin argine arguu fi jireenya keenya ariitiin guddisuu yoo barbaanne, hubannoo fi dandeetti argannootiin hojii jalqabuu qabna. Tarkaanfin jalqabaa imala (adeemsaa) kanaa: Guddaa Yaadudha.
Sammuun wantoota dhokatoo argatu, sammuu guddaa yaadu danda’uudha. Sammuun ol guddisee yaadu furmaata adda addaa argata. Warri yaada isaanii dhiphisan immoo jireenyi
Guddaa yaaduun meeshaa garmalee barbaachisaa keesso keenya bal’isudhaan filannowwan milkaa’innaa ittiin daballuu fi fedhii keenya ittiim ijaarrudha.
isaanii ni dhiphatti. Kanaafu, yoo akkas ta’e, wanta gonkumaa duraan hin yaadinii fi eenyullee hin yaadin, ol guddistanii fi olfageessitanii yaaduuf qajeelaa.
A) Barbaachisummaa waan Guddaa Yaadu Dandeetti guddisanii yaaduu dagaagsuun bu’uura imala milkaa’innaati. Waa hubachuun yaadu irraa jalqaba. Yaadota keenya ni dagaagsina.
1. Hubannoon Yaada waliin jalqaba
Bu’uurri jiruu hubannoodha, bu’uurri waa hojjachuu beekudha. Wanti hundi argamuun dura beekumsa Rabbii keessa ni jira (Kana jechuun wanti hundi argamuun dura Rabbiin wantoota kanniin hundaa beekee jira.)
Jireenya fuunduraa keessan bulchuu yoo barbaaddan, jalqaba sammuu keessan ilaalaa. Wanta gara fuunduraatti hojjachuuf yaaddan tarkaanfi tarkaanfin karoorsaa. Wanta hojjachuuf yaaddan hunda hin hojjattan, garuu wanta hojjachuuf gonkumaa itti hin yaadiniin milkaa’u hin dandeessan. (Wanta baay’ee hojjachuuf ni yaaddu, wantoota yaaddan kanniin hunda hin hojjattan. Garuu wanta tasuma hin yaannen hin milkooftan. Fakkeenyaf, doktora ta’uuf yoo hin yaadin, doktora ta’uun hin milkooftan.) Sirrii mitii?
Mata-dureen sammuu keenya keessa jiru akkuma ittii yaannun ibsa bal’aa argata. Wantoonni yaannu suutuma suuta gochoota keenyarratti dhiibbaa uumu. Kanaafi,gochoota, filannoowwanii fi yaadota keenya deddeebisuun sammuu keenya keessatti tarkaanfi tarkaanfin ijaarra.
Jireenyi dhaamtu (dukkanooftu) tan taatuuf yaanni dhaamaa waan ta’eefi. Kuni qarummaa waliin wal hin qabatu. Kana irra, yaadu waliin wal qabata. Addunyaan teessan hanga yaadu dandeessaniin bal’atti. Hanga bakka sammuun keessan ilaalu danda’ee argitu. Umrii keessanitti durummaa isin dabaltan hunda duuba durummaa yaadatu jira.
Daandii milkaa’inna ilaalchisee kitaabban barreefaman barbaachisummaa yaadu dubbatu. Yaadun; sanyii uumamaa, dhaabbannaa, miira ykn amalaa gadi-dhaabudha.
Yaaduun; uumaa ykn qaama kan kennu osoo hin ta’in, maaltu galma gahu akka qabu kan murteessudha. Yaadonni keessan bu’uura miiraa, amalaa, hojii fi bu’aa keessaniiti. Khaaliqni olta’aan yaa’iinsa jireenya keenyaatiif qaama yommuu kennu, nuti akkamitti akka jiraachu barbaanne ilaala. Namni yaada sirna qabu hin baranne haala dhaabbataa ta’een hin dagaagu. Akkuma argan yaadun sammuu akkanummaan dadhabsiisuu ta’a. Akkuma Albert Enastayin jedhe: namni sammuu yoo hin dirqisiisiin, uguruu gahuu hin danda’u.” Kutaalee qaama keenyaa keessaa haleellaa guddaaf kan saaxilamu sammuu keenya ta’ee osoo jiru, isa dagaagsu dhiisitii badii irraa isa eegufu hin carraaqnu. Kuni dogongoraa mitii?
2. Yaada keenya waliin guddanna
Yaadonni keenya madda miirota keenyaati, miironni keenyas madda amaloota keenyaati. Amaloonni nuti deddeebisne agarsiisnu barteewwan keenya uumu. Barteewwan keenya namummaa keenya bocu. Hamma guddaan fuundura keenya filachuuf bilisummaan nuuf kenname jira. Isin yeroo baay’ee maal yaadduu?
Namni hundu karaa keessa deemu keessatti wanta dhumarra jiruuf ni gaha. Masalaali koraa jirtan ilaalun dhumarratti gara eessaa ol deemaa akka jirtan hubachuu dandeessu. Sirrii mitii? Karaan fuundura guddaatti nama geessu yaadu irraa jalqaba. Kitaaba “Maajiki Guddisanii Yaadu” jedhu keessatti David J.Schwartz qorannoo ajaa’iba tokko dabarsa: Ameerika keessatti lakkoofsi namoota hojii kafaltiin isaa waggaatti dolaara kuma kudhan ta’eef apply godhan namoota hojii kafaltiin isaa waggaatti dolaara kuma shantama ta’eef apply godhan dachaa shantamaa hanga dhibbaaf shantamaan caala.
Namoonni baay’een hojii mindaan isaa gadi bu’aa ta’eef apply godhu. Hiikni kanaa ifa: dandeetti keenya waan hin dagaagsineef yookiin immoo dandeetti keenya garmalee gadi waan xiqqeessinuuf olfageenya irraa karaa jalqabuuf hin gootomnu.
Yommuu hojii seenuu barbaaddan, hojii kam hojjachuuf yaadduu? Baay’een namaa, “Wanta ta’eelle ta’uu hojiin haa argamu.” Yaada jedhu qaba. Eeyyen, hundi keenyaa hojii guddaaf kan mallu ta’uu dandeenya. Namni maaliif potenshiyaali isaa hin amannee? Maaliif dandeetti isaa gabbisuun hojii irra gaarii hojjachuuf yookin inumaa hojii mataa ofii hundeessuun guddisuuf hin yaannee? Maaliif dandeetti ofii qabachuu dhiisee deeggarsa siyaasa duubatti dheessun jireenya qabachuuf filataa? Of guddisuutti yoo hin amaniin karaa sanitti humna ni baastuu?
Magaala Van keessatti seenaa dargaggeessa tokko isinitti haa himu: Dargaggeessi kuni yommuu gara Ankaaraa dhufu qarshii homaatu hin qabuu ture. Buufata magaalaa irraa ka’uun mana hiriyyoota isaa fagoo jiran sa’aati baay’eef deemuun gaha. Ani yommuu isa argu, milkaa’inna isaa nan hawweef. Yeroo sanitti dargaggeessa san ilaalchisee fuundurri isaa ifa ta’ee natti hin dhagahamne. Garuu inni wantoota garii haala addaatiin yaade. Wanta guddaa yaade.
Hojii isaa xaawlaa xiqqaa tokko irratti jalqabe. Amma zeeroo irraa jalqabuun suuqii guddaa gareen dhaaban tokko bulcha. Qajeelfama bu’uuraa yoo gadi dhaabee, guddachuu itti fufa.
Dargaaggessi kuni osoo guddaa yaadu baate, hojii isaa hanga kana guddisuu danda’aa? Halkan meeqa namoonni biro osoo rafanu inni wanta hojjatamu osoo karoorsu bariisifata. Yaanni isaa taphachuu keessa osoo hin ta’in sirna gara fuunduraatti dhaabe keessa ture. Wanta eenyullee hin hojjanne hojjachuun isarra jira, kanaafu wanta eenyullee hin yaanne yaadun isarra jira.
Jireenyi qaraxiixi keessatti hanga namni hundu fedhu danda’uun kennamaaf. Ergaan Rabbii akkana jedha: “Ana kadhaa, deebii isiniif kennaa.” (Qur’aan 40:60) “Jedhi: Osoo kadhaan keessan jiraachu baatee, silaa Gooftaan kiyya homattu isin hin lakkaawu.” (Qur’aan 25:77)
Fuulli seenaa haftee abbooti daangaa sammuu fi qalbii dirqisiisaniin kan guuttameedha. Rokkeetti jalqabaa abbooti keenyatu argate. Jarmi isaantu yeroo jalqabaatiif ibse. Kaartaa addunyaa yeroo jalqabaatiif Piri Reis tu kaase. Tole, nuti hoo?
Richard Bach kitaaba afoolaa “Sinbira Galaanaa” jedhamu qaba. Jonaatan Levingston akka Sinbira Gootaatti ta’uun taphate. Inni waan guddaa yaadaa ture. Waggoota baay’eef sinbirroonnni daarii galaanaa irra balali’an ni baay’atan. Daarii galaanaa isa dhiphaa ta’e keessatti qurxummiin gahaan hin hafne. Jonathan samii keessa olfagaatanii allaattiwwan balali’an arge. Akka isaanitti olfagaachuu fi addunyaa biraa argachu akka qabu ni yaade. Kaayyoo guddaa kana hiriyyoota isaatti ni hime. Kaayyoo Jonathaniin mirqaanse kana hiriyyoonni isaa qishnaa (qoosa) godhatan. Hiriyyoonni isaa, “Abbootiin keenya yeroo hundaa as jiraatan. Bakka kanaan alatti bakka gaarii hin argannu. Sila abbooti keenya gannaa?” jedhan. Carraaqqin Jonaatan bu’aa malee hafe. Ni beekaa ture; iddoo fagoo, olfageenya fi gama biraa keessa addunyaa mirqaansun guuttametu jira. Dhumarratti, kophaa ta’us dhimma sodaachisaa kanatti darbamuuf ni gootome. Innis ni balali’e, akkuma ol deemun olfagaate. Galaana dureeyyi addaatiin guuttamee ni argate. “Hiriyyoonni kiyya mana hidhaa keessa jiraatan keessaa bilisoomu akka danda’an osoo arganii maal qabaa! Dureeyyota ajaa’iba as jiran osoo baranii maal qabaa!” jechuun yaade.
Jonaatan akka yaada firoota isaatti abbooti isaa kan ganee fi dhiisetti lakkaawama. Jonaatan achumaan ni bade.
Garuu Jonaatan homaa hin dhabne. Barnoonni Jonaatan kenne hanga ammaatu ni argan, oduun isaa yeroo hundaa ni yaadatama. Sinbirroo galaanaa yommuu argu, Jonaataan sammuutti na dhufa. Jonaataan akka sinbirroo galaanaa ta’uutti akka na affeeru natti dhagahama.
Itti xiyyeeffadhaa! Yoo isin warra gama biraa jiran hin barbaadin, isin isaan argachuu hin dandeessan. Gara hawaa deemuuf karaan tokko akka jiruu yoo yaaddan, karaa san ni barbaaddu. Sadarkaa ol’aanaa irra warra sadarkaa ol’aanaa barbaadan qofatu gahuu danda’a. Waan guddaa yoo barbaaddan, wanta guddaa argachuun keessanis ni ta’a. Namni dhiibbaa uumu sakandii isaa waa barbaadun dabarsa. Isinis barbaacha jalqabaa! Akkamitti?
Hirriba malee kan bule akka Edison, ampuuli elektrikii barbaadun argate. Ampuuli osoo beeku baattanillee, jiraachun isaa isinitti dhagayama. Gaarri isin irra kortan duuba isaa osoo arguu baattanillee, sululuwwan ajaa’iba achitti akka isin eegan ni amantu. Wanta barbaaddan irra abdiidhaan deemtu. Akka kanatti guyyaa hundaa mirqaansun jiraattu.
In sha Allah wanta yaaddan guyyaa tokko ni qunnamtu. Eenyutu beeka, sa’aati meeqatti, hin beektan. Jireenyi wanta hin beekne soquudha (barbaadudha); barbaadu dhiisun, jiraachu dhiisudha. Sinbirroonu ganama yommuu ija ishii bantu guyyaa kana eessarraa garaa ishii akka quubsitu hin beektu. Wanta nyaattu asi achi deemun erga soqxe (barbaadde) booda wanti sooqtu suni miila ishii jalatti tarraa’e argiti. Sirrii mitii? (Osoo wanta nyaattu soqu baatte akkanumatti teette ni jiraatti? Kanaafu irra deebi’un “barbaadu dhiisun, jiraachu dhiisudha.” jenna.)
Meeshaa elektirikii qaama ittiin dhidhiban kan namtichi barnoota sadarkaa 1ffaa irraa eebbifame dizaayini godhe nan qoradhe. Sistamii dhiiga xuraawaa qaama keessa jiruu qulqulleessus akka guddise nan arge. Ani waggoota baay’eef baradhe; maastarsi fi doktoreetti qabadhe. Ani wanta namni kuni hojjate maaliif itti yaadu dadhabee? Namni tokko yommuu hojjatu, tuffachuun “Kana anis hojjachuu nan danda’a” jenna. Wanta faaydaa qabu hojjachuu osoo dandeenye, kan hojjatu maaliif nu hin ta’in?
Yaadonni keessan yoo guddatan, gochoonni keessanis ni guddatu, bu’aan wanta oomishtaniis ni guddata. Ammuma irraa eegaluun osoo yaaltanii, har’uma garaagummaa isaa adda baafattu.
3. Wanta Hojjachuuf Yaannuun Fuundura Keenya Dizaayini Goona
Wanta hojjachuuf yaaddaniin fuundura keessaniif bu’uura lafa keettu. Wantoonni isin sammuu keessaan fiduun sammuu keessatti hanbistan, fuundura keessan ijaaruuf jecha bilookettiwwan walitti qabamanitti jijjiramu.1 Ameerikaa keessatti Ohio State University irraa qorannoon Tanya Chartrand akka agarsiisutti; fuundurri keenya yaadota hubannoo gadi fagoo keenyatti lixe fi dagannee deemneen bocama.
Obboleeyyan dubara lama yeroo ijjoollummaa isaanii keessatti osoo waliin taphatanuu mucayyoon guddoon akka narsii ta’uun taphatte, mucayyoon xiqqoon immoo akka doktoraa ta’uun taphatte. Waggoota baay’ee booda taphni doktora-narsii dhugaatti jijjirame. Intalli xiqqoon doktora taate, intalli guddoon immoo narsii taate. Qalbii isaanii baay’ee xiqqoo taaten ni barbaadan, ni hawwan, ni yaadan. Rahmanni Isaa daangaa kan hin qabne hawwii isaan tapha isaaniitti dabalan isaan irraa fuudhun jireenya isaanitiif dhiyeesse. Taphumaaf jedhani yaanni obboleettiwwan
1 (Kana jechuun yaadota gaggaarii sammuu keessan qaxxaamuran yommuu walitti qabdan, akka bilookeetti mana ijaarutti yaadonni kunniinis jireenya keessan ijaaru.)
lamaan sammuu keessatti kaasaniyyu gara dhugaatti yoo jijjirame, yaanni isin imimmaanin walitti maktan maaliif hin milkoofnee?
Turkii keessatti bulchitoonni godinaa baay’een isaanii Yuniversiti Ankaaraa Fakaaliti Saayinsi Siyaasaa irraa akka eebbifaman beektuu? Duraan mana barnoota lama irraa warra eebbifaman qofatu qormaata bulchiinsaatiif seena. Bara 1992 booda fakaalitiin bulchiinsaa irraa kanneen eebbifaman hundi qormaata bulchiinsaatiif akka seenu danda’an mirga argatan. Nan hubadhe. Hanga ammaatu warri qormaata darbu baay’een isaanii barattoota mana barnoota wal fakkaaturraa eebbifamaniidha. Maaliif?
Sababni isaas, barattoonni mana barnoota kanaa jalqaba irraa kaase bulchaa godinaa ta’uuf yaadaa turan. Barattoonni mana barnoota biraa immoo erga eebbifamanii booda bulchiinsa mataa ofii keessatti fiduuf yaalaa turan.
