Saturday, February 26, 2022
jechoota Hayyoota shaku August 26, 2021 Bekkumsa walii galaa Share Leave a Reply Jecha beektotaa~ – “Mo’attoonni waan adda ta’e hojjetu miti waanuma jiru karaa adda ta’een hojjetu.” Shiiv keeraa -“Muka ija qabdutti dhagaan darbatamu itti baay’ata.” Shiiv keeraa. -“Namni Kamillee miilla dhoqqeedhaan Sammuu koo irra akka ejjetu hin eeyyamu.” M. Gaandii “ -“Hin danda’amu kan jedhamu wanta hin hojjetamne qofadha.” N. Maandellaa. -“Dukkanni dukkana hin ibsu; Ifatu dukkana ibsa. Jibbi jibba in ari’u; jaalalatu jibba ari’a.” Maartiin Luuter Kiingi. -“Haala si mudatu waliin jireenyakee wal fudhachiisuuf yaalii godhi malee; akkan barbaadu ta’uu qaba, hin jedhin.” Maartiin Luuter Kiingi. – “Addunyaan kun bor nii baddi yoo naan jedhan illee har’a sanyii facaasuu hin dhiisu.” Maartiin Luuter Kiingi. – “Namni tokko yommuu kufu hin injifatamu, yommuu abdii kutatu injifatama.” Riichaard Niiksoon. -“Namni dogoggora hojjetee hin beekne nama homaa tokko yaalee hin beeknedha.” Albeert Inestaayin. -“Nagaan waliigalteedhaan malee humnaan hin argamu.” Albeert Inestaayin. -“Sababan gatiittii namoota gurguddoo irra dhaabbadheefan namoota kaan caalmaatti fageessee ilaaluu danda’e.” Iyezak niiwtan. -“Hiyyeessa taatee dhalachuun kee dogoggora mataa kee miti, Carraadha. Garuu yop hiyyeessa taatee duute dogoggora mataa keedha.” Biil Geet. -“Karaa milkaa’inatti geessu hin beeku yoon ta’ellee karaa kufaatiitti geessu garuu nan beeka. Innis namoota hundumaa gammachiisuuf dhama’uudha.” Biil koosbiil -“Kun hundumtuu ta’ullee, ani garuu ammayyuu ilmaan namootaa uumama isaanii irraa jalqabanii gaariidha jedheen yaada.” Haannaa Firaank. – “Maqaa diinota kee fi hojii isaan si irratti hojjetan hin irraanfatin. Balleessaa isaaniif garuu dhiifama godhi.” Joon F Keenedii. – “Addunyaa kana irraa wanti baay’ee nama gaddisiisu, utuu ija qabanii mul’ata dhabuudha.” Heelen kiiler. -“Hiyyumnis ta’u soorumni bu’aa ilaalcha keenyaati.” Naappooliyoon Hiil. -“Carraatti cimseen amana, yoon jabaadhee hojjedhe immoo carraawwan hedduu akkam argadhus nan amana.” Toomaas jeefersen. -“Kaleessa caalaa bortu sitti dhihoodha.” Miratuu Shanqoo
Subscribe to:
Posts (Atom)
Yaada fi Milkaa'inaa
Yaadaa fi Milkaa’inna Kitaaba Of-Dagaagsu (Self-Development) yeroo jalqabaatiif Afaan Turkii irraa gara Afaan Oromootti hiikkame K...
-
Mul’ata jechuun maal? Mul’anni maddaa fi abdi jireenyaati. Dhugoomsaa eenyummaa keetiiti. Kennaan hunda caalu kan ilmaan namootaaf kenname ...
-
ilaalcha Jireenya kee jijjiiruuf Maaltuu Sirraa Eegama Jireenya ofii jijjiiruun salphaa miti. Qabsoo aarsaa guddaa si kafalchiisu taasisu...
-
Jireenya kee jijjiiruuf Maaltuu Sirraa Eegama Jireenya ofii jijjiiruun salphaa miti. Qabsoo aarsaa guddaa si kafalchiisu taasisuu si gaaf...