Simmiiti2 (daabboo geengoo) gurguruu yoo yaaddan, hojii nama simmiiti gurgurun wal qabatu hojjachuun karaa bantu. Kompiyutara gurguruu yoo yaaddan, karaalee kompiyutara ittiin gurgurtan barattu. Baratan ana waliin
2 (Simmiti jechuun daabboo akka qubee harkaa Turki keessatti gurguramuudha. Google irratti fakkii isaa ilaaluuf “Simit” jechuun barbaada.)
yuniversiti wal fakkaatu fi departimanti wal fakkaatu irraa eebbifame tokko kompiyutara gurguruu mataa isaa keessa kaa’e. Beekumsa isaa ni dagaagse, kompiyutara walitti qabee gurguruun hojii isaa jalqabe. Hojii isaa ni guddise. Waggoota baay’ee booda meeshaa kompiyutara bituuf yommuu iddoo hojii isaa daawwadhu nan dinqisiifadhe. Yuniversiti keenya irraa barattoota garii muhandisa, sekretarii gochuun akka hojjachiisu nan arge. Qajeelcha hariiroo gurgurtaa haarawa yommuu isaanitti kennu isaan fiigsisaa ture.
Hiriyyaa daree kiyya Sherif Chim siyaasaa keessatti isa arge. Inni bakka bu’aa ummataa ta’uuf kaayyefataa ture. Ani immoo kuni guddaa akka ta’ee fi hojjatamu akka hin dandeenyetti waan ilaaluuf sammuu kiyya keessatti hin yaadu ture. Nuti ni eebbifamne. Ani TBMM (Paarlamaa Turkii) keessatti ogeessa ta’uun hojii kiyya jalqabe. Osoo homaa hin turin Sherif Chim bakka bu’aa ummataa ta’uun filatamee dhufe. Garuu Abbaan Qadaraa isa ilaalchisee murtii biraa qaba. Sherif Chim bara 1998 keessa balaa tiraafikitiin ni du’e.
Akka Richard Bach guddaa yaaduun yoo barreessitan kitaaba keessan miliyoononni bituu danda’u. Akka Alwin Toffler bu’aa hojii keessanii yaadota gurguddoon yoo ijaartan, addunyaa gahuu danda’a. Maallaqni fi faasilitiin keessan baay’ee xiqqaa ta’uu fi duubatti kan hafe ta’uu danda’a. Garuu qalbii teessan, miiraa fi keesso keessan hanga danda’ameen guddisuu fi dagaagsu dandeessu.
Potenshiyaali keessan amana. Garuu dhimma tokko gonkumaa hin dagatinaa: jireenyi bulchiinsa Khaaliqa olta’aa jala jirti. Rabbiin olta’aan nama hundaafu wanta carraaqef addunyaa keessatti yookiin Aakhiratti mindaa akka kennuuf waadaa galee jira.
Yeroon rakkooleetti, hojii duwwaa bu’aa homaatu hin qabnetti, kaayyoo dhabuu fi bashannana hin barbaachisnetti lixuu irraa baraaramne yeroo moggaa milkaa’inna bal’aa keessatti koolu godhanneedha.
(Namni akkuma gara milkaa’innaatti olbahuun hojii faaydi hin qabne, kaayyoo dhabuu fi bashannana hin barbaachisne irraa qulqullaa’a.)
Guduunfaa
➢ Bu’uurri jiruu hubannoodha, bu’uurri waa hojjachuu beekudha.
➢ Guddinni fi milkaa'inni keenya hamma yaadaa keenyaatiin wal-qabata. Waan guddaa yoo yaanne, hayyama Rabbiitiin milkaa'inna guddaa arganna. Waan xiqqaa yoo yaanne, milkaa'inni nuti argannus hangasuma xiqqaadha. Ergamaan Rabbii (SAW) "Rabbiin irraa Jannata yoo kadhattan, Firdaws kadhaa. Sababni isaas, Firdaws Jannata ol'aantudha, gubbaa isii Arshii Rahmaantu jira." Jedhu. (Sahih al-Bukhaari 2790) Kuni waan guddaa yaadu akka qabnu itti nu kakaasa.
➢ Wanti isin hojjachuuf yaaddanii fi sammuu keessatti fakkii isaa kaastan, gara fuunduraatti dhugaa ta'uun jireenya keessan ijaaru danda'a. Kanaafu, galma guddaa gahuuf wanta guddaa yaadaa.
B) Gufuwwan Guddaa Yaaduu
Yaadonni keenya sanyiiwwan gara fuunduraatti jiraannudha. Rakkooleen, wanti aadaa godhatan, ko’oomun barbaachisaa hin taane, wanta tokkoof sirrii ta’uu dhabuu fi bashannana keessatti daangaa darbuun dandeetti yaadu sammuu keenya cufu (qollofu). Gufuwwan kanniin darbuu qabna. Ol-guddisanii akka hin yaanne wantoonni nama taasisan kanneen armaan gadiiti:
1. Rakkoolee keessaa bahuu dhiisuu
Sab-qunnamtiin ammayyaa takkamaan rakkoolee adda addaa ija keenya fuundurattti diriirsa. Oduu rakkoolee keenyaa lakkofne hin xumurru. Guyyaa hundaa oduu ajjeechaatiin ykn ganuutiin hurgufamna. Rakkoolee akkuma daawwa’annuun daawwachuutti maxxannee hafna. Kuni garmalee barbaachisaadha: qalbiin abdii kutuun haguuggamte, furmaatatti yaaduuf carraa hin argattu.
Milkaa’inna dhabuun ammatti hojjachuu dadhabuu osoo hin ta’in, gonkumaa akka hin hojjannetti yaadudha. Hubannoo keenya keessatti rakkoolee walitti qabaman garmalee olguddisna. Isaan furuuf sababa furmaata hin qabnetti dheessina. Yaaduu fi furmaata barbaadu, carraaqqi bu’aa homaatu hin buusne akka ta’eetti ilaalla.
Akkuma Tolstoy jedhe: “Namni hunduu namoota biroo jijjiruuf yaada, garuu eenyullee of jijjiruuf hin yaadu.” Yeroo hundaa akka sinbirroo waccuu xurii siyaasaa odeessina. Bakka kanaa, siyaasaa qulqulluuf xalayaadhaan ykn bilbilaan warra siyaasaatiif yaada gaarii haa kenninu. Naamusa dhabuun babal’achuu irraa kan ka’e himannaa dhiyeessinee dhaabbanna. Wanti sirriin hama arraba keenya keessa jiruu waliin qabsaa’udha. TV ilaalu irraa kan ka’ee ijoollee teenya barsiisuuf yeroo hin argannuu? Wanta sirrii hojjachuuf haa tattaafannu.
Namoota garii keessatti rakkoon gara wanta yeroo hundaa yaadatanitti jijjirama. Rakkoo si’a tokkoof qaama isaanii irra gahe sammuu isaanii keessaa waamuun qalbii isaanii keessa akka jiraatu taasisu. Rakkoo isaanitiif furmaata barbaadu dhiisanii hadhaa rakkoo irra deddeebi’uun itti xiyyeefatu. Akkasi mitii?
Asitti kuni garmalee barbaachisaadha: rakkoolee sammuu keenya keessatti tuulamanitti garmalee yaadun dhiphinna (stress) dabala. Dhiphinni baay’een yaa’insa yaadaa fi wantoota kemikaalawaa barachuu fi yaadachuuf ergaa dabarsan hir’isa. Dandeettin yaadu hatamtamaan bada. (Namni baay’isee dhiphatu dandeettin yaadu isaa ni dadhaba, inumaa ni bada.) Sammuun yaadu hin dandeenye wanta guddaa yaadu hin danda’u. Sababa kanaafi, namni rakkootti hin maxxanne fi boqonnaa qabu haala salphaan milkaa’a.
Eeyyen, jireenyi ulfaatinnaan guuttamte rakkoolee ni uumti. Eeyyeen cunqursitoonni qalbii qulqulluu ni gaddisiisu. Mee xiyyeefannoo keessan naaf kennaa: Abditti rarra’uun gadduun wanta sirriidha, abdii kutiinsaan haguggamanii gadduun immoo wanta sirrii hin taanedha.
2. Monotony (Bartee nama hifachiisutti) lixuu
Akkuma S.Maughaim jedhe: Diinni hundarra guddaan dandeetti yaadu ajjeesu wanta aadaa godhataniidha.” Akkuma barteen nama hifachiisu itti fufuu yaadonni keenya ni dugulu. Hojiin nama hifachiisu sammuu otomaatikaa ta’e gubbaatti baha. Hojii otomaatika keessatti akeekachisni sammuu keenyaa ni hir’ata. Of eeggannoon keenya ni bada. Rooboti taana. Akkuma maashaan itti hin fayyadamne qal’atuu, xiyyeefannon dhiifames hir’atuun bada. Boba’aan imala yaadaa xiyyeefannoodha. Namni xiyyeefannoo isaa eegu, yaada isaa ni gabbisa.
Jireenyi ammayyaa, jireenya teenya barteewwan badaatti kennuun makaanika taasisee jira. Gara hojii keenyaa ykn mana barnoota keenyaa guyyaa hundaa haala walfakkaatun deemun deebina. Galgala hundaa haala wal fakkaatun Tv ilaalla. Hanga galgalaatti barcuma tokko irra dadhaba fi gammachuu dhabne ta’uu irra hojii keenya dagaagsuuf haa hojjannu.
Hojii guddinnaaf cufaa ta’ee filachuun hidhamaa ta’uu filachuudha, argannoo wanta haarawaa dhiisudha, jireenya guutuu dhaaba manaa afran jidduu hidhamaa ta’anii jiraachu fudhachuudha.
Jireenyi hammayyaa haala jireenya keessanii sadarka tokko irratti waan gadi dhaabeef wanta haarawa barbaadurraa ni fottoqxu. Yaaduu fi gaafachun keessan hin barbaachisu, sababni isaas, wanti hunduu isiniif yaadama. Gaafi tokko Tv’in, ministeeronni, artistoonni yoo hin gaafatin, isin gaafi kana gaafachuun wanta qabatama hin qabne ta’a. Sammuun keessan yaaduu yoo barbaade, bilbilli qaruuteen (smart phone) yoosu sirreessiti. Garuu wanta qullaa, faaydaa fi gatii hin qabne, dhaadannoo qabatama hin qabne kooppii gochuun isin irratti dirqamaa miti.
Jireenya makaanika keessatti karaan irra deemtan beekkamaadha. Gara hojii keessanii geejjiba kamiin deemtuu? Karaan hojii ittiin argattan mana baruumsaa kamiin fixuudhaa? Akkuma ammayoofnuun hidhamtoota mormatti sansalata itti godhamuun harkifamanitti jijjiramna. Hanga duuti nu dhaabdutti guyyatti daqiiqa shanillee osoo ta’ee, “Wanta biraa maal haa hojjadhuu? Akkamitti fooyyeesse fi gargar godhee hojjadhaa?” jenne gaafachuu hin dandeenyu. Sirrii mitii?
3. Ko’ummaa faaydaa hin qabne
Jireenya guutuu taate takka keessatti nama dubbii isaa irraa, amala isaa irraa, namoota hundaafu ibsa faayda qabu kan calanqisiisuu akka taatanitti yaadaa. Kana ko’ummaa firii hin buusneen milkaa’u dandeessu?
Teknolojiin ammayyaa guyyaa hundaa wanta ajaa’ibaa haarawa oomisha. Wanta teeknikni fi aadaan oomishe hundatti akka hajamnutti yaanna. Sa’aati baay’eef Tv ilaalun akka waan nurratti dirqama ta’eetti yaanna. Dorgommiin muuziqaa, sagantaaleen bashannaanaa, lotoriin, dorgommiin fardaa fi kkf jireenya keenya koloneefatanii (qabatanii) jiru.
Imala daangaa hin qabne kan nuti kophaa keessa deemnu keessatti umriin keenya irraa sakandiin meeqa akka hafe ilaalla. Jireenyi keenya hin koloneefamin, kabajni keenya wanta biraatiin hin saamamiin. Kabajni namummaa keenyaa tapha gatii hin qabneef qallaba hin ta’in. Wanti barbaanne kanaa mitii?
Nuti eenyuu? Nuuf maaltu hafee? Jarjaruun eessa fiignaa? Maaliif hiriirri mana barnootaa, maalif otobisii, maaliif hiriira mindaa, Maaliif duuti?
Namoonni dhiibaa uumaan sa’aati baay’eef TV hin ilaalan. Guyyoonni isaanii gaazexaa dubbisuu fi tapha xaxamaa furuun hin darbu. Ni jiraatu, ni fiigu, ni oomishu, nuti haftee isaanii irratti mallattoo isaanii argina.
Kaayyoon bu’uuraa ko’ummaa ammayyaa; aqliin ala nu gochuu, duniyaa qofaaf akka jiraannu taasisuu fi hubannoo keenya keessatti du’aan booda bu’aan homaatu akka nuuf hin hafne gochuudha.
Mataa keenya olqabne akkamitti gara olii olbahuu akka qabnu yaaduuf hojiin xiqqaa fi faayda hin qabne qalbii teenya dukkanaan hin marsin.
4. Kaayyoo dhabuuf harka kennuu
Maaliif yaadduu? Dhugaa jireenya keessanii keessaa tokko; furmaataaf akka yaaddaniif hojiin keessan kan xumuramu qabu jiraachu qaba. Namni biraa wanta isiniif malu akka isiniif kennu yoo abdattan, hanga Qiyaamaatti ni eegdu. (fakkeenyaf mataa keessanii tattaafachuu dhiistanii namni biraa hojii isiniif maluu akka isiniif kennu yoo eegdan, osoo homaa hin argatin yeroo dheeraaf turtu. Kanaafu, mataa keessanii tattafachuu fi kaayyoo mataa keessanii qabaachu qabdu.) Akkuma Mc. Arthur jedhe, “Wanti ilma namaa dulloomsu baay’inna waggoota duubatti dhiise osoo hin ta’in kaayyoo dhabuudha. Waggoonni gogaa suntursa, garuu kaayyoo dhabuun ruuhi3 ajjeesa.”
Yaaduun; ba’aa baadhachuudha, humnaa fi annisaa baasudha, adeemsa hawaa sammuuti. Akkuma adeemsa gochaa keessatti bareedinnaa fi fokkinna argitan, adeemsa sammuu keessattis odeefannoo gaddisisaa fi gammachiisaa ni argattu. Yaanni; addunyaa dhuunfaa nama tokko hanga addunyaa dhuunfaa nama dhiibbaa bal’isuu danda’a. Lugaa (qooqa) haarawa barachuun addunyaa isinin ala jiru guddistu. Yaada haarawa dagaagsudhaanis keesso keessan bal’isuu dandeessu.
3 Ruuhi-Spirit
Yaadun; bu’aa gaafii, xiyyeefannoo itti kennu fi wanta tokko jabeessanii qabachuuti. Namoonni kaayyoo hin qabne homattu xiyeefannoo hin kennan, homattu hin lakkaa’an, haajaa hin qaban. Maddi mirqaansu gara sochiitti isaan dabarsuun isaan hojjachiisu hin jiru. Amalli isaan hunda wal fakkessu warra qoosan ta’uudha. Nama qoosu yoo argitan qaruumman, ol’aantummaa fi qileensi isaa kan yeroo sanii isin hin dogongorsin. Sirritti isa ilaalaa: waggoota dhufan keessatti muka hiddi isaa ol buqqa’uun bubbee cimaa waliin garagalee deemuuf qophaa’e ta’ee isin fuunduratti baha.4
5. Fedhii Daangaa hin qabne
Nafseen ilma namaa akka maraattu fedhii guuttachu barbaaddi. Barbaachi kuni yoo hin too’atamin badii oomisha. Fokkinna salphinna namatti fiduu fi wanta waaqefatamutti jijjirama. Namni fedhii ofii waaqefatu, daangaa halaala fi wanta sirrii hin beeku. Nyaata dhugaati, muuziqaa, taphaa fi fedhii foonii isaa haala badaa ta’een itti lixa. Fedhiin daangaa hin qabne akkuma guyyaan darbuun beelaa fi daangaa darbuu dabala. Qalbii bineensa addunyaa liqimsuuf carraaqutti jijjira. Sammuu fi qalbiin fedhii barbaadu waliin hiidhamu. Osoo fedhii lubbuu barbaadu
4 (Mushrikoonni Makkaa Ergamaa Rabbiitti (SAW) qoosaa turan gaafa lola Badrii kukkufanii boollo gadi fagootti darbaman.)
namni ni gufata, ni xiqqeefama, ni salphata. Daangaa darbuun; yaaduuf carraa namaaf hin kennu. Sababni isaas, namni akkanaa waan badaatti yaadun gaddu dhiisee machaa’u filata. Nafsee teenyaaf hidhamaa ni taanaa?
Coraan5 ganamaa fi galgala hundaa qalbii nama cubbamaa ni hacuuca. Namni cubbamaan mana fincaani baarii6 kan inni wanta araada nama qabsiisu itti fudhate keessatti jiruu isaa dhaba. Kan biraa immoo dhayaa albee takkaatin jireenya isaa kenna yookiin immoo riqicha irraa utaalun of galaafata. Waggaatti maaliif Ameerikaa keessatti dargaggoonni kuma afurtamni of galaafatu? Kaayyoo ol’aanaaf namni uumame akkamitti dhuma akkanaa mirkaneessaa?
Duniyaan daangeefamtu fi xurii taate tuni haajaa qalbii qulqullu teessan irraa burqe ni guutti jettanii hin yaadinaa. Qalbiin teessan sanyii jaalalaa, yuniversi7 marsuu danda’u baadhatti. Qalbiin yunivarsii irra naanna’uun arguu fi abbaa itti ta’u barbaaddi. Coraan umrii waggaa miliyoona osoo itti fufeellee guyyaa tokko akka dhumatu beekutti of hin gahu, zalaalami jiraachu barbaada. Akkasi mitii? Namni mi’aa addunyaatin zalaalami nafsee isaa quubsu hin danda’u.
5 Coraa-miira gadi fagoo keessa namaa jiru, Ingiliffaan-Conscience
6 Baarii (Bar)-mana bunaa itti sirban
7 Samii, dachii fi wantoota isaan keessa jiran
Dhiirsaa fi niitiin yoo nafsee isaanii naamusa hin qabsiisin ijji isaanii gara ala mil’atti. Mi’aan addunyaa tanaa nafsee quubsuuf osoo hin ta’in, xiqqoo haajaa addunyaa guuttachuuf fi mi’aa qulqulluu jireenya zalaalami keessa jiru baruuf jecha sababa akka ta’uuf uumame. Dirqamni nurra jiru; haajaa dirqisiisaa keenya haala kabajama ta’een guuttachuudha. Wanti garmalee barbaachisaa ta’e immoo; mi’aa (pleasure) hojii keessatti, wal gargaaru keessatti, geengoo seera qabeessa keessatti fi wantoota dhokatoo argachuu keessatti itti fayyadamuudha. Kana milkaa’u dandeenya!
Guduunfaa
● Namni rakkoolee isaatti furmaata barbaadu dhiisee hadhaa rakkoolee irra deddeebi'uun itti xiyyeeffatu Waan guddaa yaadu hin danda'u. Rakkooleetti garmalee yaadun dhiphinna dabala. Dhiphinni dandeetti yaaduu dadhabsiisa. Dandeettin yaadu yoo dadhabee waan guddaa akka hin yaanne nama taasisa. Akka kanatti rakkoolee keessaa bahuu dhiisuu fi dhiphinni karaa "Waan Guddaa Yaadu" keessatti gufuu namatti ta'u.
● Yeroo hundaa wanta tokko haala walfakkaatu fi nama hifachiisuun hojjachuun Guddaa Yaadu irraa nama dhoowwa. Fkn, hojjataan mootummaa haala walfakkaatun guyyaa hundaa gara hojii deemee ni deebi'a. "Maal fooyyessu qaba? Akkamitti haala gaariin hojjachu danda'a?" jedhe yaadun jijjirama homaatu yoo hin agarsiisiin, waan gaarii fi guddaa yaadu hin danda'u. Wanti hifachiisaan inni guyyaa guyyaan hojjatu yaada isaa dugulcha. Olfageesse akka hin yaanne taasisa. Ammas barataan tooftaa haarawa ittiin qo'atu fi of-dagaagsu yoo hin barbaadin, waan guddaa yaadu hin danda'u.
● Hojiiwwan faaydaa hin qabneen of ko'oomsuun (biizi of gochuun) Waan Guddaa akka hin yaanne nama taasisa. Fkn, namni Tv yeroo hundaa ilaalu fi araadaan qabame waan guddaa yaaduu danda'aa?
● Namni kaayyoo hin qabne gara itti deemaa jiru waan hin beeknef Guddaa yaadun isatti ulfaata.
● Namni fedhii isaa guuttachuu keessatti daangaa darbu sammuu fi qalbiin isaa waan hidhamaniif carraa guddaa yaadu hin argatu. Kanaafu, namni waan guddaa yaaduu fi milkaa’u barbaadu, fedhii guuttachuu keessatti daangaa darbu hin qabu. Fedhiin kan akka nyaataa dhugaati, fedhii fooni fi kkf dha.
34
C) Guddaa Yaaduu Dagaagsuuf
Yaada keessan bilisoomsuuf naannoo keessan akka addaatti (alagaatti) ilaalu, gaafiwwan itti fufoo gaafachu, potenshiyaalii keessanii fi wanta qabdan hubachuu, fi kaayyoo keessan olfageessu qabdu. Amma wantoota ijoo kanniin haa ilaallu:
1. Akka Addaatti Ilaalu
Osoo gara Maarsi ykn ji’aa deemtanii, akkuma naannawa keessan akka addaatti ilaaltan, hanga duutanitti addunyaas akkasitti ilaalaa. New Yorkin keessa akka addaatti ilaalun keessa deeme. Sababa kanaan, halluu karaalee magaalatti tana keessatti argee yaadachuu nan danda’a.
Yeroo ijoollummaa haala mataa naannessuun hatamtamaan barachaa turre. Guyyaa hundaa meeshaa haarawa, qalama haarawa sammuu keenya keessatti qabachuun wanta ajaa’ibaa ture. Miilaan deemu barachuun doktoreetti akka barachuutti barbaachisaa ture. Dubbii barachuun akka doktoreetti lama barachuutti barbaachisaa ture. Hanga umrii saalfannaa geenyutti sammuun keenya akka kompiyutaraatti hojjataa ture.
Garuu umriin keenya ni dabale, wantoota barannetti quufuun boonaan haguuggamne. Akka waan wanta hundaa beeknetti yaadu jalqabne. ‘Gaheessummaa irra geenye, bilchoofne,’ jennee of tulle. Of tuuluun kuni naannawa keenya akka hin beekne dukkana nutti ta’e. Mataa keenya beekaa akka taanetti yaaduun wallaaltotatti akka hin jijjiramne. Iccitiin gamnummaa kana: yeroma beekumsaaf dheebochuun keenya nutti dhagahamee, barachuun keenya itti fufa.
Iccitiwwan nama mirqaansan; wanta beekne jidduu, duubaa fi naannawaa irra fiigu. Beekumsi naannoo keenya jiru akka cabbii gaara gahu irraa cabbii qal’oo citeeti. Haala gahaa ta’een beekne jennee yaaduun wanta beeknetti quufudha, barachuu dhiisudha. Sirrii mitii?
Haala haarawaan mataa keenya haa ibsinu, beekumsaaf beela’uu irraa kan ka’e akka bineensa beela’ee haa taanu. Copha hunda keessatti, abaaboo hunda keessatti, ilbiisaa hunda keessatti beekumsa dhokate haa barbaannu. Kunoo kuni wanta ajaa’ibaati.
Fuula dachii irratti uumamtoonni addaa nuhi. Ijoollee Aadamii fi Hawwaa Jannata irraa ergamaniiti. Dhiyootti addunyaan teenya ni baddi, abbooti keenya waliin Aakhiratti ni kaafamna. Jireenya daangaa hin qabne kana keessatti qalbii teenya beekumsaan gabbisuu dandeenya.
2. Haala itti fufaa ta’een gaafilee gaafachu Xiyyeefanno keessan as kennaa: Yaaduun gaafachuudha; qulqullinni gaafilee keessanii qulqullinna yaadota keessanii calanqisiisa. Gaafachuun bosonaa dukkanaa’a hin ciramne keessaan karaa baasudha. Deebiiwwan keessan gaafileewwan keessan waliin argattu.
Gaafin walakkaa deebiti. Akkuma baay’istanii gaafattaniin akkuma san baay’istanii beektan. Beekumsi gaafi keessaniif deebii hin taane; beekumsa yeroo barbaachisuutti yaadachuu hin dandeenyee fi yeroo barbaaddanitti itti fayyadamuu hin dandeenyedha. Beekumsi jireenya keessan baraaru danda’u beekumsa ija keessan fuunduraan shubbisaa darbuudha. Beekumsi gaafilee keessanif deebii hin taane, wantoota arguu hin dandeenye waliin badee deema.
Shaakalliin seminaara keessatti goone gaafiileen waan dhiyaataniif seeminaarri ulfaata ta’uu agarsiise. Sammuu keenya haala quubsaan yoo hin jajjabeessin, gaafachuun keenya ni ulfaata. Sammuun akkuma barsiifamuun, sirritti yaada, gaafilee ulfaatoo oomisha. Saayinsiin bu’aa carraaqqi gaafileef furmaata barbaaduti.
Isin gaafilee fi rakkoolee ibsaa; furmaata barbaadaa. Sababoonni, bu’aaleen, hariiroon, wal fakkeenyonni, garaagarummaan, dhugaan, gamni gaariin, gamni badaan isaa maaliidhaa? Akkamitti ilaaltuu? Atomiin maalidhaa? Wanti akkamitti argama? Gammachuun maali? Sammuun namoota qaruutee maalin adda ta’aa? Bu’aa ajaa’iba argitu.
Gaafilee keessaniif deebii yommuu barbaaddan, ilaalcha keessan jijjiraa, itti dhiyeenya (approach) adda addaa qabachuuf carraaqaa. Rakkoon hundu furmaata tokko ol qaba, taaten hundu hiikaa fi bu’aa tokkoo ol qaba.
Gaafi “1 si’a lama irraa bu’aa meeqatu baafamu danda’aa?” jedhu ilaalcha herreegaatin yoo ilaaltan, deebi “2, 1, 0, -2,
11” jedhu kennu dandeessu. (1x1=1; 1+1=2;-1-1=-2; 1-1=0;
11)
3. Poteenshiyaali keenya Hubachuu
Wanti hojjattanii dabarsitan; wanta gara fuunduraatti hojjachuu dandeessan caalaa xiqqaadha. Wanta yeroo darbe hojjattan qofatti yoo xiyyeefattan bal’inna yaada keessanii ni dhiphistu, mataa keessan yaada dhiphaa keessatti of hiitu. Hojii keessan guddisuu yoo barbaaddan ammaa amma wantoota gara fuunduraatti hojjachuu dandeessanitti xiyyeeffadhaa.
Ammatti hojjachuu kan hin dandeenye osoo taatanillee hanqinna kanatti lixuun (‘hojjachuu hin danda’u’ jechuun) fuundura keessan booji’ama (hidhamaa) hin godhinaa. Namni “wanta tokko hojjachuu nan danda’a” jedhee wanta sanitti xiyyeeffate, dandeetti haarawa dagaagsa (guddisa).
Nan yaadadha, mana barnoota sadarkaa 1ffaatti barnoota “Bareechisanii dubbachuu fi barreessu” tiin kufee lamu qorame. Namni akka kiyyaa dandeettin dubbii fi barreessu isaa dadhabaa ta’e kuni barreessaa ta’uu danda’aa?
Mana barnoota sadarkaa 1ffaa yommuu xumuru barnoota kiyya itti fufuu akka hin dandeenye namoonni ni himan. Cabiinsa hamilee waliin mucaa furmaata barbaadu ta’uun gootummaadhaan barreessaa ta’uuf murteesse. Kaayyoo kiyya dura-taa’aa mana barnootaa kiyyatti yommuu himu “Eeyyen barreessaa ta’uu dandeessa. Barreessaa mana barnoota sadarkaa 1ffaa Yasar Kemal irraa kan eebbifamee, addunyarratti kan beekkame.” Jedhe. Mirqaansu ajaa’ibaatiin haguuggamuun ganda kiyya keessatti, kutaa kiyya kan hantuunni keessa naannofti keessatti afoola jalqabaa kiyya barreesse.
Barreessa ta’uu baadhus gara fuunduraatti barreessaa akka ta’u nan yaade. Yommuu mana barnoota sadarkaa 2ffaa gahu, barreefamni kiyya babal’ifamuu jalqabe. Yommuu yuniversitii seenu wantoonni barreesse ummata bal’aa ni gahe. Tarii har’a barreessaa garmalee gaarii ta’uu dhiisu danda’a, maaltu gargar godhaa? Dirqamni nurra jiru, karaa galma ittiin geenyu keessatti hanga hafuura dhumaatti battisuu itti fufuudha.
Shofeera yoo hin ta’in, shofeera ta’uu hin dandeessanii? Wanta daran gaarii ta’een warri milkaa’e, wanta daran gaarii ta’ee barbaadun jiraatan.
Seenaa Ali isinitti haa himu. Bara 1989 keessa Yuniversitii Gaazi seenuuf carraa argate. Fedhiin qorannoo namummaa qorachuu isatti dhagayame. Mata duree kanarratti tooftaa addaa dagaagse, “Warra karaa irra deeman akkaataa isaan namatti mul’atan (appearance) isaanii ilaalun namummaa isaanii tilmaamu nan danda’a.” jedhe. Wantoota inni hime mirqaansun nan dhageefadhe.
Yuniversitii Kaambirijiitti xalayaa barreessuun wantoota hojjate itti hime. Kaambirijis wanta inni barreesse ni ajaa’ibsifate. Isaaf carraa barnootaa (scholarship) kennuun yuniversititti fudhate. Alin gara Ingiliz deemuuf qophaa’aa ture.
Qayyabannaan keessan dadhabaa ta’uu danda’a, garuu jabeessu dandeessu. Dubbiin keessan caccabaa ta’uu danda’a, garuu dagaagsu ni dandeessu. Dabeessa ta’uu dandeessu, gootummaa argachuu ni dandeessu. Yeroon keessan akkanumatti qullaa gubachuu danda’a, jireenya keessan too’achuu dandeessu. Yaada garmalee barbaachisaa ta’e: Hanqinna keessan irratti xiyyeefachuun ‘hojjachuu hin danda’u’ hin jedhinaa, potenshiyaali (dandeetti) keessan ilaalun ‘hojjachuu nan danda’a’ jedhaa. Hubannaan keessan haa bal’atu.
4. Wanta Qabnu Hubachuu
Yeroo baay’ee dandeetti dhuunfaa keenya irratti hundaa’e wanti qabnu daangefamaadha. Daangaalee diinagdee, hawaasummaa, siyaasaa fi naannoo keessa jiraanna.
Hojii haarawatti seenu yommuu barbaaddan maallaqatti, naannootti, carraa fi meeshaaleetti hajamtu. Yommuu of qorattan qabeenya dhabuun ija keessan fuundurratti baha. Isin hiyyeessa ykn maallaqa miliyoona hin qabdan. Eenyullee hin qabdan. Isin gargaaruun hojiitti kan isin seensisu barbaaddu, garuu bakka bu’aan ummata isin beektan tokkollee hin jiru. Hin jiru, in jiru, hin jiru, hin jiru! Akkasii?
Yommuu dhalannu maal qabnaa turree? Wanta ammaa fi yeroo darbe qabnu caalaa inni barbaachisaa ta’e; wanta gara fuunduraatti qabnuudha. Wanta yeroo darbe dhabneen haguuggamu irraa yoo baraaramne, milkaa’inna gara- fuunduraatti dhufutti xiyyeefachuu dandeenya.
Duraan hiyyeeyi turre, amma akkasi miti. Duraan kompiyutara hin fayyadamnu turre, amma sirritti fayyadamna. Duraan biqiltu akka taatanitti ilaalun gara fuunduraatti muka akka hin taanetti hin yaadinaa.
Isin maallaqa hin qabdanii sila? Sababa kanaan invest gochuu hin dandeessanii? Dargaggeessa baanki keessa hojjatu maqaan isaa Yalchin jedhamu tokko nan yaadadhaa. Hojjata mootummaa hiyyeessa ta’ee osoo jiru sababa yaada haarawa argateen takkamaan warra baanki gurguddaa irraa ta’e. Yommuu dureeyyi waliin wal qunnamu dogongora hojjate. Abbaan Qadaraa carraa isaaf kenne irraa fudhate. (Namni kuni ni ajjeefame.)
Kitaaba isaa baay’innaan gurgume keessatti Napoleon Hill seenaa Dr.Gunsaulus ni dubbata.8 Gunsaulus waggaa lama guutuu yuniversitii tokko banuuf sammuu isaa keessatti yaade. Kanaaf, dolaara miliyoonatti lakkaawamu isa barbaachisa. Waggaa lama guutuu itti yaade. Garuu yaada guddaa gochatti isa dabarsu argachuu hin dandeenye. Guyyaa tokko murtii jala muraa ni murteesse: “Maallaqa barbaachisu torbaan tokko keessatti argachuun qaba.” jedhe. Gaazexaa barbaaduun mata-duree “Dolaara miliyoona tokko osoo qabaadhe, maal hojjachaan turee?” jedhu irratti wal gahii akka qopheessu beeksise.
Wal gahii irratti dubbii isaa ni fixa. Akkuma taa’een namtichi tokko isatti dhiyaachuun, “Maqaan kiyya Filip Armour jedhama. Boru ganama biiroo kiyya koottu. Maallaqa barbaaddu siif kenna.” jedheen. Dubbii kanaan booda, ‘Dhaabbanni Teknoloji Armout’ jedhamu ni hundeefame.
Tarii naannoon keessan dhugumatti isin gufachiisu danda’a, garuu zalaalamii naannoo san keessa hin jiraattan. Akkasumas, naannoo ulfaataa keessatti wanti hojjattan, naannoo mijaa’a keessatti gara madda annisaatti jijjiramu
danda’a.
Wanti isin facaastan ni haammama. Aliya Izzetbegovich waggoota baay’ee mana hidhaa keessatti dabarse, garuu eenyullee hogganaa Bosnia-Herzegovina ta’uu irraa isa hin dhoowwine. Ingilizoonni Gaandi meeshaa waraanaa osoo hin qabaatin Hindiif bilisummaa barbaadu dhaabu hin dandeenye. Yoo barbaaddan diiguuf, yoo barbaaddan hojjachuuf daandiitti bahaa, karaa itti baatan keessa akka deemtan taasifamtu.9
Naannoo keenya irraa si’a kumaatama, ajaja “Hin hojjatin, Hojjachuu hin dandeessu” jedhu fudhanne. Yeroo baay’ee xiqqeefamne, gootummaan keenya ni cabe. Isin akka Jonathan osoo taatanii hiriyoonni keessan gantummaan isin yakkuu danda’u.
5. Kaayyoo keessan olfageessuu
Kana xiyyeefanno itti kennaa: namni hunduu kaayyoo isaa ilaalchisee yaada. Warroonni kaayyoon isaanii guddaa ta’ee yaanni isaanis guddaadha.
9 (Namni diiguuf ykn balleessuuf osoo hin ta’in, ijaaruu fi hojjachuuf daandiitti bahuu qaba. Wanti barreessan asitti jechuu barbaade, karaa filattan keessa ni oofamtu. Qur’aana keessatti: Namni kennee fi Rabbiin sodaate, ergasii Islaamummaatti amane, [karaa] laafinnaa (gaarii) isaaf laaffisna. Namni doy’oomee fi of-gahee, Islaamummaa sobsiise immoo [karaa] ulfaatinnaa (dararaa) isaaf laaffisna.” Suuratu Al-Layl 5-10 )
Kaayyoon keessan wanta waggoota baay’eef guyyaa hundaa yaadattaniidha. Wanti isin amma yaaddanii waggoota dhufan keessa yoo itti hin yaadin suni kaayyoo keessan ta’uu hin danda’u. Har’a hanga galgalaatti maal yaaddan? Kaayyoon olfagoon kaayyoo waggoota keessan hojiin guutuuf haqa godhateedha. Daawwachuu yoo barbaaddan, daarii galaanaa Antaaliyaa qofa hin yaadinaa. Piraamidin Misir, bosonni Amaazon, paarkonni Afrika isin eegu.
Ameerikaa keessatti hojjattoota mootummaa keessaa umrii afurtamaan booda namni hojii jabaa oomishuu hangas mara hin jiru.
Yommuu yuniversitii jalqabu kaayyoon kiyya guddaan barumsa fixuu fi hojii tokko seenu ture. Gaafa tokko haasawa sheekha tokko dhageefadhe: “Dargaggoonni keenya mastarsii fi doktoreetti hojjachuu qabu. Sammuu baratetti baay’ee hajamna.” jedhe. Anis nan mirqaane, kaayyoo kiyya nan guddise. Hojii akkadaami kiyyaaf dubbii gaafa saniitu kakka’uumsa naaf ta’e.
Jireenya jalaa ol jalqabuu dandeessu, garuu yoo achitti eegdan bakka san bartee godhattu (kana jechuun, jireenya jalarraa jalqabdanii gara olii olbahuuf yoo hin carraaqin, jaluma san turtu). Jireenya gadi aantummaa nuffiin guuttame keessatti gootummaa keessan ni balleessitu. Riskii (balaa) fi kaayyoo gurguddaa irraa ni sodaattu. Maaliif akka harraagessaa fiixee irraa balali’uu hin jalqabnee? Yookiin immoo akka Jonaatani sinbirroo galaana ta’uun taphate; gubbaa ol’aanu balali’uuf hin kaayyefannee? Garuu kuni osoo daangaa ofii hin beekin mataa ofii ol-guddisanii namoota biroo gowwoomsudhaan hin ta’u. Milkaa’inni hundu gatii kafalamu barbaada. Gara sochiitti darbuu qabdu. Kaayyoowwan gurguddaa argachuuf hanga boruutti yoo eegdan barfachuu dandeessu. Boru biiftuu ganamaa kan hin arginee ta’uu dandeessu. Jireenyi teessan ariitiin dhumataa waan jirtuuf kaayyoo murteeffachuuf ariifachuu qabdu. Mukni isin dhaabdan guddatee firii kennuuf; yeroo waan fudhatuuf ariifachuu qabdu.10 Isin kabajamoodha!
Isin guddaa ta’uuf namoonni biroo xixxiqaa ta’uun hin barbaachisu. Boqonnaa (hara galfachuu) dhiisu hin qabdan, kaayyoowwan gaggaarii keessatti mataa keessan waliin dorgomuu qabdu.
Kaayyoon guddaan kaayyoo xiqqaa caalaa sammuu keessan hin dadhabsiisu. Akka hojii yaadaatti, hojiiwwan gurguddaan hojiiwwan xixxiqaa caalaa salphaadha; sababni isaas hojiwwan gurguddoon daran nama bashannansiisu, daran nama mirqaansu. Guyyatti namni karaalee maski qarshii dhibbaa ittiin gurguruuf yaadu, guyyaatti nama karaalee konkolaataa qarshii kuma dhibbaa saddeet baasu ittiin gurguruuf yaadu caalaa dadhaba. Kaayyowwan xixxiqaan nama hin mirqaansan, dandeetti keessan daandi’eessu. Hojiin nutti ulfaatu hojii guddaa osoo hin ta’in hojii akkamitti akka hojjannu hin beeknedha.
Yaada guddaa, kaayyowwan maallaqa caalaa gatii ol’aanaa qabanitti qajeelchu dandeenya: addunyaa daaw’achuun, aadaa beekun, amantiin
10 (Yeroo dheeraa booda firii argachuuf akkuma muka dhaabutti fiigdan, kaayyoo keessan murteessuttis fiigu qabdu. Akkuma mukni yeroo dheeraa booda firii kennu, kaayyoon keessanis yeroo dheeraa booda firi kenna. Yoo isin har’a muka hin dhaabin, boru firii isaa hin argattan. Akkuma kana, yoo isin har’a kaayyoo keessan hin murteessin, boru bu’aa homaatu hin argitan. Kanaafu, kaayyoo keessan har’a boru osoo hin jedhin ammuma murteeffadhaa.)
namootaa qulqulluu akka ta’uu tajaajiluu fi Khaaliqa Olta’aa beekuun hawwii warra guddaa yaadaniiti. Sirrii mitii?
Yeroo baay’ee hojiiwwan gurguddaa hojiiwwan xixxiqaa irraa jalqabna. Namni hojii isaa guddaaf tattaafachuu hin dhiisne, yeroo dhiyoottis ta’i yeroo fagootti hojii guddaa irra gaha. Abbaa humnaa (powerful) ta’uun bu’aa guddaa irra gahuu osoo hin ta’in, wanta guddaa yaadu, wanti guddaan namatti dhagahamuu fi amala guddaa agarsiisudha.11
Ni dubbistu, ni dhageeffattu, ni dinqisiifattu, ni barattu, ni gaafattu, ni barbaaddu, isin nama ajaa’ibaati sababni isaas guddaa yaaddu. Garuu isin nama mirqaanuu fi waa danda’uu?
Imala guddaa yaadu danda’uuf si’aa’inna isin barbaachisa. Sababa si’aa’inna kutaa itti aanu keessatti dubbatamuun akka magneetti dhiibbaa kan uumuu ta’uu dandeessu.
11 (Seenaa Rasuulaa (SAW) yeroo makkaan keessa turee yaadadha. Gaafa tokko Qureeshonni gara Abu Xaalibitti dhufanii akkana jedhaniin: Ilmi obboleessa keetii kuni iddoo walitti qabamnuu fi Masjiida keenya keessatti azaa nu godhee jira. Kanaafuu, isa nurraa dhoowwi. Abu Xaalibis ni jedhe: Ilmaan abbeerota keetii kunniin iddoo isaan walitti qabamanii fi masjida isaanii keessatti akka azaa gootu odeessu. Isaan azaa godhuu dhiisi.” Nabiyyiinis (SAW) gara samii ijaan ol laaluun akkana jedhe, “Aduu tana argitanii?” Isaanis ni jedhan, “Eeyyen.” Nabiyyiinis ni jedhan, “Osoo aduu tana irraa laboobaa qabsiiftaniyyuu da’waa kana isinirraa dhiisuu hin danda’u.” Gabaasa biraa keessatti, “Yaa abbeeraa koo! Rabbiin kakadhee, dhimma kana akka dhiisuuf osoo aduu harka mirgaa kiyya irra, ji’a immoo harka bitaa kiyya irra kaa’anii, hanga Rabbiin ifa baasutti dhimma kana hin dhiisu.” Abu Xaalibis ni jedhe: Ilmi obboleessa kiyyaa gonkumaa hin kijibne. Kanaafuu haala gaarii ta’een deebi’aa.”)
Guduunfaa
Waan Guddaa Yaaduuf:
● Akka Addaatti waa ilaalaa, akkuma wanta hin beekne akka addaatti ilaaltaniin, wanta san baruuf garmalee carraaqxu. Kuni beekumsaaf karaa isiniif bana.
● Haala itti fufaan gaafilee sirrii gaafadhaa. Akkuma wanta hin beekne gaafattanii fi qorattaniin, balballi waan guddaa yaadu isiniif banama. Qur’aana keessatti, “Yoo hin beekin, warraa beekumsa qaban gaafadhaa.” Al-Qur’aan 21:7
● Wantoota gara fuunduraatti hojjachuu dandeessan qoradhaa, itti xiyyeefadhaa. Akkuma “Kana hojjachuu nan danda’a” jettaniin waan guddaa yaadu jalqabdu. Namni “wanta tokko hojjachuu nan danda’a” jedhee wanta sanitti xiyyeeffate, dandeetti haarawa dagaagsa (guddisa).
● Carraa argattanii fi wanta qabdanitti fayyadamuun dandeetti yaadu keessan dagaagsu dandeessu. Pireezadanti Ameerika kan ture, Theodore Roosevelt akkana jedha: “Do what you can, with what you have, where you are. (Bakka jirtutti, wanta qabduun, wanta dandeessu hojjadhu.)”
● Kaayyoo guddaa kaayyeffadhaa. Warroonni kaayyoon isaanii guddaa ta’ee yaanni isaaniis guddaadha.
Barbaachisummaa Waan Guddaa Yaaduu
● Hubannoon yaadudhaan jalqaba
●Yaada waliin guddatan (Akkuma olfageessitanii yaaddaniin sadarkaa ol'aanaa irra geessu.)
● Yaadudhaan wanta gara fuunduraatti hojjachuu feenu boca, amalaa fi bifa isaa sammuu keessatti kaasna. (Kuni cimne akka hojjannu nu taasisa.)
Gufuwwwan Waan Guddaa Yaaduu irraa nama dhoowwan
● Rakkoolee fi dhiphinna keessaa bahuu dhiisu
● Wanta tokko aadaa godhachuu
● Wantoota faayda homaatu hin qabneen biizi ta'uu (ko'oomu)
● Kaayyoo dhabuu
● Fedhii guuttachuu keessatti daangaa darbuu
Karaalee "Waan Guddaa Yaadu" itti dagaagsan ● Akka addaatti waa ilaaluu
● Haala itti fufaa ta'een gaafilee sirrii gaafachuu
● Dandeetti keenya hubachuu
● Wanta qabnu hubachuun itti fayyadamu
● Kaayyowwan keenya ol-fageessu
Tarkaanfi 2ffaa: Si’aa’inna Jabeessu
Itti Fufuuf yommuu kitaabichi gabayaa irra oolu kitaabicha bitaa….
Yookiin kitaabichi hatamtamaan argachuu yoo barbaaddan akka maxxanfamuuf gumaacha gochuu dandeessu.
Baank Account: 1000378272867 (Jibril Abdela Ismael) Commercial Bank of Ethiopia (CBE)-Nigd Bank Nagahee (Risiiti) Telegraamin ykn Whatsappin erguu dandeessu: +905070617609
Yoo mobile banking fayyadamtan screen shot erguu dandeessu.
Salahaddin Al Ayyuubii
Salahaddin Al Ayyuubii
Gabaabinnaan gara Afaan Oromootti By Jireenya Badhaatu (J.A)
https://sammubani.wordpress.com/
http://www.facebook.com/jireenyabadhaatu
Salah Ad-Din saba Kurdii irraa kan dhalateedha. Maatiin isaa gosa Kurdii beekamtu Ar-Rawadiya jedhamturraayi. Gosti tuni ganda Dewin jedhamtu biyya Azerbejan keessa jiraata turteedha. Ab- baan Salah Ad-Din, Ayyub ibn Shazi ganda tanatti dhalate.
Salah Ad-Din bara 532A.H.(1137C.E) mooraa(dallaa) ganda durii Bagdaaditti dhihaattu kan Tikrit jedhamtuti dhalateedha.
Guyyaa Tikriti irraa gara Mosul baqachuu hedan kana, mucaan haaroftii Ayyubiif gara addunyaa dhufe. Ayyuubi cinqamee mucaa haarawa dhalate kana akkamitti fuudhe gara Mosul deeman, sab- aba booyicha isaattin rakkoon nu tuquu dandeessi jedhe garmalee yaaddawe. Ajjeesufis yaade.
Namtichi tokko akkana jedhe akkeekachiise” Abbo Mucaa haarawa dhalateef hin yaaddawin, inni homaa kan hin beeknedha. Kuni Murtii Rabbiiti. Mee akkamitti beekta yookaa fuunduratti mootii fi nama amala gaarii qabu ta’uu danda’a? Ka- naafu sirritti kunuunsi, yaaddo kee hoomaa kan hin beekne waan ta’eef.” jechoonni kunniin Ayubiin irratti dhiibaa guddaa uuman. Achiin booda tasgabba’e.
GUDDINA
Ayyubi fi Shirkuun erga Bagdaadin gadii furanii gara Mosul baqatan. Bulchaan Mosul Imad Ad-Din Zanki
1 magaalaa kaaba Iraaqiiti argamtu, 400km Bagdaadirra fagaatti jedhamu haala gaariin isaan qeebale(simate). Lafa kennefi hoogganaa loltootas isaan godhe. Sab- abni arjumaa kanaa yeroo Ayyubi fi Shirkun komaandarii Tikrit turan, İmad Ad-Din Zanki Seljuk waliin wal lole. Dirree waraanatti erga injifatameen booda Ayyubi2 fi Shirkuun qabame. Filannoon jiruu yookaa ajjeesu yookin hidhuu ture. Ayyub garaa laafefi Imad Ad-Din Zanki kana gadi fure.
Sababa kanaan bulchaan kunis isaanif arjoome.
Yeroo Imad Ad-Din Zanki bakka Ba’albak jedhamtu bara 534 A.H qabatu, Ayyubiin bulchaa godhe muude.
Mucaan Ayyub, Salah Ad-Din kutaa ijoollummaa isaa Ba’albak itti dabarsee. Farda gulufsiisu, wa- raanaf leenji’uu, siyaasa fi bulchiinsa shaakalu asitti barate.
Yeroo ilmi Imad Ad-Din Zanki, Nur Damaasqo qabatu bara 1154C.E. Salah Ad-Din yeroo isaa mu- raasa asitti dabarsee. Magaala tanatti gootumma fi irreen isaa guutamte. Nama amala gaarii qabuu, tasgaba’aa fi gara laafa ta’uun beekamu jalqabe.
Yeroo Nur Ad-Din (ilmi Imad Ad-Din Zanki) Damasqoo bulchuu Salah Ad-Din itti gaafatamaa polisi Damaasqo ta’uun muudame(shuumame). Yeroo kanatti Salâh Ad-Din yakkoota, malaamal- tummaa, hannaa fi kkf qulqullessu jalqabe. Hawaasni bulchiinsa isaa jalatti tasgabbii fi nageenyan buluu eegale.
Yeroon inni İjibtitti(Misiri) dabarsee yeroo barbaachisa gootummaa fi muxanno loltummaa itti uummatedha.
Gabaabsuuf, Salah Ad-Din umrii isaa ganamaa, waggaa kurnan(decade) 2ffaa fi 3ffaa dargagum- maa keessatti amala baay’ee gaarii fi qulqillina ol’aanaan kan guddifame ture. Dandeetti lol- tummaa, aadaa, fedhii gadi fagoo Islaamummaa, barnoota fi dinagdee horachuu saahibummaa inni moototaa fi bulchiitoota waliin uumen argate. Kuni amala addaa, baay’ee gaarii yaa’insa seenaa jij- jire uumef.
BARNOOTA
Akkuma irranatti jenne Salah Ad-Din umrii duraa isaa Ba’albak itti dabarse. Iddoon barnoota isaa magaalaa tokkorra gara magaalaa biraatti jijjiramaa ture. Akkamitti akka dubbisanii fi barreessan, Qur’aan haffazu fi ser-lugaa Afaan Arabaa baratee jira.
Salah Ad-Din Hadiisas beektota garagaa irraa baratee jira.
Salah Ad-Din dandeetti farda gulufsiisu, dhandhollo darbuu, adamsuu fi aartii loltuu garmalee qabaa ture. Sababni isaas naannoo inni itti guddate kuni dandeettiwwan kanaan kan badhaadhedha.
Akka guddunfaatti, Salah Ad-Din muxannoo siyaasaa fi hogganummaa kan qabu, loltu leenji’e fi aalima(beekaa) guddaa ture. Shaampiyona(champion) dirree lolaa Hattin ta’uu, sodaa onnee Qaxxaamurtoota(Crusaders) keessatti darbuu, Baha Dhihaa beekamaa ta’uu, fakkeenya gaarii dha- loota funduraaf kaa’u, fi seenaa keessatti akka galmaa’uf akka waan qadaan(destiny) isa bar- baaddetti.
2 Maqaan guutu abbaa Salâh Ad-Din, Najm Ad-Din Ayyubi ibn Shazi jedhamaa ture. Akka sirritti hubatamuuf Ayyubi qofa asitti fayyadame.
A.H. -After Hijra
How impossible for mothers to give birth to another like Salah Ad-Din with his zeal and bravery, the defence of stronghold of Islam and the land of prophets (Jerusalem).
Salah Ad-Din odoo Ijibtiin hin seenin duratti sirna Faatimid jedhamuun bulaa turte. Yeroo sirna mootummaa kana keessatti finciltoonni garagaraa finciluu jalqaban. Gara alaatillee Qaxxaamur- toonni (Crusaders) Jerusaalami fi naannawa ishii jiran dhiibbaa guddaa Ijibtiin irratti uumaa tu- ran. Mootumaa Faatimid kana hundaa too’achuu dadhabe.
Mootin Damaasqoo jiru Nur Ad-Din fi mootiin Jerusalem Frankish Crusader Almarik(Arabiffaan Al-Amuri) xiyyeeffannoo guddaa İjibtitti kennan. Lachuu angoo ofii jabessuuf karaa Ijibtiin itti qabatan barbaadu. Mootiin Nur Ad-Din fi Almarik jidduu Ijibtiin qabachuuf qabsoon sadarkaa lama erga adeemsifameen booda, dhumarraatti Nur Ad-Din Ijibtiin too’ate. Qabsoo kanniin kana keessatti Salâh Ad-Din fi abbeeran isaa Shirkuh hirmaatanii turan.
Kaliifa mootummaa Faatimid, Al-Adid kan jedhamuun Ijibtiin keessatti qondaala mootummaa(vi- zier) godhun Salah Ad-Dinin muude. Umriin salah Ad-Din yeroo vizier ta’uu waggaa 32 turee.Sala- haddin, Nur Ad-Din fi abbeeran isaa Shirkuu waliin muxannoo waraana baay’ee gabbiifamate.
Salah Ad-Din hawaasa ijibtii karaa adda addaattin isaan quubsu yaale. Akka bulchiitoota naannoo garagaraa waliin ta’anii isatti hin fincille, haawasa ijibtiitti qarshii itti roobsu fi gara laafummaan
isaan kunuunse. Kanarraa kan ka’ee hawaasni isatti dhihaatu fi garmalee jaalachu eegale.
Dabalataanis, injifannoon Firaankota irratti, bilisummaa Damiyet, Gaza fi Aqabah maqaa fi sa- darka isaatif gumaacha guddaa godhan. Salah Ad-Din magaalota kanninii fi qubannaa dooni Aqa- bah bilisoomse. Karaa Aqabaa kanaan ummanni İjibtii hajjiif gara Makkaa deemaa turan. Injifan- noon guddaan kunii fi eegumsi karaa hajjaajota ,jaalalaf ofitti amanamummaa isaa fi ummata
ijibtii jidduutti akka uumamuuf sababa guddaa ta’eera. Kana irraa kan ka’ee ummanni Ijibti garee Shi’aa lakkiisuun gara Sunniitti deebi’aniru. Salah Ad-Din waliin ta’uun diina(aduwwii) Rabbiiti fi isaani loluuf qophaa’an.
Bulchiitonni isaa gadii wanta inni hojjatu kana kan hin jaalanne achii isa buqqisuuf shira adda ad- daa dhahuu jalqaban. Shiroota gurgudda keessaa mee kanniin haa ilaallu.
SHIRA NAJAH BARA 564 A.H
Kormii Najah jedhamuu masara mootii Al-Adid3 keessatti garee Ijibtoota garii(muraasa) waliin gurmaa’unii fi Firank waliin saahiba ta’uun Salah Ad-Din itti finciluu barbaade. Kormii kunii Qaxxaamurtootaf gara ijibtii dhufanii Salâh Ad-Din achii akka buqqisaniif ergaa erge. Ergaa erga barreessen booda kophee haarawa keessa kaa’un akka Firaankitti geessuf namticha tokkotti kenne. Haa ta’uu malee kopheen namoota Salâh Ad-Din waliin gurmaa’an keessaa nama harka tokko keessa gale. Namtichi kophee fi ergaa kormichi firaanki barreesse Salah Ad-Din itti fide. Salah Ad- din akka hordoftoonni fi deeggartoonni Najah issatti hin fincilleef, adabbii Najah tursiise. Yeroo fi bakka murteessef.
Gaafa Najahan gara masara mootumma isaa Kaayiron alatti argamutti adeemu, Salah Ad-Din garee loltootaa erge akka ajjeessan ajaje. Kana irraa kan ka’ee loltoonni Suudaan 450,000 ta’an gadoo
baafachuuf Salah Ad-Din itti olka’an. Lolli loltoota Sudaani fi Salah Ad-Din jiddutti adeemsiifame guyyaa lamaaf ture. Dhumarratti Salâh Ad-Din moo’ate isaani fi Najah irraa bilisa ta’e. Haa ta’uu malee jarreen qofa osoo hin ta’iin bulchitoonni Faatimid bakka adda addaa jiran shira ibiddaa itti qabsiisa
3 Kalifa Sirna Faatimid isa dhumaa
SHIRA IMARAH AL- YAMANII
Kunis akkuma duraa deegartoota Kaayiroo keessatti walii qabee, Salâh Ad-Din buqqiise sirna Faatimid deebisuu barbaade. Ergaa Frankif erge. Haa ta’uu malee Salah Ad-Din shira isaanii mootumma haala gaariin ijjaarrama jiruu kana diiguf shiran kana yerooma san baree isaan hundumaa walitti qabee ajjeesse, fakkeenya namoota birootif akka ta’aniif. Shirri kuni bara 569 A. H adeemsiifame Faatimid deebisuu barbaade. Ergaa Frankif erge. Haa ta’uu malee Salah Ad-Din shira isaanii moo- tumma haala gaariin ijjaarrama jiruu kana diiguf shiran kana yerooma san baree isaan hundumaa walitti qabee ajjeesse, fakkeenya namoota birootif akka ta’aniif. Shirri kuni bara 569 A. H adeemsiifame.
SHIRA KANZ AD-DAWLAH
Shirri kuni bara 570A.H. Aswan fi Qus itti adeemsiifame. Bara 570A.H. bulchaan Aswan, Kanz Ad- Dawlah sirna Faatimid deebisuuf Araboota fi Sudaanota walitti guure gara Kaayiroo qajeele.
Kaayyoo kana galmaan gahuf horii baay’ee gadi naqee. Gareen biraa isa waliin gurmaa’ee Prin- soota(bulchoota) Salah Ad-Din jala jiranii kudhan ajjeessan.
Namtichi Qiyas İbni shaadi jedhamu ganda Tud irraa Qus weraree qabeenya magaalatti saame. Sa- lah Ad-Din loltuu guddaa obboleessa isaatin(Al-Malik Al-Adil) hogganamuu qophesse; Qiyas ibni Shadi ajjeessun loltoota isaa bittineesse. Achiin booda Al Malik Al Adil gara Tud deemun Kanza Ad Dawlah waliin wal waraane. Achiin booda Kanzaan dirree waraana dheesse Safar 7 ffaa irratti ajjee- fame.
Kanaafu Salâh Ad-Din shira fi cunqursoota ijibtii irraa qulqullaa’e. Warra badii malee gaarii um- mataaf hin yaadne kan akka Sisii ammaa kana fa’a hundee ishii balleesse. Haati kana akka isaa lamuu deessu eessaa haa argamturee? Qormaanni biraa isa eeggatu maal ta’inna laata? Qormaanni inni itti aanu warra alaa ija itti boobasu, ija isaani jaamsudha, kan akka Qaxxaamurtoota (Crusad- ers).
Yeroo inni kana hunda hojjatu Firaankonni Jerusalem garmalee hordofuu fi eegu turan. Akka um- manni isa waliin gurmaa’ee Lafa Nabiyyoota (Jerusalem)hin bilisoomsineef, garmalee sodaatu. Isa buqqisuuf qophii guddaa godhan. Yaaliin jalqabaa dhawiinsa(attack) Dami’etta5ti ture. Yeroo bulchiinsi Salâh Ad-Din sirritti gadi ijaarrame, sodaan Qaxxaamurtoota hagugde. Akka Jeru- salemiin eeganii fi humna dabalaniif ergaa Spenii fi Sisili itti ergan. Dabalatanis, akka ummata fin- cilaaf kakaasanii fi qarshii meeshaa waraanatiif gargaaraniif,garee monkoota fi qeeysota ergan .
Loltoonni Qaxxaamurtoota, Dami’eta bara 564A.H.itti marsan. Salah Ad-Din loltoota meeshaa waraanaa hidhatan karaa laga Naayilitiin Dami’eti itti erge. Firankoota akka achii baasu gargaarsa Nur Ad-Din Damasqo jiru gaafate. Nur Ad-Dinis gargaarsa gaafatame duula waraanaa gara ijibtii erge. Ofii isaati fi loltoota biraa waliin gara bulchiinsa Qaxxaamurtoota Shaami fi Filisxeemin kees- satti argaminitti seene. Firaankonni kana yoo dhagahan bultii shantama Dami’eta keessa erga tu- ranii booda mufatanii achii taran.
Waggaa shaniin booda bara 569A.H, Firaankonni 6 Sisily irraa dhufan Aleksandariya weeraran. Du- ulli isaani farda dhibba shani fi loltoota kuma soddoma fi meeshaalee waraana garagaraatin daan- gaa galanaa irra qubate. Yeroo achi gahan Musliimota torba ajjeessanii, doonii musliimota garii ga- laanatti dabarsan. Dukkaanas jalaa tarsaasan.
Yeroo Aleksandariyan marfaamtu Salâh Ad-Din magaalaa Fuqas jedhamtu keessa ture. Guyyaa sa- diihin booda erga dhagahee, loltoota meeshaa waraanatin qopheesse itti duule. Guyyaa afraffaa ir- ratti Salâh Ad-Din isaan injifachuun doonii isaani galaanatti dabarsee, baay’ee isaani ajjeesse, korojoo fi meeshaa waraana isaani akka boojitti fudhate. Loltoonni hafan mufiin gara biyya ofiitti dacha’an.
4. Yeroo sanitti suudanonni Ijibtiin kan bulchan keessaa tokko turan.
5. magaala qarqara Nayil irratti argamuttu,200 km kaayiroo irraa fagaatti
Guduunfuf, Salah Ad-Din yeroo lama Firaankotarraa Ijibtiin baraare. Kuni kan agarsiisu Salâh Ad- Din akka seyfitii morma Qaxxaamurtoota irratti ta’ee, Islaama fi Muslimoota eegu irratti akka leen- caa ta’e. (Dhugaaman Salah Ad-Din leenca seenati. Nama gadhe yoom seenan qalama gurraachan barressite dhaloota barsiiste beekti? Goota akkana kan seenan fuula adii ofii irratti galmeessite dhalootaf dabarsiite.
SALAHADDIIN DAMAASQO KEESSATTI
Erga Mootiin Damaasqo Nur Ad-Din du’een booda mucaan isaa Al-Malik As Salih jedhamu angoo dhaale. Umrii isaa reefu waggaa 11. Bulchiitionni naannoo sooriyaa garagaara mucaa xiqqaa waa hin beekne kanarraa karaa adda addaatiin qabeenyaa fi dinagdee irraa hodhu.
Biyyaattin fincilaa fi jeequmsa bulchiitota naannoo garagaraa jiddutti uumamu irraa kan ka’ee na- geenya fi tasgabbii dhabde. Haqummaan dhabamuu fi cunqursaan biyyaatti keessatti babal’ate, ak- kuma yeroo amma ijaan agarru kanatti. Tokko kan biraa injifatee angoo qabachuuf Firaankota Je- rusalem irraa gargaarsa barbaada.
Salah Ad-Din wanta kana yoo arguu jidduu seenu barbaade. Haa ta’uu malee yeroo sirrii jidduu seenu sirritti eegaa ture. Maarre guyyaa tokko hawaasni Damasqo biyyaatti Prinsotaan jeeqamte akka tasgabbeessu, Salah Ad-Din’i xalayaa ergan. Salah Ad-Din’is baay’ee gammade fuula isaa gara Bursaatti qajeelche. Achiin booda gara Damasqo deeme. Saniin booda dinagdee fi qabeenya baay’ee walitti qabee. Salah Ad-Din qarshii fi horii walitti qabuu, dinagdee fi qabeenya walitti tuulu, biliclicii addunyaa tana keessa gangalachuufi angoo hin saamne, akka wallaaltoota mootota ammaa. Fuggisoo kana inni jiruu of gahaa(life of suffiency) jiraate. Hiyyuumman irraatti akka
du’ee gara funduraatti ni ilaalla. Mee isin gaafadhaa qabeenya mootii kanaa hagam turee tilmaamu dandeessanii?
Qabeenya kanniin qajeelfama Islaamummaa irratti hundaa’ee haqummaa haawasaa galmaan ga- huu fi wallaalummaa, hiyyummaa fi dhibee balleessuf, hiyyeessafii kadhataa jiddutti raabse. Salah Ad-Din cunqursaa ummatarraa kaasuf, mirga isaani laatuf, gibira haqa hin taane ummatarratti bulchitootan fe’amee irraa buusuf, Mana Murtii Haqaa Damasqo keessa ta’ee.
6 Frankoota jechuun jaleen isaani gosa Jarman irraa kan ka’anii fi amantii kiristaanumma kan hor- dofaniidha. Qaxxaamurtoota waliin kan gurmaa’aniidha. Qaxxaamurtoonni(Crusaders) Musliimo- ota Jerusalem keessaa baasuf Awrooppa irraa kan ka’aniidha. Cunqursaan isaan hojjatan gara boo- datti kan ilaallu ta’a
Angoon Salâh Ad-Din Damasqo keessatti erga sirritti gadi dhaabbate booda, Damasqo kan dhufeef Mucaa xiqqaa Al-Malik As-Salih barsiisuf, jecha Islaama tokko gochuuf, dhimmoota karaa sirriiti dheebisuuf, diina(Aduwwii) karaa itti cufuu fi cunqursitoota buqqisuuf akka ta’ee ergaa fi marii isaa keessatti xiyyeefannoo itti kenne. Damasqo keessa yeroo gabaabatti dhimma walitti qabee, ba- dii erga sirreessen booda, obboleessa isaa Sayif Ad-Din Taghtakin bulchaa Damasqo godhe muude. Achiin booda ofii isaati gara Homs’itti fuula qajeelche. Dallaa irraa kan hafe Homs guutuu too’ate. Dallaan komaandarootan akka marfamuu dhiisefii gara Hamah adeeme. Yeroo achi gahu bulchaan Hamah, Izz Ad-Din Jurdik,kan jedhamu harka kennu dide. Achii Salâh Ad-Din magaalatti Firaankotarraa eegu fi magaloota Al-Jazirah bulchaa Mosul kan ta’e Sayif Ad-Din’in kan too’ata- man deebisuuf akka dhufee Izz Ad-Din Jurdik itti hime. Asiin booda bulchaan Hamah kuni amane Salahaddini harka kenne.
Gabaabsuuf, Salahaddin magaalota sooriya kan akka Aleppoo,Hamah, Homs fi kkf karaa walii galteenifii waraanatin too’ateera. Yeroo kanatti shirri fi yaalin ajjeecha garee Ismaa’iloota, Firaankota fi pirinsoota Nur Ad-Din irraa irratti raawwatamee ture. Humnoonni sadan kunniin tokkuummaa Islaamummaa Soriyaa, Iraaqi fi Ijibtii dubatti harkisuuf walitti saa-hibooman (hiriyyooman). Haa ta’uu malee Salahaddin ogummaa, angoo, ijjannoo fi qarummaa Rabbiin isaa kennetiin isaan injifate.
BIYYOOTA BULCHIINSA SALAHADDIN JALATTI GURMAA’AN.
Erga Sulxaanni Damasqo Nur Ad-Din du’een booda,goonni Salahaddin Musliimota Addunyaa alaabaa isaa jalatti tokkoomsuuf(gurmeessuf) carraa hundatti fayyadame. Dandeetti loltummaa, muxannoo siyaasaa fi waraanaa waan qabuuf tokko tokkoon booda tokkoomsu danda’era.
Yaman keessatti paartileen garagaraa wal dhabbii fi wal lola addaan hin cinne keessa turan. Mus- limoonni akkanatti yoo wal ajjeessanii fi wal cunqursan Salahaddin garmalee quuqame. Kanaafu obboleessa isa Turan Shah akka jeequmsa kana dhumaan gahu Yamanitti erge. Yaman’in bulchi- insa isaa kan Sooriyaa fi Ijibtii waliin gurmeessun milkaa’e.
Baruma Yaman qabamte kana, Salahaddin Barqah, Tripoli fi Baha Tuniziyaa irraa hanga Qabis ga- hutti bara 569A.H. too’achuu danda’eera. Bara 579 A.H Salahaddin obboleessa isaa al-Malik Al-adil akka konfaransii Islaamummaa ambaasaddaroota Musliimota addunyaatiif Damasqo keessatti qopheefame irratti akka hirmaatu affeere. Aalimonni fi Ambaasaddoronni garagaraa konfaransii kanarratti hirmaataniiru. Xaarin Salahaddin dhabamiinsa walii galtee fi wal lola bulchitoota Mus- limootaa jidduu jiru haaqu fi obbolummaaf araara isaan jiddutti ijaarudha. Ambaasadar Mosul ir- raa dhufeen ala hunduu kanarritti walii galan. Inni, tokkicha Salahaddin mormee fi walii galuu dideedha.
Bulchaan Mosul addunyaa Musliimaa waliin yeroo tokkomuu didu, Salahaddin karaa sirriitti deebisuuf isa waraanuf dirqamee. Yeroo Salahaddin magaalaatti marsu, bulchaan ishii Izz Ad-Din Waligaltee Harran’itti(Harran Treaty) araaramee harka kenne. Akka waliigalteetitti Izz Ad-Din magaalota Shahar Zur, Al-Qarabili, Tafjak fi naannnawa isaanititti argaman Salahaddini dabarsee kenne. Karaa biraatin immoo, Salahaddin magaala Mosula Izz Ad-Dini kenne. Dabalataan, Izz Ad- Din imaammata Salahaddin hordofuu qaba.
Akkuma irranatti ibsametti, Salahaddin naannolee fi magaalota baay’ee alaabaa tokko jalatti gur- meesse. Magaalota fi diira(town) baay’ee bulchee, Ramlah irraa qabee hanga Nayilitti, Kaaba Afri- kaa irraa hanga Tiripooliti. Yaman, Aden, Qarqara Tiripoli fi kutaa Tuniziyaa irraa hanga Qabis ga- hutti, dabalataanis Ijibt, Soriyaa fi Kaaba Iraaq too’ateera. Biyyoonni bulchiinsa isaa jala turan kanniin armaan gadiiti: Kaaba Iraaq(Kurdistaan),Sooriyaa Gudditti(Sham) ,Yaman, Ijibt(Misir),Moroko fi qarqara Kaaba Afrikaati.
Shakkii tokko malee Hawaasni Musliimaa abdii guddaa Salahaddin irra kaa’atan. Tokkumma Mus- lima galmaan akka gahu wanta gaarii isarratti argan. Tokkummaa cimaa kana booda, yeroon wa- raana murteessa irratti Qaxxaamurtoota (Crusaders) rukutanii fi Jerusalemi keessaa ari’an dhu- fuufi. Kan seenan galmeessu fi dhaloonni itti boonu. Walaleessitonni garagaraa tokkumma bulchi- insa Salahaddin jalatti, gaarummaa(goodness) ummaaf(nation) fi Injifannoo Islaam akka ta’etti ilaalu. Sababni isaas, Ummaan qondaaltota dandeetti bulchiinsa hin qabneen baay’ee dararamaa ture. Ibn Sanan walaloon akkana jechuun ibse:
Too’anna kee xumurii Jerusalem qabunii
Itti fufii too’achuu Sirnis itti haa fufuu
QAXXAAMURRI (CRUSADE) MAAL TURE?
Qaxxaamurri duula loltummaa jaarraa lamaaf Jerusalemin harka Musliimota irraa bilisomsuu fi Muslimoonni addunyaa hafan akka hin weerarre daangeessuf ,Awroppaanotaan kan adeemsiifam- edha. Sababoota Duula Qaxxaamuraa
1. Qaxxaamurtoonni (Crusaders) Islaama fi Musliimota garmalee jibbu. Sababni isaas, Jerusalemi fi naannoleen biraa kan akka kutaale Eshiyaa, Afrikaa fi Awroppa harka Kiristaanota keessa turan Musliimotaan waan too’atamaniif.
2. Konstantinopoli(İstanbuli ammaa) Musliimota Seljukin akka hin too’atamne sodaa jala jirti.Akka Musliimoonni magaala tana hin too’anneef mootin Bezantaayin Alexius Comnenus biyyoota Kiristaanaa irraa gargaarsa gaafate.
3. Kiristaanonni Jerusalemin dhufanii yeroo gara Awroppa deebi’an himannaa kununsa badaa dhi- heessan. Monkiin Faransayi Peter the Hermit jedhamu Kiristaanotaa fi Musliimota jiddutti jibba hamaa uume
4. Wantoonni akka fedhii gadi fagoo Amantii(Religious Zeal), fedhii Jerusalemin bilisoomsu fi araarama cubbuu warra waraanatti hirmaatef kakaasa guddaa turan. Fedhiiwan kunniin bish- opotaani fi qeeysotaan betakiristaana keessatti akka gorsaatti ummataa kennamaa ture.
5. Faatimid’oonni Ijibt keessatti argaman Bezantaayinoota waliin saahibomanii lafoota isaani(kan Bezantaayin) Musliimota Seljukiin qabaman bilisoomsu barbaadan.
Pope Urban II dubbii baay’ee barbaachisaa ta’ee Faransaayi keessatti Mana Marii Clermont jedhamutti kenne. Waraana Qaxxaamura 1ffaa bara 488A.H(1095C.E) akka duulan walii galan. Dub- biin isaa, jibba Islaama fi Musliimota kan agarsiisu ture. Akkana jedhe labse, “Waraanni kuni
magaalaa takka qofa too’achuu osoo hin ta’iin, Eshiyaa guutu too’achuu fi qabeenyaf dinagdee lakkobsa hin qabne qabachuudha. Hajji(Pilgrimage) Jerusalemitti gootanii Lafa Qulqullu tana malaamaltootarra bilisoomsu qabdu. Sababni isaas, Akka Towraat labseetti lafa aannani fidammi keessa yaa’udha.”
QAXXAAMURRA 1 FFAA (FIRST CRUSADE) FI TOO’ANNAA JERUSALEM
Bara 486 A.H.(After Hijri)Monkiin Faransaayi Peter the Hermit jedhamu Jerusalemin daaw’ate.
Yeroo achii deebi’uu Qeeysiin walqunnamee lola Qaxxaamuraaf namoota akka waamu gaafate.
Qeeysiin marii Kaaba Xaaliyaani Piacenza keessatti adeemsise. Achiin booda Mana Maree Clermont (Faransaayi) keessatti akka waraana labsan walii galan. Loltoonni Qaxxaamurtoota Konstantinopolitti wal gahuuf walii galan. Yeroo Kootan tokkofaan Eshiyaa Xiqqiti(Asia Minor) keessa darban Seljukni Qalij Arsalan dirree waraanaa guddatti isaan injifate
Kootan biraa immoo Pirinsoota fi fiwudaltootan kan gurmeeffame Kaabaa fi Kibba Fa- ransaayi(warri kuni Firaankota jedhamu) fi Kibba Xaaliyaniti kan dhufaniidha. Konstantinopolitti walitti qabaman. Yeroo Eshiyaa xiqqiti darban Seljukni Qalij Arsalan jidduu isaani seene. Wa- raanni isaan lamaan jiddutti dhoohe. Qaxxaamurtoonni isa injifatanii ji’a saddeeta erga marsaniin booda Antioch’in7 too’atan. Achiin ji’a tokkoof Jerusalemin erga marsaniin booda bara 492A.H(1099 C.E) itti too’atan.
Hojii Amantiini fi rahmataan wal faalleesu ilma nama irratti hojjachuu jalqaban. Wanta sukanessaa fi baay’ee jibbisisaa Musliimota irratti dalagan (hojjatan). Hanga dhigni Masgiida Al Aqsa keessatti garmalee dhangala’utti lubbu Musliimota 70,000(kuma torbaatamaa) gahu ga- laafatan,xiqqaa guddaa osoo hin jedhin.
Ibni Al-Asir jibbama haawasa Muslamaa yeroo sanii yoo ibsu akkana jedha: Ji’a Ramadanaa keessa namoonni Al-Qadi Abu Sa’id Al-Harwi waliin Sooriyaa irraa gara Bagdaad dheesu turan. Gocha sukaneessa fi yakka hamaa ija imimaanin guute fi onnee dhukkubse ergaa isaa keessatti galmeesse. Salaata Jum’a salaatanii Musliimota ajjeefamaniif, dubartoota fi ijjoolle qabamaniif fi dinagdee saamameef yaadachaa, booyaa gargaarsa gaafatu. Kanaafu guyyaa kana sooma isaani hiikan. Yeroo rakkoo akkamii turtee!!!!!
Qaxxaamurtoonni lafoota sooriyaa keessa jiraatan. Bulchiinsa baay’ee qarqara Galfa (Gulf) Ale- ksandraya irraa kaase hanga Askelonitti8 fi Galfa Aqabah irraa kaase hanga Kaaba Ar-Ruha (yeroo ammaa Urufa, magaala Turkii) keessatti ijaarratan.
7 Magaala yeroo ammaa Antakiyaa jedhamtu Turkiin keessatti argamtuudha.
SABABOOTA INJIFFANNOO QAXXAAMURTOOTA
Sababni inni baay’ee guddaan Jerusalemi fi biyyoota naannawa ishii Qaxxaamurtoonni akka too’atan godhe, wal lola ,wal dhabbii fi dhabamiinsa waliigaltee hawaasa Muslimaa jiddutti uumameeni. Diinni wal dhabbii, dadhabbii fi kufiinsa ummata Musliima argeeti malee silaa lafa Musliimota fi iddoo qulqullu hin too’atu ture; ijaarsa isaani barbadeessu fi namoota gurguddoo gadi xiqqeessu hin danda’u ture. Fakkeenyaf;
● Yommu Qaxxaamurtoonni Jerusalemin marsanii cufan, Muhammed ibni Malikshah ob- boleessa isaa Barkiyaruq waliin wal lolaa ture.
● Yommuu Firaankonni Asre(Acre) harkatti galfatan, moottonni Sooriyaa jidduu ofitti wal lolu turan.
● Biyyoonni Muslimaa wal qoqqoodu fi shira walitti baasu turan. Biyyoonni Muslimaa gariin,
biyya Musliimaa biraa waliin wal waraanuf Firaankotarraa gargaarsa ni gaafatu turan.
Qorattoonni seena akka jedhanitti too’annaa kanaaf sababa kan ta’e Ummaa Muslimaati. Rabbiin isaan hin miine, ofumaa of miidhan. Mee wal bira qabne haa ilaallu seenaa tanaa fi kan yeroo ammaa ummanni Muslimaa irra jiruu waliin. Waan baay’ee irraa baranna yoo gadii xinxallinee ilaalle.
Qaxxaamura 2ffaa (Second Crusade)
Akkuma irranatti jenne, akka Qaxxaamurtoonni Jerusalemin qabatan sababni inni guddaan kufi- insa mootumota hawaasa muslimaati. Kanaafu Qaxxaamurtoota achii buqqisuuf fooyya’insaa fi tokkummaa malee furmaanni biraa hin jiru. Fooyya’insii kuni mul’achuu kan eegale, yeroo İmad Ad-Din Zanki mootumma cimaa Mosul irraa hanga Ma’arat An-Nu’man gahutti bara 521A.H keessa hundeessedha. İmad Ad-Din Qaxxaamurtoota bakka 9ay’eetti loleeni jira. Kanniin keessaa bara 539 A.H. bakka Ar-Raha jedhamurraa bulchiinsa isaani buqqise.
Moo’atamuun isaani kunniin akka jeeqamanii fi Mootiin Louis V Faransaayi fi Imperari Konrad III Jermani, lola Qaxxaamura lamaffaa keessatti akka hirmaataniif sababa guddaa ta’eera. Erga ab- baan isaa ,Imad Ad-Din Zanki, du’een booda kutaale dhihaa kan bulchuu İmad Ad-Din Mahmud ajjeessuf irratti walii galan. Sababni isaas Firaankotaaf sodaan(threat) guddaan akka isa ta’etti ilaalu. Qaxxaamurtoota fuula isaani gara Damaasqo erga qajeelchanii yeroo gabaabaf naan- neessanin booda gadii dhiisanii achii taran. Kuni kan adeemsiifame bara 543 A.H ture. Kanaafu Qaxxaamurri lamaffaan asumarratti kufe. Qaxxaamurtoonni achii deemun isaani sun hawaasa Musliima kakaase, afuura olkaasef, Dirree waraanaa Hattin kan Qaxxaamurtoota itti injifachuu hedaniif karaa laafissef.
8 Ascelon- magaalaa yeroo amma yahudota jala jirtu
Dirree Waraanaa Hattin’itti Injifannoo Salahaddin
Sababoota Waraanaa
Akkuma kutaale darban keessatti jenne Salahaddin mootumma tokkummaa’e guddaa kan Kaaba Iraaq, Sooriyaa Gudditti(Shaam),Ijibti, Yamani fi Barqaa of keessatti hammate hundeesse.
Firaankota weeraru, Jerusalemin deebisuu fi magaalota biraa harka isaanitii baasuf waraana guddaa qopheesse. Haa ta’uu malee gadoo isaan ajjeechaa jumlaa Jerusalemi fi yakka masgiida Al- Aqsaa keessatti hojjatan deebisuu fi barnoota isaan gonkumaa hin irraanfanne barsiisuf yeroo sirriif eege.
Yeroon gadoo itti deebiifatu amma dhufee jira. Yeroon kunis gooftan Kerak(lord of Kerak) , Re- ginald of Chtillon jedhamu karaavani(tuuta) daldalaa Salahaddini amanamoo ta’an bara 582A.H.(1187C.E) keessa itti rukutedha. Bulchiinsi Kerak, Ijibtii fi Sooriyaa jiddutti tan ar- gamtudha. Waliigaltee Salahaddin waliin qabuu turan. Keenyata walii galtee keessaa, Karavaanin Musliimota Ijibti fi Sooriyaa jidduu nagahan dhaqanii akka galaniidha.
Yeroo san bulchaan Kerak Musliimota hajjii deebi’an haleeluf waraana qopheesse. Salahaddin ha- jjaajota akka eeganiif namoota jihaadatti waame. Loltoonni Salahaddin hanga hajaajjonni nagahaan dhufanitti naannawa Basra bakka Qasr As-Salamah jedhamtu qubatan. Hajajjoonni di- ina(aduwwi) waadaa fi waligaltee dhiigu irratti Salahaddini Injifannoo akka keennuf Rabbiin kadhatan.Fanatisismi(fanaticism) fi jibbummaan Firaankota jaamsite. Diinummaa fi walaalummaan onnee isaani gogogsite.
Qophii guddaa erga godhanii booda, Salahaddin warroota isa gorsan waliin yeroo sirri Firaankota itti haleelu ilaalchise waliin mari’ate. Guyyaa Salaata Jum’aa booda dhaadannoo “Allaahu Akbar!” fi Du’aayi Injifannoo waliin Rabi Al Akhir 17ffaa bara 583A.H irratti murteessan.
Salahaddin Damasqo gadi lakkise handhuura loltoota walitti gurmeessan tan taate, Ras Al-Maa itti fuula isaa qajeelche. Yommu Salahaddin gara Basra deemu, mucaan isaa Al Malik Al-Afdal Ras Al Maa itti hafe. Salahaddin Basra irraa gara dallaa Keraki fi Ash-Shubkitti fuula isaa qajeelche.
Achiin booda gara Tiberiyan’itti deebi’e.
Inni Loltoota karaa Rabbii irratti akka lolaniif, dammaqsuu fi kakaasuf humna hin hambi- fanne. Inni yeroo hundaa kan gaddu fi aaru ture. Nyaata baay’ee xiqqoo nyaachaa ture. Sababa
isaa yoo gaafatan, akkana jedhe deebisa, “Akkamitti kolfii, nyaanni fi hirribni naaf gaarii ta’a, osoo Jerusalem harka Qaxxaamurtoota jirtu.” Saahibni isaa Al-Qadi Baha ibn Shaddad haala isaa ak- kana jedhuun ibsa:
Too’atamuun Jerusalem dhimma guddaa gaarri baadhachuu hin dandeenye ture. Salahaddin haa- dha daa’imni jala deebi’en(du’een) wal fakkaata. Asi achi deemun ummata Jihaadatti waama. Ijji isaa imimaan gadi dhangalaasti. Akkuma Asre fi ummata ishii rakkoo dhandhamaa jiran arguun, ummatas jihaadatti waama. Yeroo san homaa hin nyaatu ture. Qorichaa doktoraan isaa kennamu dhugaa ture. Doktoroota keessaa gariin(muraasni) akka nan jedhanitti, fedhii waraanitin waan qabameef Jimaata irraa hanga Sanbata Guddaa wanta yartu nyaata.
Qaxxaamurtoonni Salahaddin faalla isaani lola qopheessu isaa, dhugaa ta’uu yoo baran, qophii godhanii gara Tiberiyas itti qajeelan. Gareen lamaan bakka Hattin jedhamtutti walitti jigan. Aduun ganamaa akka ibiddaa hoo’iti. Dheebudhaan qaxxamurtoota balleessuf Musliimonni madda bishaani too’atan. Gootichi Salahaddin carraa argatee haleelun addaan isaan bittineesse. Loltoonni isaanii dheebu fi sodaan gara Gaanfa Hattin’itti bahan. Dirreen waraanaa Salahaddiinif Injifannoo guddaa, Qaxxaamurtootaf immoo moo’atama hamaa ta’ee xumuramee. Tokkoon isaanille hin dheessine. Salahaddin kuma kudhani ajjeesse kan hafan ni booji’e. Bishoopi Asrelle ajjeesse qaxxaamura isaa harkaa fuudhe.
Musliimonni fiixe gaaratti ol dhiihaatan. Qaxxaamurtoonni hafan, Mootii Jerusalem fi abbooti fardaa dhibbaaf shantama ta’an sababa dheebu hamaa, sodaa fi dadhabiitin lolu kan hin dandeenye turan. Mootiini fi abbootin fardaa qabaman. Waraanaf kan sababa ta’es Reginald qabame. Sulxaan Salahaddin gorsiitota isaa kan yaada gaarii qaban waliin mari’ate. Sababa Injifannootif Rabbii ga- lata galchuuf sujuuda bu’an.
Achii Salahaddin loltoota isaa mooticha, Guy Of Lusignan, fi Reginaldin gara dukkaanaa akka fi- dan ajaje. Bishaan isaani fide. Mootichi qabee bishaanii keessaa kan caalu dhugee, kan hafe Re- ginalditti kenne. Achii Sulxaanni “Bishaan akka isa baraaruf isatti hin kennine” jedhen. Mootichi Reginaldin sababa karavaanota Musliima haleele fi Rasuula(SAW) arrabseef waqqase. Salahaddin waadaa guutuu fi kakuu isaa eeguf Regnaldin ajjeesse. Yeroo sanitti mootichi garmalee sodaate.
Haa ta’uu malee Salahaddin isa tasgabbeesse akkana jedheen, “Mootin mooti biraa ajjeessun bara- maa mitii, dangaa yoo darbe malee.” Isaa fi hordoftoota isaa kabajaan gara Damasqo erge.
Dirreen waraanaa Qaxxaamurtoota irratti Salahaddinif Injifannoo murteessaa ture. Loltoonni Musliimota waan sirritti gurmaa’aniif, sirritti qopha’aniif, muxannoo fi hoggansa gaarii waan qaba- niif saamtota Firaankota irratti Injifannoo argatan. Waraanaf bakka sirri filaatun dirree lol- tummaatti milkaa’an.
Injifannoo booda Salahaddin gara qarqara Asretti socho’e. Namoonni magaalaa tanaa hunduu bara 583A.H keessa harka kennan.Qaxxaamurtoonni gara Tyre itti buqqa’an. Salahaddin magaalota fi mooraale naannawa Asretti argaman kannin akka Tabna’in, Sidon, Juba’il fi Beyrutin too’ate. Achii gara Askelonitti socho’e. Guyyaa afurtamaaf erga naanneesse booda namoonni Askelon harka ken- nan. Erga Ramlah, Ad-Darum, Betlehem fi An-Natrun too’aten booda gara Jerusalemitti fuula isaa qajeelche. Jerusalemin marsee nyaanni fi dhugaatin Qaxxaamurtoota akka hin geenye(dhaqqabne) dhowwe.
Salahaddin Jerusalem akka eeggamtu barbaade. Humnaan qulqullumaa(sanctity) ishii akka hin cabsinee yookin ijaarsa ishii akka hin barbadeessineef walii galten seenu murteesse. Kana ho- jjachuun Umar ibni Al-Khaxxaabin akkeesse. Haal duree inni kaa’e irratti akka harka kennan jaar- summaa erge. Firaankotaan akkana jedheen, “Akkuma isin qulqullumaa Jerusalemitti amantan anille nan amana. Bakka qulqullu itti cufuu ykn haleelu hin barbaadu.” Haa ta’uu malee
Firaankonni obsa malee ykn bu’aa isa osoo hin hubatiin harka kennu didan. Kanaafu Salahaddin ittisaa fi waraanan magaalatti akka too’atu dirqame. Marfama torbaani booda magaalattin Sala- haddinitti harka kennite.
Haal dure guyyaa afurtama keessatti namticha tokkof dinaara kudhan, dubartii takkaaf dinaara shan, mucaa tokkoof dinaara lama akka kafalanii Qaxxaamurtoonni ykn firaankonni magaalatti akka gadi lakkisanii walii galan. Kana kafaluu kan hin dandeenye akka booji’amaatitti (captive) fudhatama. Kunii akka kaasatti miidha isaan ummata muslimaa irratti hojjataniif.
Rajaba 27ffaa bara 583A.H keessa Qaxxaamurtoonni magaalatti osoo lakkisanii hin bahin Sulxaanni namoota akka kaasaa kana walitti qaban ajaje. Mee ilaalaa Salahaddin yeroo Jerusala- miin seenu wanta xiqqoo isaan gaafate. Garuu Qaxxaamurtonni ykn firaankonni waggaa 88 duraa ummata muslimaa xiqqaa guddaa osoo hin jedhin akkuma yahudoota amma walirratti fixan.
Garaagarummaa kana mee ilaalaa.
Raagni aalima Damasqo Al-Qadi Muhi Ad-Din ibn Az-Zaki dhugaa ta’ee mul’ate, yeroo inni Sala- haddin’in akkana jedhuun :
Seyfiidhaan ji’a Safar keessa Aleppo too’achuun kee, mallattoo gaarii ji’a Rajab keessa Jerusale- min itti too’attu agarsiisa.
Sulxaanni Salahaddin aalima kana too’annaa jaarraa tokkoon booda kuxba(sermon) guyyaa
jum’aa jalqabaa Masgida Al-Aqsatti akka godhu fide. Guyyaan kuni guyyaa yaadanno salaanni gammachuu fi namoota baay’een kan badhaadhe ture. Seensa kuxbaa isaa afaan ingiliffaatin ki- taabicha gara dhumaatti dhiheessurraa dubbiisu dandeessu.
Too’annaa guddaa kana booda walaleessitonni, aalimonni(beektonni) fi barreessitonni tokko tok- koon booda Salahaddin faarsuf walaloo fi barreefama isaani dhiheessan.
Kununsa Salahaddin Qaxxaamurtootaa Godhe
Akkuma duratti jenne keeyyata Salahaddini fi Qaxxaamurtoota jiddutti mallateefaman keessaa, Firaankonni guyyaa afurtama keessatti Jerusalemin gadi lakkisanii bahuu fi kaasaa tokkon tokkoon namtichaatif dinar 10 ,takkaan takka dubartiitif dinar 5 fi mucaa tokkoof dinar 2 akka kafalan ture. Kan kana kafalu hin dandeenye akka hidhamaatitti(booji’amaatitti) fudhatama.
Haa ta’uu malee Salahaddin gaarummaa fi araarama Islaamummaan mootota abbaa irree fi cun- qursitotaaf qabu agarsiisuf, gara laafinnaa fi rahmataan isaan kununse. Dabalataanis, amantin Is- lama amanti rahmataa fi dhala namaatif furmaata akka ta’ee haa hubataniif isaan akkasitti kununse.
Bulchiinsa Islaamummaa jalatti namoota Musliima hin taane ajjeessuf seyfin itti ol hin kaane ykn immoo namoonni haqa malee hin miidhamne. Hubachiisa: namoonni osoo akkanitti Musliimo- taan ajjeefamani, ati immoo asitti dhufte akkamitti akkana jetta? jettanii yaadu dandeessu. Deebin isaa biyyi yeroo ammaa seeraa fi bulchiinsa Islaamummaatin bultu addunyaa irra hin jirtu,
fakkeessaf yoo ta’ee malee. Osoo haqummaa fi bulchiinsa Islaamummaatin kan bultu taate, dhigni namoota guyyaa guyyaan akkanitti hin jigu.
Salahaddin Akkamitti booji’amtoota Qaxxaamurtoota kununse?
Sulxaanni Salahaddin Firaankonni baay’een warraa fi fira dullooman dugda isaani irratti yoo baadhatan, garmalee gadde, ilaalu hin dandeenye. Qarshiin akka isaani raabsamuu fi horiin gee- jjiba fidameefi ba’aa gurguddaa baadhate bakka deemaniif dhiphinna malee akka gahan ajajeef. Dubartootaf kan garaa laafu ture. Dubartiin sooreti haadha manaa mootii Bezantaayin takkatu ture. Jerusalem keessatti molokse taate. Bakka Rabbiin qofti itti waaqefatamuu hundeessite. Na- moonni baay’een karaa Ishii hordofan. Sulxaanni Salahaddin ishii fi hordoftoota ishiitif eegumsa godheef.
Yeroo mootittiin Sybil hordoftoota ishii waliin magaalaa gadi lakkiisuf Salahaddinin gaafattu, inni garaa laafefi abbaa manaa ishii Nablus keessatti hidhametti geesse. Dubartoonni baay’een ijjollee isaani harkaa dugdatti baadhatanii ishii hordofuun sulxaanati dhaqan. Yeroo achii gahan akkana jedhanii sulxaanatti iyyatan, “Yaa Sulxaan, akkuma atu agartuu amma magaalatti gadi lakkisaa
jirra. Nuti hidhamtoota sanniinif haadha, niiti fi ijjollee dubartootati. Hidhamtoota keenya kan nu eeganii fi nu guddisan dhiisne magaalatti tana hundee gadii dhiisaa jirra. Yoo isaan ajjeeste jiruun teenya ni baddi. Yoo isaan gadi dhiiste, baadhaadhinna kee nurratti oolun rakkoo fi hiyyummaa keenya nuu laafista. Sababni isaas, kan nuu bulchuun ala jiraachu hin dandeenyu.”
Sulxaanni jecha isaanitin socho’ee dargagoota haawwaniif, abbaa manaa nitiwaniif, abboota ijjoolle dubartootaf gadii furee. Hidhamtoota hafan immoo rahmataa fi gara laafinaan kununsuuf waadaa galeef.
Stevenson akka jedhutti Sulxaanni namoota baay’ee kaasaa osoo hin kafalchiisin gadii fure. Pool, Arnold irraa akka gabaasetti Sulxaanni namoota harka qalleeyyi fi naafa ta’an osoo kaasaa hin kafalchiisin gadi fure. Abbooti amanti fi namoota biraa qabeenya isaani hanga barbaadan fudhatanii akka bahan hayyameef. Muslimoonni kan isaan baadhachu hin dandeenye irraa bitaa turan. Obboleessi Salahaddin Al Malik Al-Adil harka qalleeyyi fi naafota kuma torba ta’an kaasaa irraa akka bilisa godhu Salahaddinin hayyama gaafate. Salahaddin kuma kudhanii bilisa godhe.
Injifannoo Hattın booda wantii Salahaddin Firaankotaa godhe, hojii badaa ofii isaani wal jiddutti hojjatanirra kan caaludha. Akkasumas gadoo Firaankonni Qaxxaamura tokkoffaa irratti Musliimo- tatti hojjatanirra harka baay’een kan caaludha.
Pirinci Alin qorataa seenaa İngilizi irraa akka gabaasetti, yeroo Kiristaanonni Jerusalemin gadi lakkisanii gara Kiristaanota Antioch deeman, mindaan isaani akka magaalitti tana hin seenne dhowwamuu malee kan biraa hin turre. Achii gara biyyoota Muslimaa haala gaariin kan simatanitti qajeelan.
Dabalataanis Pirins Alin akkana jedha :
Mishud haala Kiristaanota Jerusalemi bahanii fi obboleeyyan Kiristaanota isaanitirraa argatan ni hima. Beelaa dheebu, hiyyummaa fi kabaja dhabuun Sooriyaa keessatti rakkatan. Tiropoolinis bal- bala ofii itti cufte. Dubartiin daa’ima ofii galaanatti darbuuf dirqamte. Ummata Kiristaanaa isaan simatu didan abaarte.
Patraa’ikin Kiristaanota hiyyeeyi booji’amaniif wanna takka osoo hin kafaliin, qabeenyaa fi korojoo isaa waliin magaalatti gadi lakkise. Pool Paatra’ikicha namticha beekumsaa fi yaada hin qabne jechuun ibsa.
Sulxaanni “Qabeenya isaa kana harkaa fudhatte, maaliif humna Musliimota itti hin jabeessine? ” jedhamee yoo gaafatamuu, deebin isaa kana ture “Waadaa diigu irra dinaar kudhan irraa fud- hachuu filadhe.” Pool kanarratti yaada keennun akkana jedha, “Sulxaanni Muslimaa hogganaa amantii Kiristaanaa hiika hojii gaggaari fi hamilee gurguddaa barsiise.”
Akkuma durattu jenne kununsi Musliimonni fi Islaamni Qaxxaamurtoota irraa argatan ajjeecha jumlaa kan garaa nama raasu ture. Seenan gocha gadhe isaan bara 492A.H(1099C.H) keessa ho-
jjatan galmeesse olkaa’e jira. Prins Alin qorataan seenaa Ingiliz Mill wanta Jerusalem keessatti ho- jjatame kan Mishud irraa gabaase akkana jechuun irra deebi’a.
Muslimoonni daandii fi mana isaanii keessatti ajjeefaman. Namoonni gariin ajjeecha jumlaa irraa dheessuf dallaa garmalee ol dheeraa irraa of gadi furaa turan. Gariin immoo gamoo, masaroota fi masgiidota keessatti dhokataa turan. Haa ta’uu malee Kiristaanonni bakka isaan jiran kamittu hor- dofuu. Kotteen namaa fi fardaa reefa Musliimota irra deeman.
Pirins Alin ammas akkana jechuun Mishud irraa gabaasa:
Musliimonni qabeenya fudhachuuf lubbuun jiraatanis ni qalaman. Muslimoonni biroo immoo jiraa isaani gubaman hanga gariin Musliimota xaaraa manaatirraa of darbanitti. Musliimonni biroo im- moo iddoo itti dhokatanirraa qabamanii ajjeefaman. Dubartoonni musliima imimaan dhanga- laasan, ijoollen ni iyyan. Iddoon gochii ajjeecha kuni hundii itti raawwatame iddoo Kiristoos diina isaatiif araarameedha.
Mill itti dabaluun akkana jedha, “Warra yakka tokko malee ajjeefamaniif gargaarsi fi rahmanni wayitu hin jiru. Yakka tokko malee lubbuun namoota kuma torbaatamaa ajjeefamte.”
Argitanii gaarummaa fi araarama kana fakkaatu Salahaddin diinotaa(aduwwi) godheef? Argitanii hammeenya rifachiisaa Qaxxaamurtoonni Muslimoota irratti hojjatan?
Rabbiin rahmata isaa haa godhu walaleessaa akkana jedhef:
Yeroo Jerusalemin bulchinu, haqummaa babal’isne Yeroo isin bulchitan dhiigatu dhangala’e
Booji’amtoonni akka ajjeefaman hayyamtan
Nuti immoo araaramneefi badhaasne Garaagarummaan isini fi nu jiddu nuuf gahaadha. Qabeen kamiyyu bishaan of keessaa ni firfirsaa
Hattiin garaagarummaa kununsa Muslimoonni Qaxxaamurtoota godhanii fi Qaxxaamurtoonni waggaa 88 dura Musliimota godhan jiddu ifatti labsiti.
Qaxxaamurtoonni erga magaalota Jerusalem fi Asre keessaa baqatani booda gara magaalaa Li- banos, Tyre jedhamtutti deeman. Achiin booda humna ofii jabeefatanii magaalaa Asre marsan. Wa- raanni Qaxxaamura sadaffaa isaani fi musliimota jiddutti dhoohe. Waraanni kuni loltoota İngiliz, Jermani fi Faransayi kan makate ture. Lolli Musliimota fi Qaxxaamurtoota jidduu waggoota mu- raasaf erga itti fuufen booda bara 588A.H(1192C.E) Ramlah keessatti waligaltee irra gahan.
Waligalteef keeyyani baay’ee ijoo ta’ee kanneen armaan gadiiti:
•Qaxxaamurtoonni qarqara Tyre irraa hanga Haifa gahutti ni jiraatu.
•Kiristaanonni gibira homaatu osoo hin kafalin akka Jerusalemin dawwatan ni hayyamamaaf.
•Dheerinni yeroo walii galtee waggaa sadii fi ji’a saddeet ta’a.
Ragaalen seenaa akka ibsanitti Salahaddin waligalteef kan fedhii hin qabne ture. Hifannaa fi did- daa loltootatiin dirqamuun waligaltee irra gahe. Jihaada itti fufuun jecha Rabbii ol’aansu fi Sooriyaa fi Filisxeemin qulqulleessu barbaade. Magaalaa qaxxaamurtoonni bulchan keessatti je-
qumsaa fi badii uumu danda’an jedhe sodaate. Akkasumas, irra deebi’anii tokkumaa’uun addunyaa Muslimaa haleelun too’atu danda’an jedhe sodaate.
Al-Qadi kitaaba isaa An-Nawadir Ad-Sulxaniyah keessatti akkana jedha:Wallaahi! Waligalteen wanta Salahaddin fedhe miti. Waligaltee ilaalchisee yeroo waliin haasofnu akkana jedhe natti hime, “Isaan waliin araaramu hin barbaadu. Sababni isaas, tokkummaa’ani magaalota ofii deebifachuuf
nu faalleessu danda’an. Hundi isaanitu magaalaa qabatanii bulchuu danda’u.”
Kan ta’e ta’ee, gareen lamaanu lola dheeraa fi waa baay’ee kan barbadeessen booda waligaltee Ramlah fudhatan. Bu’aan lolaa(waraanaa) garee lamaanifuu quubsaa hin turre. Itti fufinsa aadaatifi hojiiwwan ijaarsaatif nageenya fi tasgabbii hawwan.
Wanti ta’e ta’ee, Salahaddin akkana jechuun labse, “Waligalteen hojii irra oolfame jira. Namni ka- miyyu magaalaa isaanitirraa magaalaa teenya seenu barbaade, seenu danda’a. Namni kamiyyu magaalaa teenyarraa magaalaa isaani seenu barbaade, seenu danda’a.”
Labsii nageenyaa booda, gochoonni daldalaa fi ikonomi misoomu jalqabe. Muslimoonni galaa(pro- vision) fi daldala barbaaduf gara Yaffa deeman.
Haalli Filisxeeme gara duraatti deebi’e. Ummanni nageenya fi tasgabbii qabaachu isaanitif gamma- chuu argatan.
Dabalataanis, Sulxaanni Kiristaanotaf akka Jerusalemin dawwataniif balbala bal’isee baneef. Yeroo Mootin İngiliz King Rechard the Lion-Hearted, Kiristaanonni baay’een Jerusalemin dawwatuu
isaani beeku, Salahaddin’in ni aarsan jedhe sodaate. Lakkoofsa Kiristaanotaa Jerusalemin dawwa- tanii akka gadii xiqqeessu Salahaddin’in gaafate. Haa ta’uu malee Salahaddin kana diduun akkana jedhe labse, “Dawwatoonni sunniin bakka qulqullu dawwachuuf magaalota fagoo irraa dhufu.
Isaan dhoowwu ani mirga hin qabu.” Dawwatoota Kiristaanotaaf kan arjoomu fi isaan waliin kan haasawu ture.
Salahaddin mootota Bahaa fi Dhihaa barnoota waa’ee waldanda’u, araarama, kununsa gaarii fi ho- jii hamilee gaggaarii isaan barsiise. Kuni hundi kan adeemsiifame osoo mootin Richard the Lion- Hearted gara Englanditti hin deebi’iniin duratti.
Rabbiin Salahaddini rahmata haa godhuuf; sadarka Jannataa ol’aantutti ol haa kaasu.
1. Waligaltee Ramlah booda Salahaddin haala Jerusalem qorachuuf, dhimma walitti sasaabuf, mana barnoota banuuf, hospitaala ijaaru fi bulchiinsa sirreessuf gara Jerusalem deeme. Hajji hajju barbaade. Haa ta’uu malee pirinsonni isaa Qaxxaamurtoonni si ajjeessuu danda’an jedhani gorsan. Achumaan osoo hajjii hin hajjiin hafe.
Erga Damaasqo gaheen booda, dhimma bulchiinsa sassaabu, qabeenya namoota ta’uufii kan qabu raabsu, loltoota akka biyya isaani dawwatan(ziyaaran) hayyamuu fi haqa buusuf komii namoota dhagahuu jalqabe. Damasqon iddoo gaarii fi namatti toltu, obboleessa isaa Al-Adil fi ijoolle isaa waliin adamoo itti shaakalaa tureedha. Dadhabbii guyyaa fi halkan dheeraa booda boqannaa asitti argate. Al-Qadi Ibn Shaddad akka jedhutti gammachuun Salahaddin Damasqo keessatti yaada ji- reenyaa Ijibt keessatti isa irraanfachiiste. Ibn Shaddad amallee akka jedhutti, “Yeroo ani kutaa isaa seenu, na simatu fi hammatun booyaa ture. Rabbiin Rahmata isaa haa godhu.”
Safara 14 bara 589 A.H hajjaajota Makkarra deebi’an simatuuf gara alaa bahe. Isaan keessaa tokko ta’uu hawwe. Haa ta’uu malee isaa hin barreefamne.
2. Erga hajjaajota simateen booda bowwoo mataatin qabame. Dhibeen itti jaabatte hanga doktorri isa fayyisuuf abdi kututti. Yeroo dhibeen isaa beeksifamuu, namoonni sodaatanii yaaddawan. Na- moonni baay’een haala fayyaa isaa baruuf dallaa Damasqotti walitti sassaabaman. Gariin isaani im- moo akka Rabbiin fayyiisuuf du’aayi godhan. Al-Qadi Ibn Shaddad fi Al-Qadi Al-Fadl qofni akka isa dawwatan hayyamamee. Yeroo inni dhukkubsatu isa waliin turan.
Guyyaa jahaffaa dhibee isaa, Al-Qadi Ibn Shaddad isa bira ture. Yeroo tajaajiltoonni dawaa booda bishaan qorraa akka dhuguuf itti fidan, bishaan ho’aa akka ta’etti itti dhagahame. Yeroo bishaan biraa itti fidan, qorraa akka ta’etti komii itti dhiheesse. Saniin booda akkana jedhe, “Rabbiin gala- toofame, bishaan eenyulle hin jijjiru.” Inni bishaanitti hin aarre. Ibn Shaddad dabalee akkana
jedha, “Anaa fi Al-Qadi Al-Fadli gadii baane boonne.” Al-Qadi Al-Fadli akkana jedhe, “Nuti hamile guddaa akkana gonkumaa yeroo jiruu keenyaa keessatti hin agarre. Wanti akkanaa mootii biraa waliin osoo kan ta’u ta’ee, silaa kubbaayaa bishaanitiin tajaajilaa dhayaa ture.”
Al-Qadi Ibn Shaddad akkana jedha:
Guyyaa kurnaffaa dhibee isaa, si’a lama waraanname. Kana keessa hanga ta’e tokko fooyya’ee bishaanis dhuge. Guyyaa san namoonni garmalee gammadan. Yeroo lukti isaa garmalee akka fuurtu(dhafqitu) nutti himamu, Rabbiin baay’ee galatoonfanne. Akkasamus, dafqi qaama isaatirra babal’achu yeroo nutti himamuu baay’ee gammanne. Guyyaa kudha tokkoffaa Safara 26 fayyaa isaa yeroo gaafannu, hanga siree jiise achii minxaafi fi lafa jiisutti dafquu isaa nutti himame. Doktorri wanta tokko gochuufii hin dandeenye.
Yeroo mucaan hangafaa Salahaddin, Al-Malik Al-Afdal Nur Ad-Din Ali, abbaan isaa fayyuu akka hin dandeenye fi hadhaa du’aatin rakkataa akka jiru yoo beeku, ummata bulchiinsi hanga du’a isaa isa jala akka turu kakachiise. Du’a isaa booda akka inni dhaalu ummata waadaa galche. Kakun Al-
Malik Al-Afdal Nur Ad-Din Ali kakate, Al-Qadi Ibn Shaddad’in An-Nawadir As-Sulxaniya keessatti haala armaan gadiitin gabaase jira.
Amma fedhiin kiyya onnee irraa kan burqeedha. Mootii kanaaf hanga inni lubbuun jirutti isaaf amanamaadha. Mootumma isaa nan eega. Qabeenyaa fi yeroo koo isarratti nan baasa. Seeyfi fi loltoonni koo gama isaa kan dhaabbataniidha. Mucaan isaa Al-Afdal Nur Ad-Din Ali angoo isaa dhaala. Wallahi, isa tole nan jedha. Mootumma lubbuu, qabeenya fi seeyfi kootin nan eega. Wanta inni ajaje fi dhowwe nan raawwadha. Keessaa fi alli kiyyaa walqixa.
3. Guyyaa dhibee isaa kudha lamaffaa Safara 27ffaa keessaa fayyaan isaa daran hir’ate hanga of wallaalu gahe. Aayata(verses) Qur’aanaa muraasa akka dubbisuuf Qaarin(kan Qur’aan dubbiisu) fidame. Yeroo dubbisaan Qur’aana jecha akkana jedhu bira gahe “Kan haqaan gabbaramu Rabbiin malee hin jiru, Isarratti hirkadha.” fuulli Salahaddin ife. Achiin salaat Subih, ji’a Safara 27 bara 589
A.H ruhiin(lubbuun) isaa gara Uumaa isaatitti deebite.
4. Duuti Salahaddin Musliimota guutuf rifachiisa guddaa turte. Al-Qadi İbn Shaddad ija ofiitin ragaa bahuun gadda namoota haala kanaan ibsa:
Guyyaan guyyaa gadda turte. Erga Kalifoonni afran du’aniin booda Musliimonni rifachuu kana fak- kaattun hin xuqamne. Guyyaa san gaddii guddaan sabaa fi addunyaa haguuge. Wallahi bakka isaa namoonni muraasni of wareeguf kan hawwan dhagahe. Isaan dura wareegama cimaa akkasi hin dhageenne. Osoo wareegamni sun kan fudhatama qabaatu ta’ee, akka du’arraa baraaramutti natti dhagahame. Ijoollen dhiiraa isaa karaa irratti bahanii bohaa turan. Haalli kuni hanga salaata Zuhri itti fufe. Salaata Asri dura awwaalame. Rabbiin ruhi isaa haa ulfeessu, qabrii isaa haa ibsuuf.
5. Guyyaa Salahaddin du’ee hawaasni Muslimaa namoota gurguddoo seenaa keessaa tokko dhabee jira. Nama sadarka guddaa, kabajaa fi ulfinna qalbii namoota keessaa qabudha.How seldom do mothers give birth to such a one as salahaddin with his character and attributes: no- ble, sacrificing, righteous, and a fighter. May Allah honour him in the hereafter, lighten his grave, and raise his rank in paradise.
6. Salahaddin (Rabbiin rahmata haa godhuufi) yeroo du’u umriin isaa waggaa shantami torba(57) ture. Qabeenyi isaa dirhama afurtamii torba(47) fi dinar takka ture. Lafa wayitu, ashaakiltii homaatu, lafa qonnaa fi qabeenya biraa homaatu osoo hin horatin du’ee.
7. Du’a isaa booda walaleessitoonni baay’een walaloo isaanii walaleessaniif. Amilee isaa gurguddaa kan akka diina isaati araaramu fi kununsuu fa’a faarsaniif. Walalowwan kanniin keessaa kan İmad Al-Asbahani kana fakkaata:
Qoqqodamiinsi sirna mootumma haguugde Wantoonni gaariin keessaa yoo taran yeroon bade
Eessa jira nuti tolee kan jennuun innis Rabbii tolee kan jedhe? Wallahi eessa jira An-Nasir Al-Malik kan fedhii gaarii qabu? Gochii isaa guutuu kan Rabbii jedhe
Eessa jira hooggansii isaa kan abdatamuu? Angoon isaalle kan sodaatamuu?
Eessa jira arjaan isaa yeroo kan kabajee?
Badhaadhinni isaa kennama gurguddaa Eessa jira gootummaan isaa Qaxxaamurtoota sodaachise salphisee? Jihaadaf jedhe rakkoo rakkatee
Mi’aa duniyaa achumatti achi gatee Namni tokko akka du’ee hin yaadinii Nama hundatu du’ee yeroo sanittii Yeroo hundaa Islaama gargaare Sadarka Jannataa ol’aanaa qubachuufii Inni mootii turee Islaama kan deeggaru
Inni garalaafaa, rahmataa fi kennaa turee Yatimootaaf dubartii abbaa manaa hin qabnee Daangan magaalotaa loltu goototaan ala ta’ee Jihaadni jihaada akka keeti ta’uu hin dandeenye
Yaa gadda Islaama, sodaan onne mu’imintoota guutte Barri isaa yeroo gabaabaf ture
Waggaan akka sa’aati darbee Rabbiin isarraa haa jaallatu Gallanni Rabbii Kursiyiitiif haa ta’uu
An-Nasir Al-Malik – Maqaa biraa Salah Ad Din Al-Ayyuubi
Maddi koo kitaaba kana. Downloadi gochuun guutuu seenaa salahaddin dubbisu dandeessu. https://sammubani.files.wordpress.com/2015/01/salah-ad-din-al-ayyubi.pdf
Linki lamaffaa
http://www.kalamullah.com/Books/Salah%20Ad-Din%20Al-Ayyubi.pdf
Gudunfaa
Hanga dandeetti gootin gabaabsun afaan inglizi irraa gara Afaan Oromotti jijjiruuf yaale jira. Namni dogongora irraa waan hin fagaannef dogongora koo sirreessuf yaala. Barreefamni kuni kan barraa’e waggaa tokkoon dura. Sirni ijaarsa himoota wal dhahaa ta’uu waan danda’uuf na offol- chaa.
Subscribe to:
Posts (Atom)
Yaada fi Milkaa'inaa
Yaadaa fi Milkaa’inna Kitaaba Of-Dagaagsu (Self-Development) yeroo jalqabaatiif Afaan Turkii irraa gara Afaan Oromootti hiikkame K...
-
Mul’ata jechuun maal? Mul’anni maddaa fi abdi jireenyaati. Dhugoomsaa eenyummaa keetiiti. Kennaan hunda caalu kan ilmaan namootaaf kenname ...
-
ilaalcha Jireenya kee jijjiiruuf Maaltuu Sirraa Eegama Jireenya ofii jijjiiruun salphaa miti. Qabsoo aarsaa guddaa si kafalchiisu taasisu...
-
Jireenya kee jijjiiruuf Maaltuu Sirraa Eegama Jireenya ofii jijjiiruun salphaa miti. Qabsoo aarsaa guddaa si kafalchiisu taasisuu si gaaf...